Gara Worra Ibrootaa 3 - Kitaaba Woyyuu

Yesuus Muusee Caala

1 4:14 Kanaafuu obboleeyyan woyyoota, worri waamsa sami'ii irraa qoodamtoota taatan, gara ergamaa amantii keennaatii fi gadicha hayyicha Yesuus Kiristoosii laalaa'a.

2Ser. Lak. 12:7 Akkuma Muuseen mana Rabbii keessatti amanamaa ture, innillee Rabbii isa muudeef amanama'a.

3Namni mana ijaaru akkuma mana ufii caalaa ulfinna caalu qabu akkasuma inni Muusee caalaa ka ulfinna guddaa qabu ta'ee argameera.

4Manni maruu nama tokkoon ijaarame. Ka waan maraa qopheesse ammo Rabbi.

5Muuseen waan uf afo'otti dubbatamuuf san ragaa ta'u'uuf mana Rabbii maraa keessatti tajaajilaa amanamaa ture.

66:11; 10:23; Phex. 1ffaa 2:5; Qol. 1:23 Kiristoos ammo mana Rabbii keessatti akka Ilmaatitti amanama'a; nullee waan itti abdannuuf abdii ittiin boonnu haga dhumaa jabeessinee yoo eenne nullee mana isaati.

Hara baafata Banii Rabbii

7Kanaafuu akka Ayyaanni woyyuun jedhu,

«Adha laagaa isaa

yoo dhageettan,

8-9 Ser. Ba'u. 17:7; Ser. Lak. 20:2-5; Kes. Deb. 6:16 Akka hennaa qormaata lafa gammoojji'ii keessatti Rabbiin dhibu'uun taatan san,

«Mataa hin jabaatinaa'a! achitti abbootiin teessan na qoranii;

woggaa afurtamaa guutuu waan ani hojjadhe argan.

10Kanaaf ani dhaloota sanitti aare.

‹Hennaa maraa onnee isaaniitiin hin dogoggoran; isaan karaa kiyya hin beenne jedhe.

11 4:3; Ser. Lak. 14:21-23 Akkasuma,

‹hulee hara baafata kiyyaa sirima hin galan!

jedhee aari'iin kakadhe» jedhe.

12 12:15 Obboleeyyan tiyya! isin keessaa eennullee ka Rabbii jiraataa irraa fagaatuu fi cubbamaan, akkasuma ka gara'aa hin amanne isin keessa akka hin jiraanne uf eegaa'a!

13Haa ta'uu ammo isin keessaa eennullee cubbu'uun sobamu'uun morkataa akka hin taane, «Adhuma» waan guyyaa maraa uduma guyyaan sun hin lufne woliin mari'adhaa'a!

143:6; 6:11 Amantii keenna ka duraa haga dhumaa cimsinee uduu eennee worra Kirstoosiin woliin jeennata Rabbii keessa jiraatu taaneerra.

153:7-8; Far. 95:7-8 Kunillee,

«Adha hennaa sagalee isaa dhageettan garaa hin jabaatinaa'a!

onnee teessan morkataa hin godhinaa'a!»

16 Ser. Ba'u. 17:2-3 Worri dhagayanii didan eennuun fa'a? worra Muuse'een masakkamanii Misirii bayan sanniinii mii? Ser. Lak. 14:1-35

17Qor. 1ffaa 10:5,10 Ka woggaa afurtamaa loleen eennuun fa'a turan? Ka reeffi isaa lafa gammoojji'ii keessatti kufe, worri cubbuu hojjatan isaanii mii?

183:11 Worra hin ajajamne yoo ta'e malee gara hulee hara baafannaa kiyyaa hin galtan jedhee eennuun fa'atti kakate?

194:6 Amanuu dhabuu isaaniitiin gara hulee hara baafanna'aa seenuun akka isaanii hin danda'amne argina.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help