Kitaaba Seena'aa ka 1ffaa 27 - Kitaaba Woyyuu

Dhaabbilee Loltootaatii Fi Ka Bani'ii

1Worra Israa'elii keessaa bulchoonni manniin abboota isaaniitii fi ajajoonni dhibbaatii fi loltoota kumaa ka mooticha wogga wogga'aan, ji'a ji'aan tajaajilu'uuf yaa'an laakkobsi isaanii namoota kuma diddamii afuriiti.

2Ji'a jalqabaa kutaa tokko irratti Shoobi'aamii ilma Zabdi'eeliititu muudame; kutaa inni bulchu keessa loltoota kuma diddamii afuriititu ture.

3Inni gosa worra Faareesii keessaa dhalate.

Ji'a jalqabaa loltoota maraa irrattuu muudame.

4Kutaa woraanaa ka ji'a lammeesso'oo irratti Duudii gosa Ahooha'aatitu muudame; kutaa isaa keessallee loltoota kuma diddamii afuriititu jira.

5Bulchaan kutaa sadeesso'oo ka ji'a sadeesso'oo Banayaasii ilma Yoodaahe'eeti; kutaa isaa keessallee loltoota kuma diddamii afuriititu jira.

6Banayaasi namoota soddomaa keessatti jaba'aa fi beekkamaa nama soddomaa bulchu; ilmi isaa Amizaabaadi garee inni bulchu ajaja.

7Ji'a arfeesso'oo garee arfeesso'oo irratti garee arfeesso'oo ka bulchu Asaaheelii obboleessa Iyyoo'aabiiti; isaan maayessa ilma isaa Zibaadiya'atu bulche; garee isaa keessallee loltoota kuma diddamii afuriititu jira.

8Ji'a shaneesso'oo keessaa garee shaneesso'oo ka bulchu Shaamhuutii gosa Yizira'aati; garee isaa keessallee loltoota kuma diddamii afuriititu jira.

9Ji'a jaheesso'oo keessaa garee jaheesso'oo ka bulchu Iraas ilma Isikaa gosa Teequha'aati; garee isaa keessallee loltoota kuma diddamii afuriititu jira.

10Ji'a torbeesso'oo keessaa garee torbeesso'oo ka bulchu Seleesii nama Filoona'aa ka gosa Efreemiiti; garee isaa keessallee loltoota kuma diddamii afuriititu ture.

11Ji'a saddeetesso'oo keessaa garee saddeetesso'oo ka bulchu Sibookaayii worra Kuusa'aa ka gosa Zaara'aati; garee isaa keessallee loltoota kuma diddamii afuriititu jira.

12Ji'a sagaleesso'oo keessa ka garee sagaleesso'oo bulchu Abi'eezarii worra Anaatootaa ka gosa Biiniyaamiiti.

13Ji'a kudhaneesso'oo keessaa garee kudhaneesso'oo ka bulchu No'eeree worra Naxoofa'aa ka gosa Zaara'aati; garee isaa keessallee loltoota kuma diddamii afuriititu jira.

14Ji'a kudha tokkeesso'oo keessaa garee kudha tokkeesso'oo ka bulchu Banayaasii worra Phiri'aatoona'aa ka gosa Efreemiiti; garee isaa keessallee loltoota kuma diddamii afurititu jira.

15Ji'a kudha lammeesso'oo keessaa garee kudha lammeesso'oo ka bulchu Heldaayii worra Naxoofa'aa ka gosa Gotoniyaaliiti; garee isaa keessallee loltoota kuma diddamii afuriititu jira.

Bulchoota Gosa Israa'elii Bulchan

16Bulchoonni gosa Israa'elii bulchan

El'eezer ilmi Zikirii gosa Roobeelii bulche;

Safaaxiyaas ilmi Ma'aaka'aa gosa Simoonii bulche.

17Hashaabiyaan ilmi Qamu'eelii gosa Leewwi'ii bulche.

18Saadooqi gosa Aaroonii bulche;

Obboleewwan Yihuuda'aa Elihu'utu bulche.

Oomiri ilmi Mikaa'elii gosa Yisaakoorii bulche.

19Yishmayaan ilmi Abdiyyuu gosa Zaabiloonii bulche.

Iyyaarimuuti ilmi Aziri'eelii gosa Niftaalemii bulche.

20Hoosee'i ilmi Azaaziya'aa gosa Efreemii bulche;

Iyyu'eeli ilmi Faddaya'aa gosa Minaase'ee ka gara dhiya adu'uu bulche.

21Ado ilmi Zakkaariyaasii cinaa gosa Minaase'ee ka biyya Gala'aadii keessa jiru bulche;

Isi'eel ilmi Abaaneerii gosa Biiniyaamii bulche.

22Azaari'eel ilmi Yirohaamii gosa Daanii bulche;

Kunniin bulchoota gosa Israa'elii turan.

23Rabbi, «Banii Israa'elii akka urjii sami'iititti isin baay'isa» waan jedheeruuf Daawiti worra umuriin isaanii woggaa diddamaa gadii maraa hin laakkofne.Bulchoota Meeshaa Mana Mootumma'aa

25Namoonni meeshaa mana mootumma'aa irratti baallii qaban bulchaan meeshaa mana mootumma'aa Azmootii ilma Adi'eeliiti. Yoonaataan ilmi Ooziya'aa qachoota gandoota waan raasaa keessa jiruu fi mana meeshaan mootumma'aa keessa taa'u tooyata.

26Eezir ilmi Kiluubii worra lafa midhaassan, worra lafa qotan maraa bulcha.

27Saami'i namni gosa Raamaata'aa hulee woyinii itti dhaaban irratti muudamaa ture; Zibaadi namni gosa Shaafa'aa bulchaa mana cuunfaa woyini'iiti.

28Alhaanaan ka biyya Gederootaa keessatti dhalate muka woyini'iitii fi odaa gaara gara dhiya adu'uutiin jiru irratti muudame; Iyyoo'aas mana daadhii woyini'ii irratti muudame.

29Saaziriraayi namni biyya Saarana'aa horii biyya Saaroonii irratti bobbayan irratti muudame; Shaafaaxi ilmi Adilaayii horii lafa dhooqaa keessatti bobbayan irratti muudame.

30Ubiyaas namni gosa Ismaa'elii gaala irratti muudame; Yiheediyaan namni gosa Meerootaa Harriin irratti muudame.

31Yaazliz namni gosa Hagaarii re'iinii fi hoolota irratti muudame; kunniin maruu qabeenna Daawitii mootichaa irratti muudaman.

Worra Daawitii mootichaa Gorsa Kennu

32Yoonaataan eessumni Daawitii beekaa qaroo Daawitii mooticha gorsu; Yihi'eel ilmi Hakimoonii ijoollee mootichaa woliin ture.

33Akixoofeelillee nama mooticha gorsu; Kuusi namni gosa Arka'aallee goshoo mootichaati.

34Haga Akixoofeel du'een maayessa Abiyaatarii fi Yoodaaheen ilmi Banayaasii worra mooticha gorsan turan; Iyyoo'aabi bulchaa loltoota mootichaa ture.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help