Mudhata Yohaannisii 5 - Kitaaba Woyyuu

Kitaabaa fi Hoolaa

1 4:2; His. 2:9-10 Ka teessoo irraa ta'eef harka isaa ka mirgaa keessaa fi duuba irratti barreeffame barreeffama erbe'ee ka chaappaa torbaan cufame arge.

2Maleekkaan cimaan kitaaba cufu, ka chaappoota hiikuu malu eennu? Jedhee laagaa gudda'aan hennaa labsu arge.

3Ardii, sami'itti, lafa jalattillee yoo ta'e kitaaba banuu yookaan laaluun eennuullee hin danda'amne.

4Kitaaballee banuu yookaan laaluun ka malu eennullee waan hin argamneef guddisee booye.

522:16; Ser. Uma. 49:9-10; Isa. 11:1,10; Rom. 15:12 Manguddoota keessa tokko, «Hin booyin! Kunoo leenci gosa Yihuuda'aa Inni hidda Daawitii kitaaba banu'uu fi chaappaa torbaallee hiiku'uuf mooyateera» naan jedhe.

6 Isa. 53:9; Yoh. 1:29; Zakk. 4:10 Teesso'oo fi busaayaa arfan wodhakkaa, manguddoota jiddu'uttillee akka hoolaa qalmaatitti dhaabatee arge. Gaafa torbaa fi ija torba qaba. Isaanillee Ayyaannan Rabbii torban ka gara lafa maraa ergaman.

7Hoolaan sun dhufee harka mirgaa ka teessoo irra taa'ee irraa kitaaba fudhate.

814:2; 8:3-4; Far. 141:2 Hennaa kitaaba fuudhe, busayoonni afurii fi manguddoonni diddamii afurii hoolaa afo'otti kufanii isaan maruu girgiraa worqi'ii ka hixaanaatii fi faatee qulqullootaa meeshaa ittiin waaqeffatan qaban.

9 14:3-4; Far. 33:3; 98:1; 144:9; Isa. 42:10; Phex. 1ffaa 1:18-19 «Kitaaba fuutee chaappootallee hiikuun keeti,

waan qalamteef dhiiga keetiin,

Rabbiif, afaan maraa, gosa maraa,

banii maraa keessaa namoota furtee;

10jeennata Waaqa keennaatii gadoota akka ta'an gooteerta;

adunyaa irrattillee hin mooyan» jedha'aa

laagaa haarawaan faarfatan.

11 Dan. 7:9-10; Ibr. 12:22 Achiin maayessa naannaya teessoo busaawotaatii fi manguddootaatitti laagaa Maleekkaa hedduu dhagaye;

laakkobsi isaanillee shikita hennaa shikitaatii fi

kuma hennaa kumaatamaati.

12 4:11; Sen. 1ffaa 29:11 Laagaa gudda'aan,

«Hoolaa qalame saniif

hunni, durummaan, ogummaan, jajjabeenni,

ulfinni, galanninii fi eebbillee isaa mala» jedhan.

13 7:10-12; Filph. 2:10 Ardii, samii'i, lafa jalattii fi uumamni galaana irra jiranii fi wonti isa keessa jiru martuu hennaa,

«Eebbi, ulfinni, galanni, hunni baraa haga bara baraa ka teessoo isaa irra taa'eef,

hoolaa Rabbiitii haa ta'u» jedhan dhagaye.

14 19:4 Busaayaan arfanuu, «Amiin!» jedhan; manguddoonni kufanii sagadan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help