Kitaaba Weedduu Weedduu Caalu 7 - Kitaaba Woyyuu

Idaayyicha

1Ee ati intala qondaalaa!

lutti tee hennaa kophee baxxee keessaan mudhattu attam bareeddi?

sarbaan kee faaya ogeessa jaba'aan worqii mishaa irraa hojjatame fakkaata.

2Handhuurri kee bilillee daadhii woyini'iitiin guuttame fakkaata.

naannofni mudhii keetii qixiraa qamadi'ii hidhame fakkaata.

3Guntunni kee lamaan lakkuu ilmoolee borofaa fakkaata.

4Mormi kee dallaya dhaga'aa ka ilkaan arbaatiin bareechisan fakkaata;

ijji tee haroo qachaa guddittii Haseboon biratti

argamtu fakkaata;

funyaan kee dallaya dhaga'aa ka Libaanosii Damaasqoo mudhisu'uuf

ijaarame fakkaata.

5Rifeensi mataa keetii akka gaara Qarmeloosiiti;

yuubni rifeensa mataa keetii haarri'i;

akka dhaddoo dhayamee fakkaata;

mootichi bareeddinna yuuba rifeensa keetiitiin booji'ama.

6Jaalalloo tiyya! ati attam bareedda?

attam namatti tolta!

jaalalli kee attam nama gammachiisa?

7Dhaabni kee muka meexxi'ii fakkaata;

guntunni keellee hurbuu meexxi'ii fakkaata.

8Ani muka meexxi'ii irra bayee gumaa isaa guuruu jaaladha;

harmi kee akka hurbuu woyini'ii ka harkatti qabatan haa ta'u;

urgaan hafuura keetii akka daraaraa muka hudha'aati.

9Mi'aan afaan keetii akka mi'aa daadhii misha'aati.

Idaayyittii

Eeganaa daadhiin woyini'ii mishaan

hidhi'ii fi ilkaan jaalalloo kiyyaa keessa

suuta yaa'aa haa bu'an.

10Ani ta jaalalloo kiyyaati;

hawwiin isaallee gara kiyya.

11Jaalalloo kiyya! koottu;

gara baadiyya'aa deemnee;

ganda bullaa.

12Ganamaan kaanee gara hulee dhaaba woyini'ii haa deemnuu;

abaaboon woyini'ii akka dhooye

roomaaniinillee akka abaaboo baaseeru haa laalluu.

achitti jaalala kiyya sitti mudhisa.

13Daraaraan Inkooyii, urgoonii fi wonti nama gammachiisu

daraaraan adda addaa balbala keenna guuteera;

jaalalloo kiyya! daraaraa kanniin keessaa

ka bilchaatee fi ka haarawa murame sii kaayeera.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help