1Hennaa «Gara mana Rabbii haa deemnuu» naan jedhan
ani hin gammade.
2Yaa Yerusaalem!
lutti teenna balbala tee keessa dhaabatteerti.
3Yerusaalem qachaa wolitti siixxee
jabeeffamtee ijaaramte.
4Gofti Israa'elii maruu akka ajaja isaatitti;
galata Rabbii dhiyeessu'uuf
baniin Rabbii achii dhufan.
qachattii tana keessatti wol gayan.
5Worri sanyii Daawitii keessaa mootii ta'an maruu banii ufiitii murtii kennu'uuf
qachattii tana keessa jiraatan.
6Qachaa Yerusaalemii keessa akka nageenni jiraatu kadhadhaa'a;
«Worri si jaalatu maruu haa lalisuu.
7Dallawa kee keessa nageenni haa jiraatu;
mana mootumma'aa kee keessa tasgabbiin haa jiraatu.»
8Sababaa obboleewwan kiyyaatii fi goshoota kiyyaa
ani Yerusaalemiin «Nagaya ta'i!» jedhaan.
9Yerusaalem sababaa mana Rabbii Waaqa keennaatiif
akka wonti mishaan sii ta'u hawwa.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.