1Namoonni mootiin Nabukadanatsoor gara Baabiloonii booji'e namoonni biyyaa ka gara Yerusaalemiitii fi gara biyya Yihuuda'aa deebi'an kanniin.
2Masakkoonni worra baqattootaa ta'anii dhufan Zarubaabeel, Iyyaasuu, Nahimiyaa, Saraayaa, Raa'ilaayaa, Mardokiyoos, Balaasaan, Maseefaar, Baguwaayi, Reehuumii fi Ba'aanaa fa'a.
Laakkobsi banii ijoollee Israa'elii kana.
3Fiixaan Faaroosii 2,172;
4Fiixaan Safaaxiyaasii 372;
5Fiixaan Eera'aa 775;
6Fiixaan Fahaatii, ta Moo'aabii ta worra Iyyaasu'uutii fi Iyyo'aabii ta'an namoota 2,812;
7Fiixaan Eela'aa namoota 1,254;
8Fiixaan Zaatu'ii namoota 945;
9Fiixaan Zakaayii namoota 760;
10Fiixaan Baani'ii 642;
11Fiixaan Beebaayii 623;
12Fiixaan Azigaadii 1,222;
13Fiixaan Adooniqaamii 666;
14Fiixaan Baguwaayii 2,056;
15Fiixaan Aadinii 454;
16Fiixaan Axeerii nama gosa Hisqiyaasii 98;
17Fiixaan Beesaayii 323;
18Fiixaan Yoora'aa 112;
19Fiixaan Hasuumii 223;
20Fiixaan Gaabeerii 95;
21Namoonni Beetaliheemii 123;
22Namoonni Naxoofa'aa 56;
23Namoonni Anaatootii 128;
24Fiixaan Azimootii 42;
25Fiixaan Qiriyaati'aarimii, ta Kaafira'aatii fi ta Bi'eerootii 743;
26Fiixaan Raama'aatii fi ta Geeba'aa 621;
27Namoonni Maakimaasii 122;
28Namoonni Beeteeliitii fi namoonni Gaayii 223;
29Fiixaan Naabawuu 52;
30Fiixaan Mageebsii 156;
31Fiixaan Eelaa nama lammeesso'oo 1,254;
32Fiixaan Kaarimii dhibba 320;
33Fiixaan Loodii, ta Hadaadiitii fi ta Anoomii 725;
34Fiixaan Iyyaariko'oo 345;
35Fiixaan Seena'aa 3,630;
36Fiixaan Yoodaahe'ee gadoonni worri gosa Iyyaasu'uu 973;
37Fiixaan Imeerii 1,052;
38Fiixaan Faaskoorii 1,247;
39Fiixaan Kaarimii 1,017;
40Leewwonni gosa Hoodaayiwa'aa fiixaan Iyyaasu'uutii fi ta Qadimi'eelii 74;
41Fiixaan Asaafii faarfattoonni 128;
42Fiixaan Saluumii, fiixaan Axeerii;
fiixaan Xeelmoonii, fiixaan Aquubii;
fiixaan Haxiixa'aatii fi fiixaan Soobaayii maruu 139 kunniin worra balbala mana woyyu'uu eegan.
43Tajaajiltoonni mana woyyu'uu
fiixaa Siha'aa, fiixaa Hasufa'aatii fi fiixaa Xabi'ootii,
44fiixaa Keeraasii, fiixaa Si'a'aa, fiixaa Faadoonii,
45fiixaa Liibaana'aa, fiixaa Agaaba'aa, fiixaa Aquubii,
46fiixaa Agaabii, fiixaa Samlaayii, fiixaa Hanaanii,
47fiixaa Gedeelii, fiixaa Gahaarii, fiixaa Raayya'aa,
48fiixaa Ra'aasoonii, fiixaa Neqoda'aa, fiixaa Gaaseemii,
49fiixaa Ooza'aa, fiixaa Faaseha'aa, fiixaa Beesaayii,
50fiixaa Asina'aa, fiixaa gosa Mi'unootaa, fiixaa Nifusaalimii,
51fiixaa Baaqbuuqii, fiixaa Haqufa'aa, fiixaa Harhurii,
52fiixaa Baaslootii, fiixaa Mihiida'aa, fiixaa Harsa'aa,
53fiixaa Baarqoosii, fiixaa Siisaara'aa, fiixaa Teema'aa,
54fiixaa Niisiya'aatii fi fiixaa Haxifa'aati; kunniin tajaajiltoota mana woyyu'uuti.
55Fiixaan tajaajiltoota Solomoonii;
fiixaan Sooxaayii, fiixaan Soofereetii, fiixaan Fiiruda'aa,
56fiixaan Yaa'ila'aa, fiixaan Daarqoonii, fiixaan Gedeelii,
57fiixaan Safaaxiyaasii, fiixaan Haxiilii,
fiixaan Faakiraatii, fiixaan Haxibooyimii, fiixaan Ami'ii,
58Tajaajiltoonni mana woyyu'uutii fi fiixaan tajaajiltoota Solomoonii 392;
kunniin maruu fiixaa tajaajiltoota Solomooniiti.
59Worri kunniin garuu worra qachaa Telmeelaa; Telaareesaa, Kiruubi, Adaanii fi Imeeriin keessaa bayan. Garuu isaan manniin abboota ufiitii fi fiixaa ufii yookaan worra gosa Israa'elii ta'uu isaanii uf beessisuu hin dandeenne.
60Fiixaan Daalaya'aa, fiixaan Xoobbiya'aatii fi fiixaan Neeqoda'aa 652;
61Fiixaan gadootaa fiixaan Eebbiya'aa, fiixaan Aqoosii, fiixaa Beerzeelii fa'a; Beerzeeli sababaan maqaa kanaan waamameef mucattii Beerzeelii nama gosa Gala'aadii waan fuudhee tureef.
62Kunniin Kitaaba dhalootaa keessa fiixaa ufii soqatanii turan garuu hin arganne. kanaaf adda baafaman; akka batti'iititti laallaman.
63Haga gadichi bulchaan biyyaa ka Uurimii fi Tumiimiin fedha Waaqaa ittiin gaafatu mooyuuf Woyyittii Woyyootaa keessaa hin nyaattan isaaniin jedhe.
64-65Baay'inni namoota booju'uu deebi'anii 42,360 ture;
kunillee tajaajiltoota dhiiraatii fi ta intalaa 7,337 eda'ateeti;
faarfattoota dhiiraatii fi ta intala 200 qaban.
66Faradoon isaanii 736;
Gaangiin isaanii 245;
67Gaallan isaanii 435.
Harriin isaanii 6,720;
68Hennaa gara mana Rabbii ka Yerusaalemiin keessa jiruu dhufan bulchoota manniin abboota isaanii keessaa baay'een isaanii akka manni Rabbii naannoo isaaniititti ijaaramuuf fedha ufiitiin lafa kennan.
69Kennaan isaan hujii mana woyyu'uutiif akkuma dandeettii isaaniitiin fedha ufiitiin kennan yoo wolitti eda'an worqii saqilii 500, Birrii saqilii 2,786 ta'e; uffata gadootaaf ta'ullee 100 akkuma dandeettii isaaniitiin kennan.
70Tajaajiltoonni mana woyyu'uu worri gadootaa Leewwonni banii keessaa namoonni baay'een worri faarfattootaa, worri balbala eegan, hojjattoonni qachoota ufii maraa woliin, worri Israa'elii maruu qachoota abboota ufii keessa jiraatan.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.