1Mootiin biyya Misirii uduu Gaazaa irratti balaa hin buufneen duratti Rabbi waan Filisxeemii akkana jedhee natti dubbate.
2Rabbi akkana jedha,
«Kunoo bisaan gara kaabaatii ka'ee
akka laga lolaan guutee yaa'ee;
lafaa fi waan lafa irra jiru maraa
qachootaa fi banii isii keessa jiraatu maraa hin dhossa;
baniin maruu gargaarsa argachu'uuf iyyan;
namoonni lafa irra jiraatan maruu mararamanii booyan.
3Sababaa laagaa faradoo yaabbatanii gulufanii
laagaa konkolaata'aa ka diintonni yaabbatanii
sababaa huursuutiif,
abboonni hunna dhabanii waan dadhabaniif
ijoollee ufiituu gargaaru'uuf uf duuba hin deebi'an.
4Hennaan Filisxeem itti baddu gayeera;
worri du'a irraa hafanii Xiroosii fi Siidonaa gargaaran maruu
hennaan isaan mummuramanii hafan dhiyaateera;
ani Rabbi worra Filisxeemii
fiixaa Kaaftoorii ka du'a irraa hafanii qarqara galaanaa jiran maraa hin balleessa.
5Baniin Gaaza'aa gaddanii mataa haadatan;
baniin Asqaloona'aa maruu akka cadhisan taasisan;
worri badii irraa hafan ka dhooqa Filisxeemii keessa jiran
ka nafa ufii ciccira'aa gaddan haga yoomiiti?
6‹Guraadee Rabbii! yoom hujii irraa hara baafatta?
yabo'oo qola keetitti deebi'ii hara baafadhu› jedha'aa iyyitan.
7Garuu hujii ani Rabbi isatti kenne uduu hin raawwanne attamitti hara baafata?
ani banii Asqaloona'aa fi daangaa isi'ii irra jiran irratti akka balaa buusu ajajeeraan.»
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.