Kitaaba Iyyaasu'uu 5 - Kitaaba Woyyuu

1Mootonni worra Amoorotaa ka gara dhiyaatiin Yoordaanosiin gama jiran maruu, mootonni worra Kana'aanii ka galaana ladda jiran Rabbi ijoollee Israa'elii haga isaan laga Yoordaanosii ceeyanitti akka laga gosse haga dhagayan guddisanii nayan; waan ijoollee Israa'elii ka dhagayan saniif namni hin naayin tokkollee hin jiru.

Gadoomuun Gelgela'atti Raawwatame

2Hennaa san Rabbi Iyyaasu'uun, «Dhagaa cabbi'ii ka qara qabuun ijoollee Israa'elii lammeessoo isaan gadoomsi» jedheen.

3Iyyaasuun cabbii qara qabu qopheeffatee hulee, «Tulluu gadoomaa» jedhamutti ijoollee Israa'elii gadoomse.

4Wonti Iyyaasuun banii gadoomseef waan worri dhiiraa ka biyya Misiriitii bayan maruu lafa gammoojji'iititti dhumaniif.

5Baniin achii baye maruu gadoomee ture; garuu baniin biyya Misirii keessaa bayanii karaa irratti lafa gammoojji'ii keessatti dhalatan hin gadoomne ture.

6Lafa aannanii fi damma baaftu ta Rabbi abboota keennaa kennu'uuf kakate san nuu kennu'uuf worra jecha isaa hin dhageenne ka biyya Misiriitii bayanitti lafa san akka isaanitti hin mudhifne duultonni sunniin maruu haga badanitti ijoolleen Israa'elii woggaa afurtamaa lafa gammoojji'ii keessa deema'aa turan. biyya Misirii isin irraa gara galcheera» jedheen; kanaafuu maqaan hulee sanii haga adhaa Gelgelaa jedhamee waamama.

10Ijoolleen Israa'elii Gelgela'atti quphatan; ji'uma san keessa guyyaa kudha arfeesso'ootitti galgala raasaa Iyyaariko'ootitti ayyaana faasika'aa ayyaanteffatan.Iyyaasu'uu Fi Ka'imticha Guraadee Harkatti Qabateeru

13Iyyaasuun uduu Iyyaarikoo bira jiru ol yoo laalu nama tokko ka guraadee harkaa qabu ka isa afoo dhaabatu arge; Iyyaasuun gara isaa dhiyaatee «Ati gara keenna mo'o gara diintota keennaati?» jedheen.

14Innillee «Miti, ani bulchaa duula Rabbii ta'ee amma dhufeera» jedhe; Iyyaasuunillee kallachaan lafatti kufee sagadee «Gooftaa kiyya wonti ati ana garbicha keetitti himtu maali'i?» jedheen.

15Bulchaan duula Rabbiillee Iyyaasu'uun «Huleen ati dhaabatte sun woyyittii waan taateef kophee luka kee irraa baafadhu» jedheen; Iyyaasuunillee akkasuma godhe.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help