1Gosa Biiniyaamii keessaa nama maqaan isaa Qiis jedhamu dureessa beekkamaa tokkotu ture; inni ilma Abi'eelii, ilma Xiroorii, ilma Bikooraatii, ilma Afeeqii nama jabaa beekkamaa ture.
2Inni nama Saa'ol jedhamu mishaa bareeda tokko qaba; ijoollee Israa'elii keessaa namni mishaan isa caalaa bareedu hin jiru; inni banii maraa caalaa ka hojjaa dheera'aatii fi ka gurmuu badhatu.
3Abbaa Saa'olii Qiisiin jalaa harriin baddee ilma ufii Saa'oliin «Hojjattoota keessaa nama tokko fudhadhuu deemii harriin soqi» jedhee ajaje.
4Biyya gaaraa ka Efreemiitii fi Shaalishaa keessa lufanii harriin soquu jalqaban; garuu hin argine lafa Shaalimiin keessallee lufanii achitti hin argine; biyya Biiniyaamii keessa lufanii garuu achittillee hin argine.
5Hennaa gara lafa Xuufii dhufan Saa'ol mucaa isa woliin jiruun «Abbaan kiyya harriinii yaaduu dhiisee waan keennaaf akka hin dhiphanne koottu haa deebinuu» jedheen.
6Innillee «Namni Rabbii tokko qachaa kana keessa jiraa, inni nama kabajjama'aa wonti inni dubbatu maruu hin raawwatamaa isa bira haa dhandhuu; inni maal laataa hulee deemnu mutti himaa» jedheen.
7Saa'ol mucaa saniin, «Maarre hin deemnaa nama Rabbii sanii maal finna? Xoroshoo qaraciitii keenna keessaa fixanneerra waan womaa harkaa hin qabneef waan nama Rabbiitii finnu maal qabna?» Jedheen.
8Mucaan sun Saa'oliin «Ani saqilii takka qabaa karaa deemnu akka nutti himu ani isii nama Rabbiitii kenna» jedhe.
9Ka adha raatticha jedhamu duraan abbaa mudhataati waan jedhamuuf namni tokko Israa'eliin keessaa yoo Rabbiin gaafachu'uuf dhaqu koottaa gara abbaa mudhataa haa dhandhuu jedha'aa ture.
10Saa'ol wonti mucaan sun isaan jedhe waan mishaa ta'eef «Koottuu hin deemnaa!» jedheenii gara qachaa namni Rabbii jiruu san deeman.
11Hennaa gara qachatti'ii dhaqu'uuf gaara irra bayan; durba bisaan woraabbachu'uuf achi irra bayan arganii, «Abbaan mudhataa as jiraa?» isaaniin jedhan.
12Isaanillee «Ee! kunoo isin afoo jira; adhuma gara qacha'aa dhufee, adha baniin gaara hulee itti sagadanitti waan ciincaa dhiyeessu'uuf ta'uuf daddafa'aatii ol bayaa'a.
13Hennaa qachattii seentan namni ciincaa san dhiyeessu isa waan ta'eef uduu inni hin baane baniin waan womaa afaaniin hin qabneef; achiin maayessa worri waamaman uduu waa nyaatanii dhugu'uuf gaara hulee itti sagadan irra hin baane, hennaa san waan isa argitaniif daddafa'aa ol bayaa'a» isaaniin jedhan.
14Hennaa ol bayanii gara qachatti'ii seenan, Saamu'eel gara gaaraa hulee itti sagadanii dhaqu'uuf isaanitti dhufe.
15Uduu Saa'ol gara isaa hin dhufne guyyaa tokkoon dura Rabbi Saamu'eeliin,
16«Ani boru hennaa akkanaa kana nama gosa Biiniyaamii tokko gara kee ergaa booyicha banii kiyyaa waan argeef bulchaa banii kiyya ka Israa'elii akka ta'u naa muudda; inni banii kiyya Israa'eliin Filisxeemiin jalaa baasa» jedheenii ture.
17Saamu'eel haga Saa'oliin arge «Namni ani sitti hime sun kunooti; inni banii kiyya bulcha» jedheen.
18Saa'ol gara balbalaatiin Saamu'eelitti dhiyaatee, «Manni nama raaga raaguu eessa? Garam yabo'oo natti himi?» Jedheen.
19Saamu'eel ammallee Saa'oliin «Namni raagu anuma; adha na woliin waan waa nyaattaniif daddafa'aatii gara gaara hulee itti sagadanii ol bayaa'a; waan garaa keetii sitti himee boru isin geegessaa.
20Harriin tee ta guyyaa sadihiin dura badde waan argamteef waan isi'ii hin yaadin; hawwiin Israa'elii maali'i? waan keetii fi waan mana abbeetiitii mitii?»
21Saa'ol Saamu'eeliin, «Ani nama gosa Israa'elii maatii diqqaa Biiniyaamiin keessaatii mitii?; worri kiyyallee worra diqqaa Biiniyaamiin keessaatii mitii? waan akkanaa kana maaf natti himte?» Jedhe.
22Kanaan maayessa Saamu'eel Saa'olii fi tajaajilaa isa woliin jiru gara galma gudda'aa isaan seensisee hulee keessummoonni saddomaa taa'anitti hulee ulfinnaa ka maraa caalu isaan teessise.
23Saamu'eel namicha mana itto'oo keessa hojjatuun «Gumaa foonii ka hojja kaayi siin jedhe san as fidi» jedheen.
24Namichi mana itto'oo keessa hojjatu sunillee foon lukaatii fi ka isa woliin jiru maraa fuudhee Saa'oliin jala kaaye; Saamu'eel Saa'oliin «Foon kun foon mishaa siif hojjatti kaayame; keessummoota kanniin woliin akka nyaattuuf waan sii qopheesseef foon kana nyaadhu» jedheen; guyyaa san Saa'ol Saamu'eeliin woliin nyaate.
25Tulluu itti sagadan irraa bu'anii gara qacha'aa hennaa seenan Saamu'eel mana manaan gubba'aa irratti Saa'oliif siree qopheesseefii inni achi bule.
Saamu'eel Saa'oliin Muudee Moosise26Haga lafti bariite ganamaan ka'anii Saamu'eel Saa'oliin mana mana gubba'aatii waamee, «Ka'i si geegessaa» jedheen; Saa'olillee ka'ee Saamu'eeliin woliin gara kara'aa bayan.
27Isaan haga gara qachatti'ii bayan Saamu'eel Saa'oliin «Hojjataa kee kanaan nu afo'otti achi lufi» jedhiin; «Ati garuu ani waan Rabbii sitti himaa asuma dhaabadhu» jedheen; hojjataan Saa'oliillee isaan afoo lufe.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.