Seera Laakkobsaa 13 - Kitaaba Woyyuu

Gaaddota Akka Biyya Kana'aanii Gaadaniif Ergaman(Ser. Ba'u. 1:19-22)

1Rabbi Muuse'een akkana jedhe,

2«Lafa Kana'aanii ta ani ijoollee Israa'eliitii kennu dhaqanii akka laalan namoota gosa abboota maraa keessaa nama bulchaa ta'ee ergi»

3Muuseenillee akkuma ajaja Rabbiitiin gammoojjii fuuraaniitii isaan erge; isaan martinuu bulchoota ijoollee Israa'elii turan.

4Maqaan isaanii gosa Roobeelii keessaa ilma Zaakuurii Saamu'eel;

5gosa Simooniii keessaa ilma Suure'ee Saafaax;

6gosa Yihuuda'aa keessaa ilma Yoofoonii Kaaleeb;

7gosa Yisaakoorii keessaa ilma Yooseefii Yiigi'aal;

8gosa Efreemii keessaa ilma Nawwe'ee Awusee;

9-10gosa Biiniyaamii keessaa ilma Raafuu Faaliix; gosa Zaabiloonii keessaa ilma Saadii Gudi'eel;

11gosa Yooseefii keessaa innillee gosa Minaase'ee keessaa ilma Suusii Gaad,

12gosa Daanii keessaa ilma Gamaalii Ami'eel;

13gosa Aseerii keessaa ilma Mikaa'elii Satuur;

14gosa Niftaalemii keessaa ilma Yaabii Naabi;

15gosa Gaadii keessaa ilma Maakii Gudi'eel.

16Namoonni Muuseen biyya Kana'aanii akka dhaqanii gaadaniif erge kanniin; Muuseen ilma Naawwe'ee Awusee «Iyyaasuu» jedhee maqaa isaa jijjiire.

17Muuseen akka biyya Kana'aanii gaadan gara bita'aa kanaan bayaa'a, gara gaarraniillee dhaqa'aatii

18lafti attam akka jirtu, namoonni isii irra jiraatanille jajjaboota yookaan dadhaboota;

19namoota hagoo yookaan heddu namoonni lafa san irra jiraatan mimmishaa yookaan babbadaa ta'uu isaanii, huleen isaan jiraatanillee goodda yookaan dirree dhooqa, qachaa ta'uu,

20Mukkiin lafa sanii fufurdaa yookaan qaqadhaa ta'uu, lafti biyya sanii gabbataa ta'uu dhaqa'aa laalaa'a daraaraa lafa sanii qabadha'aa as koottaa'a» hennaan sun garuu ji'a woyiniin gawu ture.

21Isaanillee deemanii biyya Kana'aanii gammoojjii Siinii ta qaccee lafa gammoojjii Hamaatii jirtu irraa jalqabee haga Ra'aabii gaadan.

22Gara bita'aatiin bayanii Keebrooniin gayan achitti ijoolleen «Eenaaqii» ka'imman Seesii fi Taalaam fa'atu jira; Keebroon Xaniyoosii biyya Misiriitiin dura woggaa torbaan dura ijaaramte turte.

23Gara dhooqa Eeshkoolii dhaqanii achii gaalee muka woyini'ii dheeraa tokko muranii namni lamaa loosaa keessa loosanii baadhatan; akkasuma muka daraaraa roomani'iitii fi daraaraa balasii irraallee muranii fidan.

24Ijoolleen Israa'elii hulee san irraa waan gaalee muraniif maqaa hulee sanii « Dhooqa Eeshkoolii» jedhanii itti baasan.

25Isaanillee lafa gaadanii guyyaa afurtamaan maayessa deebi'anii gara Muuse'eetii fi gara Aaroonii,

26worra gammoojjii faaraaniitii fi Qaadeesii jiranii gara banii Israa'elii deebi'an; waan dhaqanii argan sanniin maraa isaanii fi banii marattuu himan; daraaraa biyya sanii fuudhanillee isaanitti mudhisanii

27Muuse'een, «Gara biyya ati nu ergitee dhandhe; biyyi sun Aannanii fi damma baafti, daraaraan isi'iillee kana.

28Garuu baniin biyya san keessa jiraatan jajjaboota, qachaan isaaniillee ta kalo'oon kalamtee jabaatte ijoollee Eenaaqii achitti argine.

29Gara bita'aatiin worra Amaaleqiititu jiraata; gara gaarraniitiinillee worra Keexotaa, Iyyaabusootaatii fi worra Amoorotaatitu jiraata; worri Kana'aanotaallee isaan qarqara galaana Yoordaanosii biratti quphataniiran» jedhanii itti himan.

30Kaaleeb ammo banii Muusee afo'otti akka cadhisan godhee «Mooyachuu hin dandeenna baanee biyya san haa dhaalluu» jedhe.

31Namoonni isa woliin jiran garuu, «Baniin kun hunnaan waan nu caalaniif bawuu hin dandeennu» jedhanii dubbatan.

32Waan biyya dhaqanii gaadanii san oduu hin taane ijoollee Israa'eliititti himanii «Biyyi nu dhandhee laalle sun biyya nama isii keessa dhaqee jiraatu liqimsitu; namoonni dhandhee achitti argine dhedheera'a.

33Achitti ijoollee Eenaaqii ta gosa Neefliimii argine; nu'u isaan biratti yoo uf laallu akka Awwaannisaati ija isaanii afo'ottillee akkasuma turre» jedhan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help