1Waaqa kiyya! Waaqa kiyya! maaf na dhiifte?
maaf na oolchuu didde?
laagaa worwaata kiyyaa irraa maaf fagaatte?
2Waaqa kiyya! guyyaa gara kee iyya;
halkanillee hara hin baafadhu;
ati garuu naa hin deebiftu.
3Ati Waaqa woyyuu worri Israa'elii galatoonfatu;
ka teessoo ulfinnaa irra teettee bulchitu.
4Abbootiin teenna ta durii si hedatan;
waan si hedataniif atillee isaan oolchite.
5Hennaa gara kee iyyatan isaan oolchite;
sitti waan amananiif isaan hin salphifne.
6Ani garuu raammoo nama maraa gadiiti;
namoonni natti baldan;
banii birattillee ani tuffatama'a.
7Namni na laalu maruu natti balda;
mataa natti sochoosan; akkana jedha'aa na riqan.
8Afaan ufiitiin, «Inni waan Rabbitti abdateef,
mee isa haa oolchuu,
yoo ka jaalatuun ta'e
mee isa haa hambisuu» jedhan.
9Ati garuu gadaamessa keessaa na baafte;
hennaa ani daa'imumma'atti harma haadha tiyyaa hodhu
ati hedoo naa taate.
10Guyyaa dhaladhe irraa jalqabee ka na eege si'i;
guyyaa dhaladhe irraa jalqabee ati Waaqa kiyya.
11Rakkoon waan na irra gayeef,
ka na gargaaru waan hin jirreef
na irraa hin fagaatin!
12Korommiin baay'een na marsan;
sangoonni Baasaanii jajjaboon naannaya kiyya dhaabatan.
13Akka leenca waan nyaatu dhadhoolee butu'uuf aaduutitti
diintonni tiyya afaan natti banan.
14Hunni kiyya dadhabee akka bisaanii jige;
lafeen kiyya maruu wol gad dhiisee addaan baye;
onneen tiyya akka gaga'aa taatee;
na keessatti baxxe.
15Laagaan kiyya akka faaraa goge;
arrabni kiyyallee laaga'aan wolitti na maxxane;
ati gara biyyee awwaalaa na buufte.
16Sariin na marsan,
gumiin worra hammeeyyi'ii naannaya kiyya hiriiraniiran;
lukaa fi harka kiyyallee woraananiiran.
17Lafeen kiyya maruu tokko tokkoon laakkayame,
diintonni tiyya xiinxallanii na laala'aa natti baldan.
18Uffata kiyya hin qoodaman;
qambisaa kiyyallee hixaa itti buufatan.
19Yaa Rabbi! ati garuu na irraa hin fagaatin;
gargaaraa kiyya! dafii na gargaari.
20Lubbuu tiyya guraade'ee fi
harka sariin kanniinii jalaa na oolchi.
21Afaan leencaa irraa na oolchi;
gaafa gafarsaa ka nama woraanu jalaa na baasi.
22Guddinna maqaa keetii obboleewwan tiyyatti hima;
gumii keessatti si galatoonfadha.
23Isin worri Rabbiin sodaattan isa galatoonfadhaa'a!
isin fiixaan Yaaqoobii maruu isa kabajjaa'a!
baniin Israa'elii maruu isa sodaadhaa'a!
24Inni rakkinna nama rakkateetitti hin cadhifne;
haala inni keessa jiru keessattillee itti hin cadhifne;
fuula ufii isa irraa hin deebifanne;
iyya inni gargaarsaaf iyyatullee hin dhagayeef.
25Waan ati naa gooteef
gumii baay'ee keessatti si galatoonfadha;
worra si sodaatan afo'ottillee
woreega kenna.
26Hiyyeeyyiin haga quufanitti nyaatan;
worri Rabbiin soqan isa galatoonfatan;
garaan keessan bara jireenna keessanii maraa haa gammadu.
27Namoonni daangaa ardi'ii maruu hin hubatan;
gara Rabbii deebi'an;
baniin adunyaa irra jiru maruu isaaf sagadan.
28Mootummaan ta Rabbiiti;
ka banii bulchu isa.
29Dureeyyiin marti hin sagadaniif;
worri lubbuu ufii tursiisuu hin dandeenne;
worri gara biyye'ee deebi'u maruu;
isa afo'otti jilbiiffatan.
30Dhaloonni dhufu isa tajaajila;
dhaloota dhufuttillee waan Goofta'aatitu himama.
31Waan isaan hujii balchaa labsaniif
«Inni kana godhe» jedhanii
namoota haga ammaa hin dhalannetti himan.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.