Seera Laakkobsaa 23 - Kitaaba Woyyuu

Raaga Bala'aamii Ka Jalqabaa

1Bala'aam Baalaaqiin, «Hulee ciincaa itti ciincessan torba naa ijaarii jiboolee torbaa fi korbeeyyii hoolotaa torba naa qopheessi» jedheen.

2Baalaaqillee akkuma Bala'aam isaan jedhe godhe; Baalaaqii fi Bala'aam hulee ciinca'aa irratti jibicha tokkoo fi korbeessa hoola'aa tokko ciincessan.

3Kanaan maayessa Bala'aam Baalaaqiin, «Ati hulee ciinca'aa kana biratti na eegi; ani deemee maal laataa waan Rabbi natti hime deebi'ee sitti himaa» jedheenii gara gooddaa ol baye.

4Rabbillee gara Bala'aamii dhufe; Bala'aam Rabbiin, «Hulee ciinca'aa torba qopheessee maraa irrattuu jibicha tokkoo fi korbeessa hoola'aa tokko ciincaa dhiyeesse» jedheen.

5Rabbi jecha Bala'aam dubbachuu isa barbaachisu haga isatti kenneen maayessa garas deebi'ee akka deemu itti hime.

6Innillee gara isaa deebi'e; yoo achi deebi'u inninii fi bulchoonni worra Moo'aabii maruu ciincaa ciincawu bira dhaabataniiran.

7Bala'aam akkana jedhee raage,

«Mootiin worra Moo'aabii Baalaaq Sooriyaa gara

gaarran baya biiftu'uu jiranii na fide.

innillee, ‹Koottuu raaga dubbadhuutii banii Israa'elii balleessi;

isaan akka badaniif naa abaari› naan jedhe.

8Ka Rabbi hin abaarre

ani attamitti abaara?

Ka Rabbi hin jibbine

ani attamitti jibba?

9Ani isaan hulee ol fagaatu irra dhaabadhee arga'aara;

gaara irra dhaabadhee isaan laala'aara;

isaan banii ufumaan uf bulchu;

isaan banii biraa irraa akka adda ta'an uf beekan.

10Hortee Yaaqoobii eentu laakkayee danda'a? kurmaana isaanii eentu laakkawuu danda'a?

du'a qajeellotaa ani haa du'uu;

dhumti tiyyallee akkuma isaanii haa taatuu» jedheen.

11Baalaaq Bala'aamiin, «Maaf akkana na goote? diina kiyya haa naa abaartu'uuf si waame; ati garuu isaan eebbifte» jedheen.

12Innillee deebisee, «Ani waan Rabbi afaan kiyya keessa kaaye dubbachu'uuf dhugamaan uf hin eeguu?» jedheen.

Raaga Bala'aamii Ka Lammeesso'oo

13Baalaaqillee, «Yabo'oo achi dhaabattee daangama isaanii callaa laaltaa na woliin koottu; mara garuu hin argitu; achumaa isaan naa abaari» jedheen.

14Gara raasaa Tsoofinii gara qaccee gaara piisga'aa fideenii hulee ciinca'aa san irratti jibicha tokkoo fi korbeessa hoola'aa tokko dhiyeesse.

15Bala'aam Baalaaqiin, «Ani achi deemee Rabbiin woliin akka dubbadhu ati hulema ciinca'aa kana biratti na eegi» jedheen.

16Rabbi Bala'aamitti dhufee jecha afaan kaayeenii gara Baalaaqii deebi'iitii akkana jedhiin jedheen.

17Yoo inni gara isaa deebi'u Baalaaq bulchoota worra Moo'aabii woliin hulee ciinca'aa bira dhaabatanii turan; Baalaaq Bala'aamiin, «Wonti Rabbi sitti dubbate maali'i?» jedheen.

18Bala'aam akkana jedhee Baalaaqitti raage;

«Baalaaq ka'ii na dhagayi

ilma Seefoorii na dhagayi;

19Rabbi akka namaa hin sobu;

akka namaa yaada ufii hin jijjiiratu;

inni waan ufii jedhe hin godhuu?

waan ufii jedhe hin raawwatuu?

20Ani isaan eebbisu'uuf ajaja Rabbiin irraa fudheera;

Inni waan isaan eebbiseef ani deebisuu hin danda'u.

21Inni Yaaqoobiin irratti waan badaa hin argine;

Israa'eliin irrattillee daba hin argine;

Rabbi Waandhi isaa isa woliin jira;

Rabbi mootii isaanii akka ta'e hin himan.

22Rabbi biyya Misiriitii isaan baaseera;

inni akka gafarsaatitti isaanii lola.

23Yaaqoobiin irratti mitni;

Israa'eliin irratti mortuun hin hojjatu;

waan Rabbi Yaaqoobii fi Israa'elii godhe laalaa'a!

24Baniin Israa'elii akka leenca dhala'aatitti dhaabata;

haga waan dhadhoole ajjeesee

dhiiga dhugee foon isaa nyaatutti deebi'ee hin ciifneeti.

25Kanaan maayessa Baalaaq Bala'aamiin, «Sirima isaan hin eebbisin; hin abaarinille'e» jedheen.

26Bala'aam deebisee Baalaaqiin, «Waan Rabbi natti dubbate maraa hin dubbadha jedhee sitti hin himnee?» Jedheen.

Raaga Bala'aamii Ka Sadeesso'oo

27Baalaaq Bala'aamiin «Koottu hulee biraa si fidaa maal laataa achitti akka ati isaan naa abaartu Rabbi hin jaalataa» jedheen.

28Kanaaf Baalaaq Bala'aamiin gara raasaa Faagooriin gubba'aa mudhatuu fide.

29Bala'aam Baalaaqiin, «Asitti hulee ciinca'aa torba naa ijaarii jiboolee torbaa fi korbeeyyii hoolotaa torba naa qopheessi» jedheen.

30Baalaaq akkuma Bala'aam isaan jedhe godhe; jibicha tokkoo fi korbeessa hoola'aa tokko hulee ciinca'aa irratti dhiyeesse.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help