1Rabbi Yaaqoobii garaa laafa;
Israa'eliin deebi'ee filata;
biyya isaanii keessa isaan jiraachisa;
worri isaanitti gale isaan woliin jiratan;
mana Yaaqoobiitiin wol ta'an.
2Worra Yihuudii hin taanetu isaan fudhata;
gara hulee isaaniititti isaan deebisan;
manni Israa'elii worra Yihuudii hin taane ristii ufii godhatan;
Ardii Rabbii irratti ijoollee intalaatii fi ta dhiiraa
garboonfatanii bulchan.
3Gaafa Rabbi rakkoo kee irraa;
hucuucca'aa fi garbummaa cimaa jalaa
hara si baafachiise;
4Mootii Baabilooniititti baldita; akkana jetta;
cunqursaan attamitti dhumate!
gabbarsiisuun isaa hoo attamitti raawwatame!
5Rabbi bokkuu hammeeyyi'ii;
ulee mootummaa isaaniillee cabseera.
6Ka banii dheekkamsa addaan hin cinneen dhaye;
ka gara laafinna malee ari'a'aa
tume cabseera.
7Ardiin maruu nagaya fi hara baafannaa argatteerti;
faaruu gammachu'uu dhageessifti.
8Hindheessinii fi birbirsi Libaanosiituu gammadaniiran;
«atillee hin kufte;
ka muka murullee
dhagaraa ol nutti hin fudhanne» jedhan.
9Hennaa dhufte
asaabni si simacu'uuf qophoofteerti;
akka si simataniif worra hafuura ekera'aa waamu;
worra adunyaa bulcha'aa turan maraa dammassiteerti;
mootota banii irratti mooyan;
teessoo isaanii irraa buufteerti.
10Isaan maruu sii deebisan;
akkana siin jedhan;
‹Atillee akkuma keenna dadhabde;
akkuma keenna taate»
11Ulfinni kee kiraara sagalee guddaa dhageessisu woliin;
gara asaabaa bu'e;
xiinxanaan si jalatti afameera;
raammoollee irraan dhayatta.
12Ati ilma ganamaa; bakkalcha bari'ii;
attamitti samii irraa kufte!
ati ka dura mootota salphifte;
attamitti gara lafaa gad darbamte!
13Garaa kee keessatti akkana jette;
«Gara sami'ii ol baya;
teessoo kiyya
urjiiwwan Rabbiitii ol taasifadha;
gaara irratti wol gayan;
gubbaa gaara woyyoomee irratti;
teessoo kiyya irra taa'a.
14Duumessaa olitti ol baya;
akka ka maraa olii uf godha.
15Garuu gara asaabaa;
gara boolla gad fago'oo buuteerta.
16Worri si argu guuttatanii si laala'aa;
maalalfata'aa waan kee akkana jedhan;
«Ka ardii raase sun;
ka mootota hollachiise nama kanaa?
17Ka adunyaa gammoojjii godhe;
ka qachoota diige;
worra booji'ame ka akka gara biyya ufii hin deemne dhoogge kanaa?
18Mootonni bani'ii maruu ulfinnaan du'aan deeman;
awwaala ufii keessatti hara baafataniiran.
19Ati garuu uduu hin awwaalamnin akka baala mukaa ka irra deemanii taatee gatamteerta;
reeffi kee reeffa namoota woraanaan dhumateen uwwifameera;
reeffuma isaanii woliin boolla dhaga'aa keessatti gatamee
irra deemameera.
20Isaan woliin awwaala keessa hin teettu;
lafa kee waan balleessiteef;
banii keellee fixxeerta.
fiixaan worra hammeenna hojjatuu
sirima hin qaabatamu.
21Ka'anii akka lafa hin dhaalle;
adunyaa akka qachoota isaaniitiin hin guunne;
waan cubbuu abboota ufiitiif;
hulee ijoolleen isaanii ta dhiiraa itti qalaman
qopheessan.
Rabbi Biyya Baabiloonii Hin Balleessa22«Isaanitti ka'a»
jedha Rabbi Gooftaan banii maraa;
«maqaa isi'iitii fi hafteewwan isi'ii;
sanyi'ii fi dhaloota isi'ii;
Baabilooniin keessaa kuta»
jedha Rabbi.
23«Hulee dhaddeen keessa jiraattu;
lafa leepho'oo isii taasisa;
haxaawwii badi'iitiin isii haxaaya»
jedha Rabbi Gooftaan banii maraa.
Rabbi Worra Asoorii Hin Balleessa24Rabbi Gooftaan banii maraa akkana jedhee kakateera;
«Akkuma karoorse dhugamaan akkasuma ta'a;
akkuma yaade ta'a.
25Asooriin lafa tiyya irratti bulleessa;
gaara kiyya irratti irra deema;
qabmarri banii kiyya irraa ka'a;
ba'aan gurmuu isaanii irraa hin bu'a.
26Karoorri ardii maraaf yaadame kana;
harki banii maraaf qophaaye kanuma;
27Rabbi Gooftaan banii maraa akkana yaadeera;
eentu isa dhoogga?
harki isaa hiixatamteertii?
eentu deebisa ree?
Rabbi Worra Filisxeemii Hin Balleessa28Woggaa mootichi Akaaz du'etti
dubbiin akkana jedhu dhufe;
29Isin worra Filisxeemii!
uleen isin dhoofte waan cabdeef isin maruu hin gammadinaa'a;
bofa jalaan buutiin waan baatuuf;
daraaraan isi'ii bofa hadha'aa fixiramaa ta'aa.
30Worri hiyyeessa caalaa hiyyoomellee hulee itti bobba'an argatan;
worri rakkatellee bashannananii rafan;
hidda kee garuu beelaan ajjeesa;
haftee teellee hin fixa.
31Yaa balbala! bade jedhi;
yaa qachaa'a; iyyi
Worra Filisxeemii isin maruu
naasu'uun baqaa'a
aarri kaabaa gara kee dhufeera;
ka hiriira keessaa bayee hafu waan hin jirreef.
32Worra dhaamsaan banii san keessaa dhufanii
deebii maal kennaniif?
deebiin «Rabbi Tsiyooniin hundeesseera;
baniin rakkinni irra gayellee
isii keessatti irkoo argateera» ka jedhu.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.