Kitaaba Mootota ka 2ffaa 17 - Kitaaba Woyyuu

Hoosee Mootii Israa'elii

1Bara Aka'aaz Yihuudaa irratti mooye woggaa kudha lammeesso'ootitti ilmi Eela'aa Hooseen teessoo ufii Samaariyaa keessa godhatee woggaa sagalii Israa'eliin bulche.

2Inni Rabbiin afo'otti waan hamaa hojjatee Rabbiin gaddisiise; garuu cubbuun inni hojjate ka mootonni Israa'elii ta isaan dura turan hojjatan hin gawu.

3Mootiin Asoorii Seelminaasoor isa woliin wol lolee isa mooyatee wogga wogga'aan isa gabbara'aa ture.

4Mootiin Asoorii Hoosee irratti waan hamaa arge; inni dhaamsa gara Seegoorii mootii Misirii waan ergee tureef akkuma armaan dura gabbaru mootii Asooriitiif waan gibira hin kennineef mootiin Asoorii isa qabee mana hidha'aatitti isa hiisise.

Samaariyaan Kufte

5Kanaan maayessa Seelminaasoor biyyattii Samaariya'aa woggaa sadihiif marse.

6Hooseen mooyee woggaa sagaleesso'ootitti inni Israa'eliin mooyatee Samaariyaa qabatee worra Israa'elii booji'ee hidhee gara mootii Asoorii fide; isaan keessaa banii hagoo Ba'aalaahenaa, Baraaboorii haga Goozaanii fi qachaa Meedoonii keessa isaan kaaye.

7Sababaan wonti kun ta'eef cubbuu worri Israa'elii hojjate, Rabbii isaan biyya Misiriitii baasee gara biyya waadaa galeefii isaan masakke waan gaddisiisanii fi waaqolee tolfamaa waan waaqeffataniif.

8Rabbi banii masakka'aa hennaa isaan fide hujii hamaa ormaa ka inni afoo isaaniitii balleesse hojjatan; akkasuma waan hamaa mootonni Israa'elii barsiisan fudhatan.

9Ijoolleen Israa'elii afoo Rabbiititti waan qajeelaa hin taane dhossa'aan hojjatan; qachaa ufii maraa keessatti gamoo waardiyyoonni irra dhaabatanii eegan irraa jalqabee haga qachattii dallawamtee gubbaa irratti hulee sagadaa ijaaran.

10Tulloota dhedheeraa maraa irratti, mukkiin lalisaa jalatti sooddu'uu fi hulee itti waaqeffatan ijaaran.

11Orma Rabbi afoo isaaniitii balleesse hojjatanii hulee sagadaa ka tulloota maraa irratti hixaana aarsa'aa turan.

12Waan hamaa hojjatanii Rabbiin aarsanii waaqolee tolfamaa Rabbi dhoogge waaqeffatan.

13Rabbi isaaniin «Hujii hamaa hojjattan dhiisaa'a; ajaja abboota keessanitti kenne, ajajaa fi seeraa raattota garboota tiyyaan isinitti erge maraa eegaa'a» jedhee raattota maraa fi afaan worra raaguu maraan Israa'elii fi Yihuuda'atti hime.

14Isaan garuu akka worra Rabbii Waaqa ufiitii hin amanneetitti akka abboota ufii lum'a jabaatan malee Rabbiin hin dhageenne.

15Waadaa inni abboota isaaniitii galee fi seera inni jabeesse, raaga isaallee tuffatani waan duwwaa ta'e hojjatanii worra bu'aa hin qabne ta'an; waan Rabbi isaan ajaje dhiisanii orma naannoo isaanii jiran hordofan.

16Ajaja Rabbii waaqa ufii maraa dhiisanii sibiila baffame irraa fakii waatilee lamaa hojjatan; muka hulee itti waaqeffataniillee hin dhaaban; uumama sami'iitiillee hin sagadan.Mot. 1ffaa 12:28

17Ijoollee ufii ka dhiiraatii fi ta intalaa ciincaa godhan; isaan worra moruu fi worra asmaa hojjatu ta'an; waan hamaa Rabbiin afo'otti hojjatanii isa aarsan.Kes. Deb. 18:10

18Sababaa kanaaf Rabbi Israa'eliin guddisee lolee afoo ufiitii isaan balleesse; afoo isaatitti gosa Yihuuda'aa malee womaa hin hafne.

