Seera Bayu'uu 6 - Kitaaba Woyyuu

1Rabbi Muuse'een, «Irree kiyya jaba'aan banii kiyya gad isaan dhiisisiisa; mootichi Fari'oon irree kiyya jaba'aan mooyatamee gad isaan dhiisa» jedhe.

Muuseen Waamame

2Rabbi Muuse'een «Ani Rabbii (Yaahiwwee) waa maraa danda'u (El Shaadaayi)

3ka Abrahaam, Yisaaqii fi ka Yaaqoobitti mudhadhe; garuu maqaan kiyya isaanitti hin beekkamne ture.Ser. Uma. 17:1; 28:3; 35:11; Ser. Ba'u. 3:13-15

4Biyya Kana'aanii ta itti baqatanii keessummummaa keessa taa'an san isaan dhaalchisu'uuf waadaa isaanii gale.

5Akkasuma ani booyicha ijoollee Israa'elii ka worri Misirii isaan boochise dhagayee; waadaa isaanii galellee yaadadhe.

6Kanaafuu ijoollee Israa'eliitiin «Ani Rabbi; garbummaa biyya Misirii jalaallee isin baasa; isaan faanshachuu jalaallee isin baasa; irree kiyya diriirsee murtii kiyya gudda'aan isin hambisa.

7Banii kiyya isin taasifadha; Waaqa isinii ta'a; ani Rabbii garbumma biyya Misirii jalaa isin baase akka ta'e hin beettan.

8Gara biyya Abrahaam, Yisaaqii fi Yaaqoobii hin kenna jedhee waadaa galetti isin galcha; biyyattii san ristii teessan taasisee isinii kenna; ani Rabbiin waan ta'eef» jedhe.

9Muuseen waan kana ijoollee Israa'eliititti hime; isaan ammo waan hujiin isaanitti guddatee nafti isaanii miidhameef dubbii isaa dhagawuu hin barbaanne.

10Ammallee Rabbi Muuse'een akkana jedhe,

11«Mootii biyya Misirii bira seeniitii akka inni ijoollee Israa'elii biyya Misiriitii akka isaan dhiisu itti himi»

12Muuseenillee Rabbiin, «Ka ijoolleen Israa'elii na hin dhageenne; attamitti mootichi Fari'oon na dhagaya? ani waan nama afaan cabaqu ta'eef» jedhee dubbate.

13Rabbi Muuse'ee fi Aarooniin, «Akka isin binii Israa'elii masakkitanii biyya Misiriitii baaftan akka ani isin jaje; binii Israa'eliitii fi mootii biyya Misirii Fari'oonitti himaa'a» jedhee ajaje.

Hortee Muuse'eetii Fi ka Aaroonii

14Bulchoonni mana abbaa isaanii kanniin; ijoolleen Roobeelii ta ilma hangafaa ta Israa'elii Heenoon, Falus, Aasroonii fi Karmi'i; kunniin gosa Roobeeliiti.

15Ijoolleen Simooniillee Yimu'eel, Yaamiin, Ahaad, Yaakiin, Xohaarii fi Saa'ulii ilma Kana'aantitti'iiti; kunniin gosa Simooniiti.

16Maqaan ijoollee leewwi'ii akka gosa isaaniitiin Geedisoon, Qa'aatii fi Meeraariin fa'a; umuriin Leewwi'ii woggaa dhibba tokkoo fi soddomii torba ture.

17Ijoolleen Geedisoonii akka gosa isaaniitiin Loobeenii fi Saamee'iin fa'a.

18Ijoolleen Qa'aatiillee Inbaraam, Yisi'aar, Keebroonii fi Uuzi'eel fa'a; umuriin Qa'aatii woggaa dhibba tokkoo fi soddomii sadihi.

19Ijoolleen Meeraarii Moohoolii fi Musii fa'a; kunniin akka hortee isaaniitiin gosa Leewwi'iiti.Ser. Lak. 3:17-20; 26:57-58; Sen. 1ffaa 6:16

20Inbaraam mucattii eessuma ufii Yookaabiidiin fuudhe; isiin Aaroonii fi Muusee deetteef; umuriin Inbaraamii woggaa dhibba tokkoo fi soddomii torba ture.

21Ijoolleen Yitsaarii Qoree, Naafeegii fi Zikiriin fa'a.

22Ijoolleen Uuzi'eelii Misaa'eel, Eldaafaanii fi Sitirii fa'a.

23Aaroon mucattii Amnaadaabii obboleettii Na'aasoonii Eliisheebaa fuudhe; isiinillee Naadaab, Abiyood, Alaazarii fi Itaamiriin deetteef.

24Ijoolleen Qore'ee Aseer, Hilqaana'aa fi Abiyaasar fa'a; kunniin gosa ijoollee Qore'eeti.

25Alaazar ilmi Aaroonii ijoollee faati'eelii keessaa intala fuudhe; Isiinillee Finihaasiin deette; kunniin abbootaa fi bulchoota gosa Leewwi'iiti.

26Kunniin worra Rabbi Muuse'ee fi Aarooniin «Banii Israa'elii akka gosa isaaniitiin biyya Misirii keessaa baasaa'a» jedhee ajaje.

27Worri mootii biyya Misiriitiin, «Banii Israa'elii gad dhiisi» jedhee itti dubbate isaan.

Ajaja Rabbi Muuse'ee Fi Aaroonitti Kenne

28Hennaa Rabbi biyya Misiriititti Muuse'etti dubbate waan kanatu ta'e;

29Rabbi Muuse'een «Ani Rabbi; waan ani sitti himu maraa mootii biyya Misirii Fari'oonitti himi» jedhee itti dubbate.

30Muuseen Rabbiin «Ani nama afaan cabaquu attamitti Fari'oon naa dhagaya» jedheen.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help