1Amma garuu Rabbi akkana jedha,
«Isin ijoollee Yaaqoobii!
Israa'elii akka na tajaajiltaniif isin filadhe!
dhagayaa'a.
2Ani Rabbii gadaamessa keessatti isin uumee fi
ka isin gargaaru;
isin tajaajiltoota tiyyaa fi
Yeshuruunii ani filadhe waan taataniif
hin sodaatinaa'a;
3«Lafa dheebottee bisaan kenna;
lafa goge irra laggiin akka yaa'u godha;
ijoollee tee irra Hafuura kiyya buusa;
eebba kiyyallee ilma ilma keetiitii kenna.
4Isaan akka marga kolbatti bisaan dhugee,
akkuma boboffee afaan lagaatitti margeetitti lalisan;
5«Namni ‹Ani ka Rabbiiti› ufiin jedha;
ka biraa maqaa Yaaqoobiitiin waamama;
ka biraa garuu malkata ‹ani nama Rabbiiti› jedhu
harka ufii irratti barreeffata;
maqaa Israa'elii ka shele'eetiin waamama.»
6Rabbi fayyisaan, mootiin Israa'eliitii fi ka banii maraa
akkana jedha,
«Jalqabaa fi dhumtillee ana;
Ana malee Waandhi biraa hin jiru.
7Ka akka kiyyaa eennu?
mee yoo jiraate haa dubbatuu;
ka waan durana ta'u'uuf ta'u dursee dubbate eennu?
mee ragaa ufii natti haa dhiyeeffatuu.
8Isin hin nayinaa'a; hin sodaatinaa'a;
Ani dur irraa jalqabee isinitti hin himnee?
yookaan isinii hin ibsinee?
isin waan kanaaf naa raga'a;
ana malee Waandhi biraa hin jiraa?
Ana malee irkoon jabaan biraa hin jiru»
Waandhi Tolfamaan Gatii Hin Qabu9Worri waaqa tolfamaa harkaan boca'aa hojjatan
maruu duwwa'a;
wonti fedhan womaa bu'aa isaanii hin qabu;
kanaaf guddisanii saalfatan.
10Namni waaqa tolfamaa yookaan
fakii bu'aa hin qabne hojjataa?
11Worri waaqa tolfamaa waaqeffatan maruu hin saalfatan;
ka waaqa tolfamaa hojjatu nama malee ka biraatii miti;
isaan maruu wol gayanii na afoo haa dhaabatanii;
isaan maruu sodaatanii mullan.
12Namni sibiila bassu waaqa tolfamaa hojjachu'uuf
sibiila fuudhee ibidda keessatti bassa;
sibiila san qajeelchu'uuf irree ufii jaba'aan burussa'aan tuma;
hennaa waan kana hojjatu hin beelaya,
hin dheebota,
hin dadhaba.
13Ogeessi muka bocu muka boce irratti sarara baasa;
bifa gara garaatiin saamsa;
sibiila mukaan huufaniin huufee midhaassa;
meeshaa waa bikkaniin bikkee akka inni sirrii ta'e laala;
bocee nama bareedaa fakkeessee
achiin maayessa mana waaqa tolfama'aa keessa kaaya.
14Waan kana hojjachu'uuf muka Libaanosii, muka birbisaa,
yookaan bosona keessaa qilxuu filata;
yookaan hindheessa dhaabee
haga roobni itti roobee guddisuuf eega.
15Namni mukuma tokko irraa qoraaniif,
garii fakii waaqa tolfama'aa hojjachu'uuf,
garii ibidda bobeessee oo'ifatu'uu fi
buddeenaan godhachu'uuf itti fayyadama;
ka biraatiin garuu fakii waaqa tolfama'aa hojjatee waaqeffata,
16garii ibiddaan bobeessee buddeenaan bilcheeffatee itti fayyadama;
foonillee itti woddatee nyaata;
haga ibiddi sun itti oo'een maayessa
«ibiddi kun ibidda misha'a! attamitti oo'a!» jedha.
17Muka hafe garuu waaqa tolfamaa hojjatee
isa afo'otti kufee sagada'aa waaqeffata'aa
«Ati Waaqa kiyya, na oolchi» jedha'aa isa kadhata.
18Namoonni kunniin ijji isaanii waan itti haguuggifamteertuuf
arguu hin danda'an.
19Namni «muka kana garii hin bobeesse,
barbadaa isaatiin daabboo bilcheeffadhe,
foonillee itti woddadhee nyaadhe;
muka hafe kana garuu waaqa tolfama'aaf hambisaa?
muka diqqo'oo sagadaa?» jedhee yaadu
yookaan ka beekkumsaa fi hubannaa qabu hin jiru.
20Namni attamitti muka gubatee daaraa ta'u
haga waaqeffatu'uutitti gowwooma?
gowwummaan isaa waan isa dogoggorseef uf oolchuu hin danda'u;
yookaan «wonti harka kiyya ka mirgaa irra jiru kun
Waaqa malee waaqa tolfama'a» jechuu hin danda'u.
Rabbi Uuma'aa Fi Fayyisa'a21Rabbi akkana jedha,
«Israa'el! waan kana hubadhu;
ani si uume;
ati akka garbicha kiyya taate hin dagatin;
ani si hin irraanfadhu.
22Yakka kee akka duumessaatitti,
cubbuu keellee akka hurrii ganamaatitti balleesseera;
Ani si fayyiseeraa gara kiyya deebi'i»
23Samiiwwan!
Rabbi banii ufii Israa'eliin oolchu'uun ulfinna ufii mudhiseeraa
gammachu'uun faarfadhaa'a;
ati lafti ililfadhu;
gaarran, bosonninii fi mukkiin isaan keessatti argamtan maruu
laagaa gammachu'uu dhageessisa'aa burraaqaa'a.
24Rabbiin fayyisaan gadaamessa haatetii keessatti si uume,
ka waan maraa uume, ka samiiwwan hojja kiyya diriirse,
ka lafa hojja kiyya dhise ana
eentu na woliin ture?
25Malkata raattota sobaatii fi
falfala worra moruu duwwaa taasisa;
ogummaa beettotaa uf duuba deebisa;
beekkumsa isaanii gowwumma'atti jijjiira.
26Dubbii garbicha kiyyaa hin jabeessa;
raaga raattota tiyyaa akka raawwatamu taasisa;
isaan Yerusaalemiin ‹banii baay'e'etu keessa jiraata;
qachoonni biyya Yihuuda'aallee deebi'anii ijaaraman;
ka jigellee deebi'ee haarawoomfama› jedhan.
27Ani garbaan ‹ani laggiin kee waan gossuuf
ati gogi› jedhaan.
28Qiroosiin ‹ati tissee banii kiyyaati;
karoora kiyya maraa hin raawwatta› jedhaan;
Yerusaalemiin, ‹ati deebitee ijaaramta›
mana woyyu'uun ‹bu'uurri kee hin dhaabata› jedha.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.