1Laagaa ol qabadhee Rabbitti iyye;
akka naa dhagayuuf gara Waaqaa iyye.
2Guyyaa rakkadhe Rabbiin kadhadhe;
halkanillee uduu hin dadhabin harka kiyya badhise;
lubbuun tiyya jajjabaachuu dadhabde.
3Waandhana! akkuma si yaaduun wixxifadha;
haguma dhudhumeen hafuurri kiyya dadhabde.
4Ija tiyya akka wolitti hin qabanne na dhooggite;
haga dubbachuu dadhabutti raafame.
5Bara durii yaadadhe;
baroota durii hin dhudhume.
6Halkaniin faaruu kiyya qaabadhe;
garaa kiyya woliin taphadhe;
hafuurri kiyya dadammaqee akkana jedhee gaafate;
7«Dhugamaan Gooftaan haga bara baraa nama gataa?
ammaa achi hoo sirima mishooma ufii hin mudhisuu?
8Jaalalli isaa hoo baraa haga bara baraa badee?
waadaan inni gale hoo hin diiggamee?
9Rabbi arjoomuu hin irraanfatee?
mo'o waan loleef gara laafummaa dhooggate?»
10Anillee, «Harki mirgaa ka Gooftaa maraa olii akka jijjiirame yaaduun kiyya
kun dadhabbii kiyya» jedhe.
11Hujii Rabbii hin qaabadha;
dhugama hujii maalale'ee kee ka durii hin yaadadha.
12Hujii kee maraa hin dhudhuma;
hujii kee ka ajaa'ibaa maraa hin qaabadha.
13Waandhana! karaan kee woyyu'u;
Waandhi guddaan akka Waaqa keennaa eennu?
14Waandhi maalalee hojjatu si'i;
banii jiddu'uttillee hunna kee mudhifta.
15Ijoollee Yaaqoobiitii fi ijoollee Yooseefii;
banii kee irree keetiin isaan furte.
16Waandhana! bisaannan si argan;
bisaannan si arganii rifatan;
gad fagoonillee hin raafaman.
17Duumessi bisaan coccobse;
samiiwwan hin gigissan;
falaqqifni bakakka'aa naannayatti ifan.
18Laagaan gigissaa keetii haboonbolattii
keessatti dhagayame;
bakakkaan kee adunyaa ibse;
lafti hin sodaatte; hin hollatte.
19Karaan kee galaana keessa;
deemsi kee bisaan guddaa keessa;
faanti kee ammo hin beekkamne.
20Harka Muuse'eetii fi ka Aarooniitiin;
banii kee akka gobbu'uutitti masakkite.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.