Kitaaba Mammaakaa 28 - Kitaaba Woyyuu

1Namni hamaan uduu eennullee isa hin ariine dheessa;

balchaan garuu akka leencaa onneen isaa guutu'u.

2Biyya finqila kaaftu bulchootatu itti baay'ata;

nama beeka'aa fi hubataa yoo qabaatte garuu

jabaattee dhaabatti.

3Namni hiyyeeyyii rakkisu

akka rooba jabaa midhaan balleessuuti.

4Worri seera dhiisan hammeeyyii faarsan;

worri seera eegan garuu isaaniin morman.

5Hammeeyyiin haqa hin hubatan;

worri Rabbiin barbaadan garuu guutumatti beekan.

6Dureessa adeemsi isaa micciirama'aatii mannaa;

hiyyeessa karaan isaa mudaa hin qabne woyya.

7Ilmi hubannaa qabu seera eega;

ka worra garaa jaalatu woliin goshoomu garuu

abbaa ufii salphisa.

8Namni horii ufii dhala gudda'aan kuufatu;

nama biraa ka hiyyeessaa garaa laafuu kuusa.

9Ka seera dhagayuu didda'aaf gurra cufatu;

kadhaan isaatuu jibbisiisa'a.

10Ka qajeellota gara karaa hama'aa masakku;

boolla ufii qote seena;

qulqulloonni garuu waan mishaa dhaalan.

11Dureessi ogeessa uf seeya ta'a;

hiyyeessi hubataan garuu qoree isa beeka.

12Balchoonni yoo mooyan gammachuu gudda'atu ta'a;

yoo hammeeyyiin baallii qabatan garuu baniin hin dhokata.

13Ka cubbuu ufii dhoffatu hin lalisu;

ka himatuu fi ka dhiisu garuu araara argata.

14Namni hennaa maraa Rabbiin sodaatu eebbifama'a;

namni mataa jabaatu garuu rakkinna irratti kufa.

15Bulchaan garjabeessi banii gargaarsa hin qabne irratti mooye;

akka leenca aaduu yookaan

akka doobbaa utaalee qabuuti.

16Bulchaa garjabeessa waa wol bira qabu'utu hanqataan;

ka faayidaa haala malee argamu ceem'u garuu

umuriin isaa hin dheerata.

17Namni dhiinni namaa irra jiru

bara maraa baqata'aa jiraata;

eennullee isa hin gargaarin.

18Nama adeemsi isaa mudaa hin qabne

wonti hamaan isa hin argatu;

ka karaan isaa micciirama'aa garuu dimmaa kufa.

19Ka lafa ufii qotatu nyaata irraa hafaa argata;

ka abdii gatii hin qabne qabatee deemu garuu

hiyyummaa dhaala.

20Namni amanamaan guddisee eebbifama;

ka durummaa argachu'uuf jarjaru garuu

adabbii jalaa hin bayu.

21Daloo hojjachuun misha'aa miti;

namni garuu buddeena diqqo'oof jedhee yakka raawwata.

22Namni dondhi duroomu'uuf jarjara

akka hiyyummaan isa eeggatu hin beeku.

23Nama arraba sobu qabu caalaa;

nama nama gorsutu oolee bulee jaalatama.

24Namni abba'aa fi haadha ufii jalaa waa hatee

«Kun balleessa'aa miti » jedhu

inni goshoo nama waa balleessuuti.

25Namni dondhi lola kakkaasa;

namni Rabbiin abdatu garuu hin eebbifama.

26Namni uf abdatu gowwa'a;

namni ogumma'aan deddeebi'u garuu

hamtuu irra hin bu'u.

27Namni hiyyeeyyi'ii kennu hin rakkatu;

ka isaan argee akka waan hin arginee ta'u garuu

abaarsa heddutu irra gaya.

28Hennaa hammeeyyiin baallii qabatan

baniin hin dhokatan;

hennaa hammeeyyiin badan garuu

balchoonni heddu ta'an.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help