Kitaaba Naahimiya'aa 6 - Kitaaba Woyyuu

Nahimiya'atti Mari'achuun Hin Dhaabanne

1Sanbalaax, Xoobbiyaa, Geesaamiin Arabtichinii fi diintonni teenna ta biraallee akka ani ijaarsa ijaaree fixee fi wonti hin hojjatamne, bakki dhidhate akka hin jirre dhagayan. Ani ammo haga hennaa saniititti cufanaa balbalatti hin goone ture.

2Sanbalaaxii fi Geesaam «Gandoota Oonoo gammoojji'ii keessaa ganda takkatti wol haa geennuu» jedhanii natti ergan; garuu isaan waan hamaa natti yaadan ture.

3Anillee isaaniin, «Ani hujii guddaa hojjata'aara, gara keessan gad bu'ee hin danda'u; hujii dhiisee gara keessan gad bu'uu kiyyaan maaf hujiin miidhama?» jedhee ergamtoota isaanitti erge.

4Dhaamsa akkanaa kana isaan harka afur natti ergan; anillee akkuma duraa san jedhee isaanii deebise.

5Kanaan maayessa Sanbalaaxi akkuma duraa san jedhee hennaa shaneesso'oof tajaajiltoota ufii keessaa nama tokkoon xalayaa banaa chaappaa hin qabne natti erge; xalayaan sun akkana jedha,

6«Atii fi worri Yihuuda'aa dhara yaadu'uun, akkasuma ijaarsa ijaara'aa, mootii isaanii ta'u'uuf wonti ati godha'aartu worra Yihuudota hin taane biratti dhagayameera;

7akkasuma ati raattota, mootiin biyya Yihuuda'aa keessa jira jedhanii waan kee Yerusaalemiin keessatti akka himan gooteerta; ammallee waan kana mootichatti hin himin, kanaafuu dhuftee uduu waan kana irratti woliin mari'annee»

8Ani garuu, «Situ waan kana garaa kee keessatti uume malee akka ati yaadde kanaa miti» jedhee itti erge.

9Isaan maruu akka hujiin kun hin hojjatamneef nu sodaachisa'aaran; kanaafuu «Waaqa keenna! yabo'oo na jabeessi!» jedhee kadhadhe.

10Ani hennaa san gara mana Shamaayaa ilma Dillaayaa Mahexaabi'eelii ka akka mana ufii keessaa hin baane taasifamee dhaqe; Inni, «Halkaniin si ajjeesu'uuf waan dhufaniif anii fi ati mana woyyuu Rabbii keessa seennee balballan cufannee haa dhokannuu» naan jedhe.

11Anillee, «Namni akka kiyyaa ka dheessee fi lubbuu ufii oolchu'uuf jedhee ka mana woyyuu seene eennu? ani hin seenu» jedheen.

12Garuu uduu Rabbi isa hin ergine, akka na irratti raaga dubbate amma hubadheera; isa Sanbalaaxii fi Xoobbiya'atu bitee ture.

13Inni akka ani waan kana godhee yakku, ana irratti waan hamaa akka dubbatanii fi na irratti akka uf jajan na sodaachisu'uuf bitamee ture.

14Anillee, «Waaqa kiyya! waan Sanbalaaxii fi Xoobbiyaan hojjata'aaran maraa laalii isaanitti murteessi; waan raattittiin Noo'aadii fi raattonni kuuwwanillee na sodaachisu'uuf godhan maraa yaadadhu» jedhee kadhadhe.

Hujiin Ijaarsaa Dhumate

15Ijaarsi ji'a Eelulii keessa guyyaa diddamii shaneesso'oo guyyaa shantamii lama keessatti ijaaramee raawwatame.

16Diintonni teenna maruu hennaa waan kana dhagayan, worri Yihuudii hin taane ka naannoo keenna jiran maruu hin sodaatan; waan yaadan saniif guddisanii salphatan; hujiin kun akka Rabbiin hojjatame beekan.

17-18Xoobbiyaan ilmi Eerii soddaa Sekeniya'aa waan tureef, Ilmi isaallee mucattii Mesulaamii ilma Yihoohanaa Beeraakiya'aa waan fuudheef, biyya Yihuuda'aatitti namoonni hedduu waan isaan wolii kakataniiraniif, ji'oota sanniin keessa bulchoonni biyya Yihuudi'ii xalayaa gara Xoobbiya'aa erga'aa turan; xalayoonni Xoobbiya'aallee gara isaanii dhufa'aa turan.

19Akkasuma waan isaa waan mishaa natti hima'aa turan, dubbii kiyyallee isatti odeessa'aa turan; Xoobbiyaan garuu na sodaachisu'uuf xalayoota natti erga'aa ture.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help