Kitaaba Iyyaasu'uu 20 - Kitaaba Woyyuu

Qachoota Dheessanii Itti Dhokatan

1Kanaan maayessa Rabbi Iyyaasuu akkana jedhee itti dubbate,

2-3Ijoollee Israa'eliititti akkana jedhii himi; «Qachaa namni yoo uduu hin beekin yookaan dogoggoraan nama harka tare itti dhokatu adda baasi. Nama guma'aaf isa reebu jalaa dheessee akka achitti dhokatu.

4Qachoota kanniin keessaa gara qachaa tanaa akka dheessu, balbala qachatti'ii afoo dhaabatee waan ta'e maraa jaarsota qachaa saniititti hima; isaanillee qachattii sanitti isa simatanii hulee inni taa'u kennaniif.

5Namichi guma'aaf yoo reebuu dhufe waan inni goshoo ufii san beekka'aan hin ajjeefneef ka ajjeese san haa ajjeesu'uuf akka itti hin kennine.

6Haga murti'iif gara bani'ii dhiyaatutti, haga gadichi hennaa san hujii irra jiru du'utti qachattima san keessa haa jiraatuu; achiin maayessa namni nama harka tare sun deebi'ee gara qacha'aa fi gara qe'ee ufii gala» jedheen.

7Kanaaf biyya gaaraa ka Niftaalemii Galiila'aa, Qaadesiin, biyya gaaraa ka Efreemiititti Seekemiin, biyya gaaraa ka Yihuuda'aa hulee Kebroon jedhamtu Qiriyaati'arbaaqiin gara gara baasan;

8Yoordaanosiin gama Iyyaarikoo mirgaan gosa Roobeelii keessaa hulee biyya gammoojji'ii Boosooriin, gosa Gaadii keessaa Raamotii Gala'aadiin keessaa, gosa Minaase'eetii Baasaanitti Goolaaniin adda baasaniif;

9haga gaafa banii afo'otti dhiyaatuuf akka harka namicha dhiiga baafatuutitti hin duune ka uduu hin beekin nama ajjeese maruu garas haa dheessuu; ijoollee Israa'eliitii fi worra isaanitti gale maraafuu qachoonni namni itti baqatu kanniin.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help