1Maleekkaan Rabbii Gelgala'aa gara Bookimii dhufee, «Ani biyya Misiriitii isin baasee biyya abbootii teessanii kennu'uuf waadaa galetti isin galcheera; ‹Ani waadaa kiyya ka bara baraa ka isin woliin gale hin diigu.
2Isinumti hulee ciinca'aa ka isaanii diigaa malee; worra biyya kana keessa jiraatan woliinillee waadaa hin galinaa'a› isaaniin jedhe; isin garuu naa hin ajajamne; waan kana maaf gootan?» jedhanii itti baasan; hulee sanitti ciincaa Rabbiif dhiyeessan.
Iyyaasuun Du'e6Hennaa Iyyaasuun banii san achii gad dhiise, ijoolleen Israa'elii gara lafa ufii dacha'an.
7Akkuma bara Iyyaasuun jiru maraa waan guddaa Rabbi Israa'elii godhe arganii, Iyyaasu'uun maayessallee bara bulchiinsa jaarsotaa maraa baniin Rabbiin waaqeffate.
8Garbichi Rabbii ilmi Nawwe'ee Iyyaasuun haga woggaan isaa dhibbaa fi kudhan ta'e du'e.
9Biyya Efreemii lafa gaaraa ta gaara biyya Ga'aasii gara mirgaatiin jirtuu «Taminaarisii» daangaa lafa isaatitti awwaalan.Iyya. 19:49-50
10Dhaloonni bara sanii dhumanii abbootatti eda'aman; dhaloota dhume saniin maayessa, dhaloota waan Rabbi Israa'elii godhe hin beennetu dhalate.
Baniin Israa'elii Rabbiin Waaqeffachuu Dhiisan11Kanaan maayessa ijoolleen Israa'elii waan hamaa Rabbiin afo'otti hojjatanii Ba'aaliin waaqeffatan.
12Rabbii Waaqa abboota isaanii biyya Misirii keessaa isaan baase dhiisanii waaqolee tolfamaa banii ormaa ka naannoo isaanii jiraniin adda waaqolee tolfamaa biraa faanaa bu'a'aa sagadaniifii Rabbiin aarsan.
13Rabbiin dhiisanii «Ba'aalii fi Astaarotiin» waaqeffatan.
14Rabbillee Israa'eliin lolee worra isaan booji'aniif dabarsee isaan kennee harka diintota naannoo isaanii jala waan isaan galcheef diintota ufii uf irraa dhoogguu hin dandeenne.
15Akkuma Rabbi dubbatee isaanii kakate, karaa bayan marattuu harki Rabbii waan isaanitti hammaateef guddisanii dhiphatan.
16Kanaan maayessa Rabbi abboota murti'ii isaanii kaasee, worra isaan booji'e harkaa isaan baase.
17Isaan garuu Rabbii Waaqa ufii dhiisanii waaqolee tolfamaa biraatii sagadan malee abboota murti'iitii hin ajajamne; karaa abbootiin isaanii deema'aa turan irraa goran akka abbootiin isaanii Rabbiif ajajaman san hin goone.
18Hennaa Rabbi abboota murti'ii isaanii kaase, Rabbi ufumaa abboota murti'ii sanniin woliin ta'ee worra isaan dhiiba'aa, isaan dhiphisanii fi booyicha isaaniitiif gadda'aa ture.
19Haga abboonni murti'ii sunniin du'aniin maayessallee waaqolee tolfamaa waaqeffatu'uun, isaanii sagadu'uun, waan hamaa abboonni isaanii godha'aa turan caalaa godhan; mata jabumma'aa fi hujii ufii hamaa san hin dhiifne.
20Kanaafuu Rabbi guddisee isaaniin lolee «Baniin kun ajaja waada'aa ka ani abboota isaaniitii kenne waan diiganiif, dubbii kiyyallee waan dhagawuu didaniif,
21-22Karaa abboonni deemaniin, dubbii Rabbii akka eeganiif akka hin eenne Israa'eliin qoru'uuf jedhee haga Iyyaasuun du'e worra ormaa keessaa nama tokkollee isin afo'oo hin ariine» jedhe.
23Rabbi worra ormaa kanniin ariifatee isaan afo'oo hin ariine; Iyyaasu'uttillee dabarsee hin kennine.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.