1Rabbi akkana jedha,
«Ijoollee na dhibaniif hobbaasi!
«karoora kiyya hin taane hordofan;
waadaa fedhii kiyyaan alaa galan;
cubbuu irratti cubbuu eda'atan.
2Uduu na hin gaafanne
gara Misirii bu'an;
daadaya Fari'oonii,
gaaddisa Misirii irkoo godhachuu barbaadan.
3Garuu golgi Fari'oonii salphinna isinitti
ta'a;
gaaddifni Misirii isaan saalfachiisa.
4Yoma hagamillee Xaanewoosiin keessaa bulchoota qabaatanillee
ergamtoonni isaanii Haaneesiin gayanillee;
5saalaa fi salphinna malee;
gargaarsaa fi waan bu'aa qabu waan
isaanii hin argamsiifneef;
sababaa namoota waan faayidaa qabu isaanii hin argamsiifneetiif
maruu hin salphatan.
6Dubbii waan horii Neegeebitti argamuu dubbatame;
ergamtoonnii qabeenna isaanii harre'etti;
meeshaa isaanii mi'aa gaalatti fe'anii;
leencan dhalaanii fi kormaan;
lafa bofni summii qabuu fi filliidamaan
jiraatu;
biyya rakkinnaa fi hucuucca'aa keessa darbanii;
gara banii isaan hin fayyannee
7ta gargaarsi isi'iillee gatii hin qabnee
gara biyya Misirii deeman;
kanaafuu maqaa isi'ii;
Ra'aab; ta womaa hin fayyanne
jedhee isii waama.
Banii Hin Ajajamne8Ammallee deemi; gabatee irratti isaanii barreessi;
kitaaba mammaramaa irratti isaanii barreessi;
baroota dhufanitti baraa haga bara baraa ragaa ta'a;
9kunniin worra ajaja Rabbii dhagayuu
hin barbaanne;
banii dhiba'aa fi ijoollee sobdu fa'a.
10Worra mudhata arganiin;
«Ammaa achi mudhata hin arginaa'a» jedhan;
Raattotaanillee akkana jedhan
«Ammaa achi raaga dhuga'aa nutti
hin himinaa'a;
waan nama gammachiisu nutti himaa'a;
waan namatti tolu nuu raagaa'a.
11Karaa kana irraa achi siiqaa'a;
daandii irraallee siiqaa'a;
woyyicha Israa'eliitiin
wolitti nu hin tuqinaa'a.
12Kanaafuu woyyichi Israa'elii akkana jedha,
«Dubbii kana waan salphiftaniif;
miidhuu waan abdattaniif;
sobatti waan irkattaniif;
13Kanaafuu cubbuun kun
akka dallaya dheeraa;
uduu hin yaadatamne
dimmaa babbaqaqee kufuu gayee;
isinitti ta'a.
14Akka meeshaa faaraa
ka caccabe keessaa
gadhii ibiddaan hin fuune;
akkuma wonti bisaaniin budduruursan hin hafnetti;
akka bada'atti caccabanii bututan.
15Rabbi Gooftaan woyyichi Israa'elii
akkana jedha,
«Deebi'u'uu fi hara baafachu'uun fayyitan;
cadheensaa fi abdachu'uun jabaattan;
isin garuu kana hin goone.
16Ammallee, ‹Hin ta'u; fardaan dheessina›
jettan.
kanaafuu hin dheessitan;
‹farda arreeda'aan jalaa baana› jettan;
kanaafuu worri isin ari'ullee hin ariifatan.
17Akka alaabaa sammuu gaaraa irratti dhaabamee;
akka malkata tulluu irraa;
taatanii haga haftanitti;
dhaaduu nama tokkootiin
namni kumaa dheessa;
isin maruu nama shan dheessitan.»
18Rabbi garuu isinii araaramu'uuf obsa;
gara laafummaa isinitti mudhisu'uuf kabajjama.
Rabbi Waaqa haqaa waan ta'eef;
worri abdi'iin isa eegan
worra eebbaati.
Rabbi Banii Ufii Hin Eebbisa19Isin baniin Yerusaalemii worri Tsiyyooniin keessa jiraattan ammaa achi hin boottan; iyya gargaarsaaf iyyitu dhagayee attamitti isinii hin araaramne! akkuma iyya kee dhagayeen ariiti'iin sii deebisa.
20Gooftaan buddeena hucuucamaatii fi bisaan rakkinnaa yoo sii kennellee; ammaa achi barsiisaan kee si jalaa hin dhokatu; ijji teellee barsiisaa kee hin argiti.
21Ammaa achi bita'aa fi mirga yoo gortan laagaa karaan kolbaa kana jedhu dudda duuba keessaniin dhageettan.
22Waaqa tolfamaa keessan ka meeti'ii fi worqiin itti maxxanfame «Nu irraa fagaadhaa'a!» jettanii iyyitanii uf irraa darbitanii gattan.
23Rabbi hennaa isin midhaan facaafattan biqilli keessan guddatee akka atootaa guddaa argattan godhu'uuf rooba isinii roobsa; horiin keessanillee raasaa itti bobba'u argatan.
24Sangoonni lafa qotanii fi harriin buraa mi'aayaa manshi'ii fi gingilcha'aan gingilfamee baye nyaatan.
25Hennaa baniin dhumatu gaara gugurda'aa fi gooba irraa bisaan burqaan yaa'a.
26Hennaa san jiini akka adu'uu ifa; ifti adu'uullee ka duraa caalaa harka torba ifa; akka ifa guyyaa torbaatitti ifa qaba; kun maruu ka ta'u gaafa Rabbi madaa bani'itti fide fayyisu ta'a.
Rabbi Asooriin Hin Adaba27Kunoo maqaan Rabbii
dheekkamsa bobayu, duumessa aaraa yabbaa
woliin fago'oo dhufa.
afaan isaa ka dheekkamsaan guuttame;
arrabni isaallee ibidda nama nyaatu.
28Hafuurri isaa akka bisaan morma gayuu
ka waa haruuti;
mootota gingilchaa badi'iitiin gingilcha;
illachaa bani'ii;
lugaama kara'aa isaan balleessu
isaanitti godha.
29Akkuma halkan Hafuura Woyyuu kabajjitan
faarfattanitti
faarfattan
gara gaara Rabbii;
gara dhagaa Israa'elii;
akkuma namoonni boobaa afuufa'aa
gammachu'uun bayaniititti
akkasuma garaan keessanillee hin usheexxa.
30Rabbi dheekkamsa bobayuu fi
ibidda nama nyaatuun
gigissa'aa fi kirfaffuu gudda'aan
baradaa dhaga'aatiin
laagaa isaa ka gaachena qabu akka dhagayan godhee
dhageessisa
irreen isaallee hennaa gad buutu isaanitti
mudhisa.
31Laagaan Rabbii Asooriin hin naasisa;
uleen isaallee isaan dhaya.
32Uleen adabbi'ii ka Rabbi isaanitti buusu maruu;
ka dibbe'ee fi kiraara sagalee guddaa dhageessisuun marfame;
lolaan hunna ufii mudhisee isaan dhaye.
33Dur irraa jalqabee hulee itti guban
ka Toofeet jedhamu qophaayeera;
mootichaallee tolfameera;
boolli itti bobeessanillee
badha'aa fi gad fago'o;
isa keessa ibidda gudda'aa fi qoraantu jira;
Hafuurri Rabbii akka
bisaan holata'aatitti guba.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.