Gara Worra Qorontoosii 2ffaa 12 - Kitaaba Woyyuu

Manaaba Phaawuloos Arge

1Uf jajuun hin barbaachisa. Haa ta'uu ammo womaa hin fayyadu; yoo uf jajuu barbaade manaaba Rabbi naa kenneen uf jaja.

2Hu. Er. 22:17 Ani nama Kiristoositti amane tokko beeka; namni kun woggaa kudha afuriin dura haga samii sadeesso'ootitti ol fudhatame; akki inni ol fudhatamellee fooniin ta'ee'e yookaan hafuuraan ta'ee'e hin beeku; Rabbii ammo hin beeka.

3Ufii ammo namni kun gara hulee jeennataa akka ol fudhatame hin beeka; Haa ta'uu ammo fooniin ta'uu yookaan ta'uu dhabuu hin beeku. Rabbi garuu hin beeka.

4Luq. 23:43 Inni waan dubbii namaatiin himamuuf dubbii namni dubbatuu hin dandeenne dhagaye.

5Ani nama akkana jiruun boona. Waan kiyya ammo dadhabbii kiyya malee waan boonuun hin qabu.

6Ani dhugaa waan dubbata'aaruuf, uduu boonuu barbaadee gowwaa hin ta'u; Haa ta'uu ammo eennullee waan na irratti argee fi waan na irraa dhagaye caalchisee akka na hin laakkoofneef boonuu dhiiseera.

7Kanaaf guddinna manaabaatiin akka hin boonne, ergamaa seexanaa ka foon kiyya qucutu naa kenname. Kunillee akka ani uf hin janyeef.

8Kanaaf wonti kun akka na irraa ka'uuf hennaa sadihii Gooftaa kadhadhe.

9Inni, «Kennaan kiyya si gaya; hunni kiyyallee dadhabbii kee keessatti raawwatama» naan jedhe; eeganaa hunni Kiristoosii akka na keessa buluuf gammachuu gudda'aan dadhabbii kiyyaan boonuu jaaladha.

10Kanaaf waan Kiristoosiitiif dadhabbiin, xaaruun, rakkoon, ari'amu'uu fi dhiphachu'uun gammada. Yoo dadhabe waan hennaa san jabaadhuuf.

Yaada Phaawuloos Worra Qorontoosiitiif Yaade

11Waan booneef gowwaa ta'eera. Isin na giddisiiftan; isin silaa worra na galatoonfatu. Ani yoo womaa hin taanellee ergamtoota ijoo womaanuu hin hanqadhu.

12Dhuga'aan malkanni ergamtoota isin jiddu'utti malkataa fi waan maalale'eetiin ajaa'ibni marti obsaan ta'e.

13Ani ufii yoo isinitti ulfaachuu dhabaadhe, kanaa achi wonti woldaa biraa hanqattaniin maali'iin ree? yakka kiyya kana naa dhiisaa'a.

14Gara keessan dhufu'uuf qophaayuun kiyya kun kunoo hennaa sadeesso'ooti. Isinittillee hin ulfaadhu, isin malee waan isin qabdan waan hin barbaanneef abbootatu ijoolle'ee birrii kaaya malee, Ijoolleen abbootaaf birrii kaayuun hin ta'u.

15Ani ammo waan lubbuu keessaniitiif gammachuu gudda'aan birrii kiyya kaffala. Ufillee yoo ta'e hin kaffala; hagaa olitti yoo isin jaaladhe, waan kanaaf jaalalli keessan hin hanqataa?

16Haa ta'uu ammo ani isinitti hin ulfaadhu. Malaa fi sobaan waan harkatti isin galfadhe seetanii?

17Karaa namoota gara keessan ergeetiin isin sobee?

188:6,16-18; Qor. 1ffaa 16:10 Tiitoo gorseera; isa woliin obboleessa isaa erge, Tiitoon isin sobee? Ayyaana tokkoon hin jiraannee? fedhii tokkoon hin jiraannee?

19Waan keessaniif hennaa maraa waan uf qusannu isinitti fakkaataa? Rabbiin afo'otti Kiristoosiin keessa taanee dubbanna. Haa ta'uu ammo jaalatamtoota! nu isin ijaaru'uuf maraa dubbanna.

2010:2; Qor. 1ffaa 1:11; 4:6; Gal. 5:19-21 Hennaa ani gara keessan dhufu akka ani barbaadu taatanii isin arguu dhabuu danda'a. Anillee akka isin jaalattan san uduu hin ta'in na argitan jedhee sodaadha. Maal laataa mormiin, hinaaffaan, lolli, diiggaan, hamiin, hasaassiin, boonuun, raafamnillee hin ta'a.

212:1; 13:2; Qor. 1ffaa 6:15-20 Deebi'ee yoo dhufu isin biratti Waandhi kiyya akka na hin salphifne worra dura cubbuu hojjatanii fi waan battii godhaniif seebarrii, waan worra aagii hin galinii waan namoota hedduu maal laataa hin gadda jedhee sodaadha.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help