1Dubartiin ogeettiin mana ufii ijaaratti;
gowwittiin garuu harka ufiitiin diiddi.
2Namni jireenni isaa qajeelaa ta'e Rabbiin sodaata;
ka karaan isaa micciiramaa ta'e garuu isa tuffata.
3Dubbiin nama gowwa'aa dudda isaatitti ulee fiddi;
arrabni ogeessaa garuu isa eeddi.
4Bakka sangoonni hin jirretti gongaan duwwaa ta'a;
bakka midhaan hin jirretti
gongaa keessallee wonti kaayan hin jiru.
5Ragaan amanamaan hin sobu;
ragaan sobaan garuu kijiba odeessa.
6Ka baldu ogummaa barbaada; garuu hin argatuun;
beekkumsi garuu worra hubatuuf salphamatti argamti.
7Nama gowwaa irraa fagaadhu;
arraba isaa keessaa waan beekkumsa hin arganneef.
8Ogummaan worra hubatuu karaa ufii hubatu'u;
gowwummaan worra gowwa'aa garuu sobu'u.
9Gowwoonni gatii yakkaa ka dhiyeessanitti baldan;
qajeellota jiddu'utti garuu fedha misha'atu argama.
10Garaan maruu gadda hadhaayaa ufii hin beeka;
eennullee ka gammachuu isaa irraa qoodamu hin jiru.
11Manni hammeeyyi'ii hin diiggama;
daaseen qajeellotaa garuu hin babadhata.
12Karaan namaaf qajeelaa fakkaatu hin jira;
dhumti garuu gara du'aa geessa.
13Hennama kolfaatuu onneen hin gadda;
gammachuunillee gaddaan raawwatamuu danda'a.
14Worri garaa ufii balchummaa irraa deebifatan;
gatii harka ufii guutuu argatan;
namni mishaanillee gatii ufii hin argata.
15Namni gowwaan maraa amana;
hubataan garuu hubatee deema.
16Namni ogeessi uf eeggata; hammeenna irraallee hin fagaata;
gowwaan garuu jarjara'aa fi ka hajaa hin qabne.
17Namni mufatu hujii gowwa'aa raawwata;
namni dhartichi hin jaalatamu.
18Worri bilchinna hin qabne gowwummaa dhaalan;
worri hubatu garuu beekkumsa akka gullo'ootitti godhatan.
19Hammeeyyiin worra mishaa afo'otti;
cubbamtoonni balbala balchootaatitti gad jedhan.
20Hiyyeeyyii goshommaan isaaniituu isaan jibban;
dureeyyiin garuu jaalalloo heddu qaban.
21Namni ollaa ufii tuffatu cubbuu huja;
namni worra rakkatanii garaa laafu garuu ka eebbaati.
22Worri waan hamaa karoorsan worra karaa kolbaa irraa bayanii mii?
worri waan mishaa karoorfatan garuu jaalalaa fi amanamummaa bu'aa buufatan.
23Wonti xaaranii hojjatan maruu bu'aa argamsiisa;
oduun duwwaan garuu gara hiyyumma'aa nama geessa.
24Ogeeyyi'ii durummaan gulloo ulfinnaati;
gowwummaan gowwootaa garuu daraaraan isaanii duwwa'a.
25Ragaan dhuga'aa lubbuu oolcha;
ragaan sobaa garuu dharuma.
26Namni Rabbiin sodaatu golga jabaa qaba;
ijoolleen isaaniillee waan itti irkatan qaban.
27Rabbiin sodaachuun burqaa jireennaati;
nama siiboo du'aa jalaa oolcha.
28Baay'inni bani'ii yoo mooti'ii ulfinna ta'u;
diqqaachuun bani'ii ka bulchuu badi'i.
29Namni obsu hubannaa guddaa qaba;
namni biibbayu garuu gowwummaa ufii ibsa.
30Garaan nagaya qabu nafaa jireenna kenna;
hinaaffaan garuu lafee xiinxaneessa.
31Ka hiyyeeyyii rakkisu uumaa ufii tuffata;
garuu ka rakkate maraa ka garaa laafu maruu Waaqa kabajja.
32Hammeeyyiin hammeenna ufiitiin kufan;
balchoonni garuu hennama du'aatuu irkoo qaban.
33Ogummaan garaa namoota waa hubatanii keessa bulti;
worra gowwaa jiddu'utti uf mudhifti.
34Balchummaan banii ol guddifti;
cubbuun garuu banii kamiifuu salphinna.
35Hojjataan ogeessi mootii gammachiisa;
hojjataan salphisaan garuu lola ufitti fida.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.