1Mootichi Iyyoosiyaas manguddoota beekkaman ka Yihuuda'aatii fi ka Yerusaalemii waame.
2Isaan sunniinillee gadoota, raattota, namoonni kuuwwanillee diqqaa irraa haga gugurda'aatitti gara mana woyyu'uu dhaqan; mootichi galmee dubbi'ii ka barreeffamee badee ture ka mana woyyuu keessatti argame fuudhee bani'ii dubbise.
3Mootichi utubaa worqi'ii bira dhaabatee akka baniin Rabbiin waaqeffatan ajajaa fi ragaa isaa, seera garaa guutu'uu fi onnee guutu'uun akka eegan dubbiin waada'aa ka kitaaba keessatti barreeffame akka raawwatamu Rabbiin afo'otti waadaa gale; baniin maruu akkasuma waadaa galan.
4Kanaan maayessa mootichi ajajaa gadootaa Keliqiyaasiin, gadoota isa gargaaran, worra balbala eegan waaqa tolfamaa ba'aalii fi hulee itti waaqeffatan waan waaqolee tolfamaa sami'iitiif hojjatame maraa akka mana woyyuu Rabbii keessaa baasan ajaje mootichi meeshaa kana maraa dhooqa Yerusaalemiin ala ka Qeedirooniititti ibiddaan gubee daaraa gara Beeteelii fide.
5Gadoota waaqolee tolfama'aa mootonni Yihuuda'aa qachoota Yihuuda'aatii fi naannoo Yerusaalemiititti dhiyaatan maraa hulee sagadaa ka tulloota irraatitti ciincaa akka dhiyeessaniif muudaman hujii irraa ari'e; waaqa tolfamaa ba'aal jedhamee waamamu ka ormaa aduu, ji'a, adunyaa aduun irra naannoftuu fi urjiiwwanii ciincaa dhiyeessu'uun tajaajilan maraa hujii irraa ari'e.
6Hulee itti waaqeffamu ka mukaa waaqa tolfamaa Asheeraa jedhamu mana Rabbii keessaa baasee Yerusaalemiin alatti dhooqa Qeedirooniititti gubee daaraa godhee daaraa san awwaala bani'ii irratti bittinneesse.
18Inni, «Dhiisaa'a eennullee lafee akka hin tundhe!» jedhe.
Kanaaf isaanillee lafee raattichaa ka Samaariyaa keessaa baye woliin lafee san dhiisan.»
19Mootichi Iyyoosiyaas qachattii Israa'elii kamiin keessattuu hulee itti waaqeffatan ka waaqolee ormaa Rabbiin dallansiisu'uuf sababaa ta'e maraa diige; waan Beeteelitti godhe maraa hulee ciinca'aa san irratti raawwate.
20Gadoota hulee sagadaa ka tulloota irraa bira jiran hulee ciinca'aa irratti ajjeese; lafee namootaallee hulee ciinca'aa irratti gubee gara Yerusaalemii deebi'e.
Iyyoosiyaas Ayyaana Faasika'aa Kabajje(Sen. 2ffaa 35:1-19)21Mootichi Iyyoosiyaasi banii maraan, «Akkuma dubbii waada'aa ka kitaaba kana keessatti barreeffameetitti Rabbii Waaqa keessanii ayyaana faasika'aa ayyaanteffadhaa'a» jedhe.
22Hennaa Abbootiin murti'ii biyya bulchan irraa jalqabee haga ammaa karaa mootota Israa'elii yookaan Yihuuda'aatiin ayyaanni Faasika'aa ka kana fakkaatu ayyaanteffamee hin beekkamu.
23Garuu Iyyoosiyaas mooyee woggaa kudha saddeetesso'ootitti ayyaanni faasika'aa Yerusaalemitti kabajjame.
Jijjiirama Addaa ka Iyyoosiyaas Fide24Dubbiin gadichi Keliqiyaas galmee kitaabaa keessatti barreeffame dubbate akka raawwatamuuf mootiin Iyyoosiyaas worra ayyaana hamaa waamanii fi mortoota maraa, waaqolee maati'ii, waaqolee tolfamaa, meeshaa waaqolee tolfama'aatii fi meeshaa waaqoleen ormaa itti waaqeffaman maraa balleesse.
