Kitaaba Faaru'uu 24 - Kitaaba Woyyuu

Mooticha GuddaaFaaruu Daawitii

1Ardiinii fi wonti isii irra jiraatu maruu;

adunya'aa fi wonti isii keessa jiraatu maruu

ka Rabbiiti.

2Inni ka galaana irratti lafa hundeesse;

ka bisaan irratti isii jabeesse.

3Gara gaara Rabbii eentu bayuu danda'a?

hulee woyyuu isaa irra hoo eentu dhaabata?

4Ka harka qulqullu'uutii fi ka garaa qajeelaa qabu;

ka lubbuu ufii waan sobaatiif hin kennine.

ka sobaan hin kakanne.

5Namni akkanaa kun Rabbiin biraa eebba,

Waaqa qorsa ufii irraa araara argata.

6Ka gara Rabbii dhiyaatuu fi

ka Waaqa Yaaqoobii soqu

ka akkanaa kana.

7Isin karriti maruu banamaa'a;

isin balballan bara baraa;

akka mootiin ulfinnaa seenu ol siiqaa'a.

8Mootiin ulfinnaa kun eennu?

Rabbii jaba'aa fi gudda'a;

Rabbii lolatti jaba'aati.

9Isin karriti maruu banamaa'a;

isin balballan bara baraa;

akka mootiin ulfinnaa seenu ol siiqaa'a.

10Mootiin ulfinnaa kun eennu?

Waaqa banii maraati;

Inni mootii ulfinnaati!

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help