Kitaaba Iyyoobii 15 - Kitaaba Woyyuu

Mormii Lammeesso'oo(Iyyo. 15:1—21:34)Eelfaaz

1Eelfaaziin biyya Teema'aa akkana jedhee deebise,

2«Dhugama namni ogeessi,

beekkumsa akka qilleensaa hin qabamneen naa deebisaa?

garaa ufii keessatti yaada hamaa qabatuu barbaachisaa?

3Dubbii faayidaa hin qabnee fi

haasaya bu'aa hin qabne irratti wol mormaa?

4Ati Rabbiin sodaachuu dhiifteerta;

Waaqeffannaa Rabbiin barbaachisutti gufuu taateerta.

5Cubbamaa ta'uun kee dubbii keetiin beessisa;

garuu dubbii qarumma'aatiin dhossuu barbaadda.

6Ka sitti murteessu arraba keeti malee anaa miti.

dubbii afaan keetiititu sitti murteessa.

7«Ati nama dura dhalatee?

mo'o uduu gaarran hin uumamne dhalatte?

8Ati gumii Rabbii woliin teettee kana dhageetteertaa?

yookaan ogummaan sima calla'aa kennamee?

9wonti nu hin beenne ka ati beettu maali'i?

wonti nu bira hin jirre ka ati hubattu maali'i?

10Worri umuri'iin abbee caalan,

jaarsonni arri'ii nu woliin jiran.

11«Si jajjabeessuun Rabbii,

yookaan suuta jedhee sitti himuun isaa sitti diqqaatee?

12maaf yaadaan shiftite?

maaf aari'iin ija babaafta?

13Kana godhuu keetiin

hafuura kee Rabbitti kakkaafteerta;

jecha himanna'aa ka akkanaa kana mara haga dubbattu geetteerta.

14«Namni qulqulluu ta'uu danda'aa?

namni qajeelaa ta'uu danda'aa?

15Rabbi maleekkotaa hin amanu;

Samiiwwanuu isa afo'otti qulqullu'uu miti.

16Namni battaayaanii fi jibbisiisaan;

ka cubbuu akka bisaaniititti dhugu

hagam kanniin irra diqqa'a?

17«Na dhagayi addaataa sitti dubbadhaa;

waan argellee sitti himaa;

18waan ogeeyyiin abboota ufii irraa fudhatan

ka uduu hin dhossin dubbatan si hubachiisaa.

19Lafti isaanuma calla'aa kennamtee turte;

ormi isaanitti hin galle.

20«Namni hamaan nama miidha'aa jiraatu;

umurii ufii maraa uduu rakkatu jiraata.

21Laagaa naasisu gurra ufiitiin dhagaya;

hennaa wonti maruu nagaya itti fakkaatutti wonti isa balleessu itti dhufa.

22Hireen isaa guraade'een du'uu waan ta'eef,

abdii dukkana jalaa bayu'uu hin qabu.

23Akka nyaata allaatti'ii darbaniititti gatama;

guyyaan dukkanaa ka inni itti badu akka dhiyaate hin beeka.

24Rakko'oo fi dhiphinni isa sodaachisa.

akka mootii lolaan mooyatameetitti mooyataniin.

25«Wonti kun ta'eef waan harka ufii Rabbitti kaaseef,

Waaqa waa maraa danda'u waan uggeef.

26Akki itti uggeenillee gurmuu ufii irratti wontee jaba'aa fi badhaa baatee,

uf jaju'uun waan itti fiigeef.

27Fuulli isaa coomaan bobbokoke,

mudhiin isaa coomaan furdate.

28«Namni kun qachoota diiggaman;

ka manoonni keessa hin jiraannee fi

manniin jigu'uuf ta'an keessa jiraata.

29Hin duroomu;

qabeenni isaallee hennaa baay'ee hin turu;

lafa irratti hin baay'atu.

30Inni dukkana jalaa dheessee hin bayu;

akka muka damee isaa arrabni ibiddaa gosseetii fi

akka daraaraa isaa ka qilleensi harcaasee ta'a.

31Inni waan duwwaa hedata'aa uf hin sobin

waan akka kanaan nama gatii hin qabne ta'ee hafuuf.

32Uduu hennaan hin geenne akka muka jirmi isaa goguutii fi

muka dameen isaa hin lalifnee ta'a.

33Akka biqiltuu woyini'ii ka uduu hin bilchaanne hurbuu harcaafateetii fi

akka muka ejersaa ka daraaraa ufii harcaafatuu ta'a.

34«Namoonni Waaqummaa Rabbii waakkatan

fiixaan isaanii hin dheeratu;

manniin gabbarsu'uun ijaaraman ibiddaan gubatan.

35Namoonni akkanaa kunniin daba karoorsan;

rakkinna uumatan;

yaanni isaanii ka sobaan guuttame.»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help