1Daawiti qachaa Yerusaalemiititti manniin ijaarate; saanduuqa waadaa Rabbiitiifillee hulee qopheessee daaseellee ijaare.
2Achiin maayessa Daawiti Rabbi baraa haga bara baraa akka isa tajaajilanii fi saanduuqa waadaa Rabbiillee akka baadhataniif worri inni filate waan isaan ta'eef, «Saanduuqa waadaa Rabbii worri baadhatu worra Leewwotaa calla'a» jedhe.
16Daawiti meeshaa sagalee kennuun, Dibbee, meeshaa shaka shaka jedhuun akka faarfatan, gammadanii laagaa ufii akka ol qabatan, Faarfattoota obboleewwan ufii akka muudaniif bulchoota worra Leewwotaatitti hime.
17Worri Leewwotaa Eemaanii ilma Iyyu'eelii obboleewwan ufii keessaallee Asaafii ilma Baraakiya'aa, obboleewwan isaanii keessaallee ilma Qiisa'aa Eetaaniin,
18Isaa woliin obboleewwan isaanii koreen lammeesso'oo Zakkaariyaas, Beeniin, Yaazi'eel, Saamiraamoot, Yihaa'eel, Uuni, Eeliyaabi, Baanaayaasi, Maseyaa, Matitiyaa, Eelfulee, Maqineyaa, worra balbala eegan Obeedi'eedoomii fi Yi'i'eeliin dhaabsisan.
19Worri faarfattootaa Eemaanii fi Asaaf; Eetaamii fi Baanaayaas meeshaa shaka shaka jedhu fuudhanii laagaa isaa dhageessisan.
20Zakkaariyaas, Azi'ee, Saamiraamoot, Yihi'eel, Uuni, Eeliyaabi, Ma'iseeyaa, Baanaayaas masiinqo'oon waan dhossa'aa faarfatan.
21Matitiyaa, Eelfeleehu, Maqineyaa, Obeedi'eedoom, Yi'i'eel, Azaaziyaa kiraara guddicha miseensa saddeetii qabuun faarsa'aa turan.
22Bulchaan leewwotaa Kinaaniyaan waan faaru'uu irratti muudame; inni ogeessa waan ta'eef laagaa faaru'uu isaan barsiisa.
23Baraakiyaanii fi Hilqaanaan worra balbala saanduuqa waada'aa eegan turan.
24Sabaaniyaan gadichi, Iyyoosaafixi, Naatinaa'el, Amaasaayi, Zakkaariyaas, Banaayaas, Alaazaar saanduuqa waadaa Rabbii afo'otti xurumbaa haa afuufani'iif filataman turan. Obeedi'eedoomii fi Yihiyaan, worra balbala saanduuqa waadaa Rabbii eegan turan.
Saanduuqa Waadaa Rabbii Gara Yerusaalemii Fidan(Sam. 2ffaa 6:12-22)25Kanaan maayessa Daawiti, manguddoonni biyya Israa'eliitii fi ajajoonni loltuu kumaa saanduuqa waadaa Rabbii gammachu'uun mana Abidaara'aatii fuudhu'uuf dhaqan;
26worri Leewwotaa ka saanduuqa waadaa Rabbii baadhatan Rabbi isaan gargaarraan sangoota torbaa fi korbeeyyii hoolotaa torba ciincaa godhan.
27Daawiti, worri Leewwotaa ka saanduuqa waadaa Rabbii baadhatan martuu, worri faarfattootaa, Kanaaniyaan bulchaa faarfattootaallee Efuudii mishaa uffataniiran. Daawitillee uffata qoma irratti uffatan uffateera,
28Akkasuma worri Israa'elii maruu xurumbaa, boobaa leemmanii afuufa'aa meeshaa shaka shaka jedhu, masiinqoo fi dibbee dhaya'aa saanduuqa waadaa Rabbii fidan.
29Saanduundhi waadaa Rabbii hennaa qachaa Daawitii gaye mucattiin Saa'olii Meelkool hennaa mootichi Daawiti sirba'aa taphatu foddaa keessaan laaltee argitee isa tuffatte.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.