Pheexroosii Ka 2ffaa 2 - Kitaaba Woyyuu

Barsiisota Sobaa

1 Kes. Deb. 13:1-3; Mat. 24:11; Yihu. 4 Akkuma raattonni sobaa armaan dura banii jidduu turan, akkasuma ammallee barsiisonni sobaa isin jidduu jiran. Isaan Gooftaa isaan fayyise gananii ariiti'iin badii barumsa sobaa amantoota keessa seensisan.

2Rom. 2:24 Hedduun isaanii waan nama saalfachiisu waan godhaniif isaan faanaa deeman. Sababaa isaaniitiif karaan dhuga'aa arrabama.

3Xim. 1ffaa 6:3-5 Barsiisonni dharaa kunniin dharraa birri'iitiif ufumaa mammaaka dubbata'aa isin irraa nyaatan; murtiin isaanii dur irraa jalqabee hin turu; badiin isaan eeggata.

4 Ser. Uma. 6:1-2; Yihu. 6 Rabbi Maleekkota cubbuu hojjatan uduu garaa isaanii hin laafne boolla dukkanaayaa keessatti akka murtii eeggatan dabarsee eega kenne,

53:6; Ser. Uma. 6:1-22; 7:1-24; 8:18; Phex. 1ffaa 3:20 durillee adunyaa tanaa uduu garaa hin laafne Noohiin qajeellummaa lallabu'uuf namoota torban hambisee adunyaa cubbittii irratti bisaan badi'ii yoo roobe,

6Ser. Uma. 19:24-25; Yihu. 7 fakkeenna worra cubbuu hojjatu'uuf ta'anii godhee qachoota Soodoomii fi Gomoora'aa haga isaan daaraa ta'anitti gubee jissee yoo isaanitti murteesse,

7-8Ser. Uma. 19:1-16,29 Looxi qajeelaan hujii hamaa isaanii guyya guyya'aan dhagaya'aa arga'aa hennaa jiraate qajeelaa kana lubbuun isaa waan dhiphata'aa turteef, qajeelaa jiruu worra hammeeyyi'iitii fi worra adaba hin qabneen ka miidhame san yoo fayyise,

9-10Qor. 1ffaa 10:13; Mudh. Yoh. 3:10 Worra Gooftaa waaqeffatan ataabee jalaa baasee worra cubbamtootaa, keessattuu worra hawwii shinga'aa, dharraa foonii hamaa duukaa deema'aa worra Gooftummaa isaa tuffatan adaba'aa haga guyyaa murti'ii saniif attamitti akka isaan tursiisu hin beeka. Isaan kun worra uf jajaniif goota worra baallii qaban arrabsuu hin sodaanne.

11Yihu. 9 Maleekkonni Rabbii barsiisota dharaa kanniin caalaa hunnaa fi baallii yoo qabaatanillee afoo Goofta'aatitti dubbii arrabaatiin hin himatamne.

12Yihu. 10 Namoonni kun ammo waan ufii hubatuu dadhabanii arrabsan; isaan akka bineensa bosonaa ka qalbii hin qabnee ka miira isaaniitiin badaniititti isaanillee balleessaa ufiitiin badan.

13Yihu. 12 Isaan guyyamaan fedha ufii guuttachu'uuf waan fedhan godha'aa gammadan. Hennaa nyaataaf isin woliin waamaman isinuma jiddu'utti waan batti'ii fi fafa hojjatan.

14Isaan hennaa maraa halcha hama'aa fi ija cubbuu hujuu irraa hin deebine qaban; namoota amanti'iin jabaatanii hin dhaabanne dogoggorsan; qalbii fedha bada'aan guuttamte qaban; isaan worra abaarame.

15Ser. Lak. 22:4-35; Kes. Deb. 23:4; Nah. 13:2; Mudh. Yoh. 2:14; Yihu. 11 Karaa qajeelaa dhiisanii dogoggoran. Karaa Bala'aamii ilma Baasooriitiin deeman; inni mindaa hammeennaa jaalate.

16Ser. Lak. 22:28 Haa ta'uu ammo waan cubbuu isaatiif teedeffatame harreen dubbatuu hin dandeenne afaan namaa dubbattee raatticha maraatuu oolchite.

17Worri akkanaa kunniin akka burqaa bisaan gogeetii fi duumessa bubbe'een oofamuuti. Dukkana jaamaa akka male'eetitu isaan eeggata.

18Isaan dubbii gara hin qabnee fi dubbii fedha foonii waan odeessaniif worra jireenna dogoggoraa keessa turanii reefuu baqatanii dhufan siiboo sobaa uf keessa galfatan.

19Yoh. 8:34; Rom. 6:16 Uduu ufiiyyuu garbummaa badi'ii jala jiran, worra kaaniin ammo «bilisa baatan» jedha'aa abdii kennaniif; namni waan isa injifate maraafuu garbicha.

20Mat. 12:45 Beekkumsa qoricha keenna Yesuus Kiristoosiitiin haga battummaa adunya'aa jalaa bayaniin maayessa deebi'anii qabamanii yoo mooyataman jireenna duraa irra ka maayessaa isaanitti hammaata.

21Luq. 12:47-48; Ibr. 10:26 Karaa qajeelaa haga beekaniin maayessa ajaja woyyicha isaanii kenname san irraa duubatti deebi'uu uduu dhabaatanii isaanii woyya.

22Mam. 26:11 Kunillee akkuma mammaanni, «Sareen diddiga ufiititti deebiti» akkasuma, «Booyyeen dhiqamtee deebitee dhoqqe'etti gangalatti» jedhu sun isaan irratti ta'e.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help