Raajii Ermiyaasii 24 - Kitaaba Woyyuu

Mammaaka Waan Keeshee Muka Hurbu'uu Lamaanii

1Rabbi keeshee lamaan muka hurbu'uu irraa hojjatame ka balbala mana woyyu'uu afoo jiru natti mudhise; wonti inni natti mudhise kun haga mootichi Baabiloonii Nabukanatsoor Ikooniyaanii ilma Iyyo'aaqeemii mootii biyya Yihuuda'aa bulchoota Yihuuda'aa, ogeeyyii hujii harkaa hojjatanii fi ogeeyyii biraa ka waan biraa hojjatan woliin hidhee Yerusaalemii gara Baabiloonii fideen maayessa.Mot. 2ffaa 24:12-16; Sen. 2ffaa 36:10

2Keeshee duraa daraaraa muka hurbu'uu ka gaye mimmishaa keessa kaayaniiran; keeshee lammeesso'oo keessa garuu daraaraa muka hurbu'uu ka shamee nyaataaf hin taanetu keessa jira.

3Rabbi «Ermiyaas! wonti ati laala'aartu kun maali'i?» naan jedhe.

Anillee, «Daraaraa muka hurbu'uu arga'aara, daraaraan muka hurbu'uu mimmishaan guddisee bareeda; daraaraan muka hurbu'uu babbadaan garuu ka shamee badee nyaataaf hin tolle» jedhee deebiseef.

4Kanaafuu Rabbii akkana naan jedhe,

5«Baniin ani Rabbi Waandhi Israa'elii gara Baabiloonii erge akka muka hurbu'uu mimmishaa kanniinii akka ta'anitti laala.

6Ani akka jireenni isaanii hin banne isaan kunuunsee gara biyya tanaa akka deebi'an isaan taasisa; isaan ijaara; isaan hin diigu; isaan dhaaba; isaan hin buqqisu.

7Ana Rabbiin akka beekan isaan taasisa; achiin maayessa isaan garaa ufii guutu'uun gara kiyya waan deebi'aniif isaan banii kiyya ta'an; ani Waaqa isaanii ta'a.

8Ani Sedeqiyaasii mootii Yihuuda'aatii fi worra gorsa isaa kennan ka naannoo isaa jiran akkasuma worra Yerusaalemiin keessa jiraatan keessaa worra hafanii fi worra gara biyya Misirii dhaqan maraa akka muka hurbu'uu ka shamee badeetii fi ka nyaataaf hin tollee san isaan taasisa.

9Akka isaan akka worra ari'amanii baqatanii mootota biratti akka jibbaman, worra arrabaman, worra mammaakaa, worra itti baldanii fi akka muukayan isaan taasisa.

10Ani akka isaan lafa isaanii fi abboota isaaniitii kenne irra haga badanitti lola, akka beelaa fi bala'aan dhuman isaan taasisa.»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help