25Namni akka Iyyoosiyaasii seera Muuse'eetii ajajamu'uun onnee guutu'uun, qalbii ufii guutu'uu fi hunna ufii guutu'uun Rabbiin tajaajile hin jiru.
26Garuu wonti kun maruu ta'ee sababaa mootichi Minaaseen waan hamaa godheef lolli Rabbii hamaan ka Yihuudaa irratti ka'e haga adhaa hin dhaabanne.
27Kanaaf Rabbi waan Israa'eliin irratti godhe akkasuma Yihuudaa irrattillee godha; banii Yihuuda'aa afoo kiyyaa balleessa; qachaa filadhe Yerusaalemii mana woyyuu ka Maqaan kiyya achitti waamama jedhe hin dhiisa» jedhe.
Dhuma Mootummaa Mootii Iyyoosiyaasii(Sen. 2ffaa 35:20—36:1)28Wonti mootichi Iyyoosiyaas hojjate maruu kitaaba galmee seenaa mootota Yihuuda'aa keessatti barreeffameera.
29Bara mootummaa Iyyoosiyaasii mootiin Misirii Nitaa'uun mootii Asoorii gargaaru'uuf loltoota ufii qabatee gara laga Eefraaxisii dhaqe; mootichi Iyyoosiyaas Meegido'otti loltoota Misirii ittisu'uuf lolee lola san keessatti du'e.
30Haga inni du'een maayessa reeffa isaa garboonni isaa gaarii fardaatitti fe'anii Maagido'oo gara Yerusaalemii fidanii achitti awwaala moototaatitti awwaalame; namoonni Yihuuda'aa ilma Iyyoosiyaasii Iyyoo'akaaziin filanii muudanii bikka abbaa isaa moosisan.
Iyyoo'akaaz Mootii Yihuuda'aa(Sen. 2ffaa 36:2-4)31Iyyoo'akaaz hennaa Yihuudaa irratti moowu nama umurii diddamii sadihii ture; inni teessoo ufii Yerusaalemiin keessa godhatee ji'a sadihii bulche; haati isaa ta Amixaal jedhamtee waamamtu mucattii Ermiyaasii dhalatte ta qachaa Libina'aati.
32Iyyoo'akaazillee akkuma abboota ufii ta duraa Rabbiin afo'otti waan hamaa hojjate.
33Isa mootiin Misirii ka Nikaa'uu jedhamee waamamu Iyyoo'akaaz akka Yerusaalemiin irratti hin moone Rabilaa biyya Haamaatii keessatti argamtutti hidhee baniin Yihuuda'aa gibira saqilii dhibba tokkoo fi worqii saqilii tokko akka gabbaru hennaa godhe saqiliin sun bara dhuma mootummaa Iyyoo'akaazii itti raawwate ta'e.
34Mootichi Nikaa'u ilma Iyyoo'akaazii Eeliyaaqem bikka abbaa ufii mootii taasiseen; maqaa isaallee Iyyoo'aaqeem jedhee itti baase; mootichi Iyyoo'akaazi mooticha Nikaa'u booji'amee gara biyya Misirii dhaqee achitti du'e.Iyyoo'aaqem Mootii Yihuuda'aa(Sen. 2ffaa 36:5-8)
35Iyyoo'aaqem birri'ii fi worqii mootichi Nikaa'u gaafate kaffale; waan kana kaffalu'uuf namni maruu haga ufii danda'u akka kaffalu banii gibira gaafate.
36Iyyoo'aaqem hennaa moowu nama umurii diddamii shanii ture; inni teessoo ufii Yerusaalemiin keessa godhatee woggaa kudha tokko bulche; haati isaa ta Zaabidaa jedhamtee waamamtu mucattii Faadiya'aa dhalattuu biyya Rooma'aa turte.Erm. 22:18-19; 26:1-6; 35:1-19
37Iyyoo'aaqem akkuma abboonni isaa ta duraa waan hamaa hojjatan innillee Rabbiin afo'otti waan hamaa hojjate.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.