1Mootiin Baabiloonii Nabukadanatsoor Sedeqiyaasii ilma Iyyoosiyaasii bikka Ikooniyaanii ilma Iyyo'aaqeemii Yihuudaa irratti moosise.Mot. 2ffaa 24:17; Sen. 2ffaa 36:10
2Sedeqiyaas, bulchoonni ajajoota loltootaa yookaan baniin dubbii Rabbi karaa Ermiyaasii raattichaatiin dubbatee hin ajajamne.
3Mootichi Sedeqiyaas Yookaalii ilma Shelemiya'aatii fi Sofoniyaasii gadicha ilma Maa'iyaanii gara ana Ermiyaasii ergee «Ati waan banii keennaatiif Rabbii Waaqa keenna nuu kadhadhu» jedhanii akka na gaafatan godhe.
4Ani hennaa san hidhamee hin jiru ture; sababaa kanaaf banii keessa bilisumma'aan deddeema.
5Hennaa san loltoonni Baabiloonii Yerusaalemiin marsan; loltoonni biyya Misirii garuu akka daangaa lufanii dhufa'aaran haga dhagayan duubatti dheessan.
6-7Kanaan maayessa Rabbi Waandhi Israa'elii karaa worra dhaamsa geessaniitiin «Kunoo loltoonni biyya Misirii worri si gargaaru'uuf dhufan deebi'anii gara biyya ufii gara Misirii deebi'aaran.
8Achiin maayessa worri Baabiloonii deebi'anii dhufanii lolanii qachattii qabatan ibiddaan guban.
9Rabbi akkana jedha, ‹Worri Baabiloonii uf irra deebi'anii lixan› jettanii uf hin sobinaa'a; isaan uf irra deebi'anii hin deeman.
10Isin uduu loltoota Baabiloonii maraa mooyattanille'ee worri isaan keessaa madaayanii hafan deebi'anii jajjabaatanii ka'anii qachattii ibiddaan gubanii barbadeessan jedha» jedhee akka isatti himu na ajaje.
Ermiyaas Qabamee Hidhame11Akka loltoonni biyya Misiriitii dhufa'aaran haga dhagayan loltoonni Baabiloonii uf duuba deebi'anii turan.
12Ani dhaala maatii kiyyaa ka na gayu fudhatu'uuf gara bulchiinsa Biiniyaamii dhaqu'uuf Yerusaalemii ka'e.
13Garuu akkuma achi deemee balbala seensa dallawa Biiniyaamii gayeen bulchaan worra balbala eeguu ka maqaan isaa Yuuriyaa jedhamu ilmi Sheeliyaa ilma ilma Hanaaniya'aa «Ati gantee gara Baabiloonii deemu'uuf taataa!» jedhee na dhaabsise.
14Anillee, «Akka ati jettu kana ani nama ganee deemuu miti!» jedhee deebiseef; Yuuriyaan garuu na caqasuu hin barbaanne; sirimaa qabee na hidhee gara worra baallii qabanii na fide.
15Isaanillee guddisanii naan lolanii haga na tumsiisaniin maayessa gara mana Yoonaataa barreessa'aa ka manni isaa akka mana hidha'aa ta'u godhanii keessa na seensisanii balbala natti cufan.
16Mana lafa jalaa ka itti hidhame san keessa guyyaa heddu taa'e.
17Haga diqqoo turee mootichi Sedeqiyaas nama ergee na fuusisee mana mootummaa ufii keessatti hojjuma ufii «Dubbii raagaa ka Rabbi sitti hime qabdaa?» jedhee na gaafate; «Ee hin qaba!» jedheenii dubbii kiyya uduu wol irraa hin kunne «Mootii Baabilooniititti dabarsanii si kennan» jedheen.
18Achiin maayessa ani akkana jedhee isa gaafadhe, «Yakki ani si'i, bulchoota ajajoota loltootaa teetii fi banii kana afo'otti raawwadhee mana hidha'aa kana keessatti na hiisise maali'i?
19Amma raattonni mootiin Baabiloonii si'ii fi biyya kee irratti balaa hin buusu jedha'aa sitti himan eessa jiran?
20Kanaafuu mootii kiyya! akka na dhageettee waan ani si gaafadhe naa raawwattu si kadhadha; wonti ani si kadhadhu gara mana hidha'aa ka Yoonaata'aatitti na hin deebisin; yoo ati achitti na deebifte ani hin du'a.
21Kanaaf mootichi Sedeqiyaas kutaa worra balbala eeganii dallawa mana mootumma'aa keessa na galchanii akka natti cufan ajaje; ani achuma ture; haga qachattii keessaa buddeenni dhumatutti worri buddeena godhu guyya guyya'aan buddeena tokko tokko naa kenna'aa turan.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.