1Mudhata Abdiyyuun arge; Rabbi Waandhi waan Eedoomiitiif Abdiyyuu erge; ergaan Rabbii ka nu'u dhageenne, «Ani Rabbi worra Eedoomii irratti akka balaa buusan ajajee gara bani'ii ergamaa ergeera!» jedha.
2Rabbi Eedoomiin akkana jedha,
Ani banii Yihuudii hin taane keessatti dadhabaa si taasisa;
guddiftee tuffatamta.
3Uf jajuun kee si sobeera;
ati kushee qachaa dhagaa jaba'aan ijaaramte keessa jiraatta;
ati mana gaarran gugurdaa irratti ijaarame keessa jiraatta;
hulee jiru kanaa eentu na buusuu danda'a jedha'aa dhaadatta.
4Garuu yoo akka allaattii bajja jedhamuu ol bararte,
hulee jireennaa kee urjiiwwan jidduu yoo godhatte,
ani achi irraa si buusa; waan kana ana Rabbitu dubbate.
5Hattoonni yookaan saamtonni uduu halkaniin dhufanii
haguma isaan gawu callaa fudhatan;
worri daraaraa woyini'ii wolitti qabatan daraaraa lafatti hambisan;
diintonni tee ammo sirima si balleessan.
6Isin fiixaa Eesawu'uu, mana keessan seenanii
qabeenna isin qabdan maraa saamaniiran.
7Goshoonni tee ta waadaa si woliin galan maruu si gowwoomsaniiran;
biyya kee keessaallee baasanii si ari'an;
jaalalloonni tee akka diinaatitti sitti ka'an;
worri buddeena kee nyaatan siiboo si jala diriirsan;
hennaa isaan waan kana maraa sitti godhan ati ammo bira hin geenne.
8Ani hennaa san Eedoomiin keessa ogeeyyii'i,
gaara Eesawu'uu irraa beekkumsa balleessa.
9Namoonni Eedoomiin keessa jiraatan maruu hin ajjeefaman;
worri jajjabaan Teemaanii sodaatanii hollatan.
Sababaa Eedoom Adabamuuf10Ati fiixaa obboleessa kee Yaaqoobiin miitee waan ajjeefteef,
hin salphatta; baraa haga bara baraa badda.
11Guyyaa diintonni isaanii balballan isaanii caccabsanii
qabeenna isaanii maraa itti saaman san,
ati qaccee dhaabattee laala'aa turte;
ati namoota Yerusaalemiin hixaa itti buufata'aa qoqqoodaman irra woyya'aa miti.
12Ati silaa rakkoo obboleewwan tee ta biyya Yihuuda'aa keessa jiraatan irra gayetti
gammaduu si hin barbaachisu;
guyyaa isaan badan burraaqu'uu fi
guyyaa isaan hucuucaman isaan irratti uf jajuu si hin barbaachisu ture.
13Guyyaan rakkatan ati silaa balbala banii kiyyaa seenuu si hin barbaachisu ture;
guyyaa rakkatan badii banii Yihuuda'aatitti gammadu'uuf namaan wolii galuu si hin barbaachisu ture;
guyyaa isaan badan qabeenna isaanii saamuu si hin barbaachisu ture.
14Ati silaa worra dheessa'aaran ajjeesu'uuf karaa qaxxaammuraa irra dhaabattee riphxee eeguu si hin barbaachisu ture.Murtii Rabbi Worra Yihuudii Hin Taanetti Murteesse
15Guyyaan ani Rabbi worra Yihuudii hin taane maratti murteessu
gayeera;
Eedoom! akkuma hujii keetiititti gatii kee hin argatta;
hujiin hamaan ati hojjatu simatti gara gala.
16Baniin kiyya gaara woyyuu kiyya irratti
mijuu rakkinnaa dhuganiiran;
worri Yihuudii hin taane ka naannaya isaanii jiran maruu mijuu rakkinnaa hamaa kana dhugan;
worri dhugan maruu hin jiraatan;
Mootii Israa'elii17Worri gaara Tsiyoonii irratti badii jalaa bayan hin jiran;
gaarri Tsiyoonii ta woyyoomte taati;
baniin Yaaqoobii qabeenna isaan jalaa fudhatamee ture deebisanii fudhatan.
18Ijoolleen Yaaqoobii akka ibiddaa,
ijoolleen Yooseefii akka arraba ibiddaa,
ijoolleen Eesawu'uu akka bura'aa ta'an;
akkuma ibiddi buraa gubu ijoolleen Yaaqoobiitii fi
ijoolleen Yooseefii ijoollee Eesawu'uu balleessan.
ka waan kana dubbate ana Rabbi.
19Baniin Yihuuda'aa ka gara kibbaa jiran
biyya Eedoomii dhaalan;
baniin ladda gara gaara dhiya adu'uutiin gammoojjii keessa jiraatan
biyya Filisxeemii qabatan;
bulchiinsa Efreemiitii fi Samaariya'aallee hin fudhatan;
namoonni Biiniyaamiillee biyya Gala'aadii dhaalan.
20Baniin Israa'elii ka gara kaabaa baqatanii turan biyya Hoolaa jedhamtuu
deebi'anii biyya Kana'aanii ta haga Saraphta'aa jirtu dhaalan;
worri Yerusaalemii ka baqatanii Safraadimiin keessa jiraatan
qachoota gara kibbaa jiran qabatan.
21Namoonni hafan ka Yerusaalemii
gaara Tsiyoonii irra taa'anii Eedoomiin bulchan;
mootummaan sun ka Rabbii ta'a.»
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.