Kitaaba Seena'aa ka 2ffaa 19 - Kitaaba Woyyuu

Iyyuun Raattichi Iyyoosaafixiin Gorse

1Mootichi biyya Yihuuda'aa Iyyoosaafixi gara Yerusaalemii mana ufii nagayaan deebi'e;

2Iyyuun ilmi Aanaanii raattichi mooticha Iyyoosaafixiin «Ati worra hamaa hojjatuu fi worra Rabbiin jibbu woliin wol ta'uun kee mishaa sitti fakkaataa? Wonti hamaan ati goote kun akka Rabbi siin lolu si taasiseera;

3garuu waan gari garii mishaa gooteerta; wonti mishaan ati goote waaqa tolfamaa Asheeraa jedhamtu ta baniin waaqeffatu, fakii maraa lafa irraa balleessiteerta; fedha Rabbii beeku'uuf badaddeerta» jedheen.

Jijjiirama Iyyoosaafixi Mudhise

4Iyyoosaafixi Yerusaalemiin keessa jiraatee Beersaabeehii jalqabee haga biyya gaaraa ka Efreemii banii maraa gara Rabbii Waaqa abboota isaanii deebise.

5Biyya maraa qachoota ijaaramte ta biyya Yihuuda'aa maraa keessa abboota murti'ii kaaye.

6Inni abboota murti'iitiin «Hennaa murtii kennitan akka Rabbi isin woliin jiru beeka'aatii uf eeggadhaa'a; wonti murteessitan nama gammachiisu'uuf uduu hin taane Rabbiin gammachiisu'uuf.

7Isin garuu Rabbiin bira nama wol caalchisuun, yakki, dharaan nama irraa waa fudhachuun waan hin jirreef Rabbiin sodaadhaa'a; waan murteessitan maraa uf eeggata'aa murteessaa'a» isaaniin jedhe.

8Iyyoosaafixi worra leewwotaa keessaa, worra gadootaatii fi bulchoola abboota Israa'elii keessaa, worra maqaa Rabbiitiin murtii qajeelaa murteessan Yerusaalemiin keessatti muude; «Rabbiin Sodaata'aa onnee qajeela'aan hojjadhaa'a» jedhee isaan ajaje; isaanillee Yerusaalemiin keessa jiraatan.

9«Rabbiin sodaata'aa onnee qajeela'aan Rabbiif hojjadhaa'a;

10Worra keessan ka qachoota keessa jiraatan keessaa yaada qabatee gara keessan yoo dhufe, waan nama ajjeecha'aatiif yookaan waan seera biraatiif seera tuma namni tumatuu fi ajaja diiguullee yoo ta'e akka Rabbiin hin yakkineef isinii fi obboleewwan keessan irratti lolli Rabbii akka hin dhufne isaan uf eeggachiisaa'a, yoo waan kana gootan isin yakkamtoota hin taatan.

11Waan waan Rabbiitiif ta'u maraa bulchaa gadootaa maraa keessaa Amaariyaa, waan mootichaa maraaf garuu bulchaa gosa Yihuuda'aa keessaa Zibaadiyaa ilma Yisimaa'elii isin irratti moosiseera; worri Leewwotaallee isin bulchan isin waan kana maraa jabaadha'aa hojjadhaa'a! Rabbi worra waan mishaa hojjatu woliin haa ta'u!» jedhee seera isaaniif kenne.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help