19Namoonni Yihuuda'aallee cubbuu worri Israa'elii hojjatan hojjatan malee ajaja Rabbii Waaqa ufii hin eenne.

20Rabbi fiixaa Israa'elii maraa jibbee diintota isaan saamanitti dabarsee isaan kenne.

21Rabbi worra Israa'elii Yihuudaa irraa haga fooyeen maayessa worri Israa'elii ilma Naabaaxii Iyyoorbi'aamiin filanii uf irratti moosisan. Iyyoorbi'aamillee akka isaan Rabbiin dhiisan godhu'uuf gara cubbuu hama'aatitti isaan geesse.

22-23Ijoolleen Israa'elii cubbuu Iyyoorbi'aam hojjate hojjatan; worri Israa'elii haga Rabbi afoo ufiitii isaan balleessutti isaan cubbuu Iyyoorbi'aam hojjate hojjata'aa jiraatan malee cubbuu san irraa hin deebine; sababaa kanaaf worri Israa'elii biyya ufiitii booji'amanii fudhatamu'uun haga adhaa biyya Asoorii keessa jiraatan; worri Asoorii biyya Israa'elii keessatti akka quphatan taasifame.

Worra Asoorii Biyya Israa'elii Keessatti Akka Quphatan Taasisan

24Mootiin Asoorii namoota biyya Baabilooniitii Kuta'aa, Awa'aa, Hamaatii fi Seefarwaayimiitii fidee bikka ijoollee Israa'elii qachoota Samaariya'aa keessatti isaan quphachiise; isaanillee biyya Samaariya'aa dhaalanii isii keessa taa'an.

25Achi keessa haga jiraachuu jalqaban Rabbiin sodaatan. Rabbillee leencan isaanitti ergee isaan fixe.

26«Baniin ati akka isaan qachoota Samaariya'aa keessa jiraatan goote banii seera waaqa biyya sanii beekan ta'anii hin argamne. Sababaa kanaaf oduun ‹Rabbi leenca isaan caccabsee ajjeesu isaanitti erge› jedhu isa gaye.

27Kanaafuu mootichi, «Gadoota boojinee finne keessaa tokko achi ergaa'a; achi deemanii seera waandhi tolfamaan biyya sanii ajaje akka banii barsiisan godhaa'a» jedhee ajaje.

28Kanaaf gadichi gosa Israa'elii ka booji'ame deebi'ee Beeteeliin taa'e; achitti baniin akkamitti akka Rabbiin waaqeffatu barsiise.

29Baniin Samaariya'atti quphate garuu ufumaa waaqa tolfamaa hojjatanii hulee gooddaa yookaan tulluu worri Israa'elii irratti waaqeffatan irra kaayan; gareen maruu qachaa ufii keessa jiraatanitti waaqa tolfamaa ufiif hojjatan.

30Namoonni Baabiloonii waaqa tolfamaa Sikootinaam jedhamu hojjatan; namoonni Kutaamii waaqa tolfamaa Ergeel jedhamu hojjatan.

31Namoonni Hamaatii waaqa tolfamaa Asaat jedhamu hojjatan. Namoonni Awuutotaa waaqa tolfamaa Albaaziirii fi Tartaaqiiniin hojjatan; namoonni Seefariyaawotaa waaqa tolfamaa Adireemeelikii fi Anamaaleekii ijoollee ufii ibiddaan guba'aa turan.

32Namoonni kunniin ammallee Waaqa dhuga'aa Rabbiifillee hin sagadan; garee maraa keessaa worra waaqa tolfamaa worra Aramaawotaa gadoota hulee ciinca'aatitti tajaajilan filatan.

33Akkaataa kanaan Rabbiin waaqeffachuu jalqaban; karaa biraatiin akkuma worra armaan dura isaan woliin turan waaqeffataniititti waaqa tolfama'aa sagada'aa turan.

34Haga adhaa woma duraan godhan san hojjatan; Rabbiin hin sodaanne; akkuma Rabbi ijoollee Yaaqoobii ka Israa'el jedhee waame ajajetti seera, murti'ii fi ajaja isaa hin raawwatan.Ser. Uma. 32:28; 35:10

35Rabbi isaan woliin waadaa galee waaqolee tolfamaa biraa hin sodaatinaa'a; isaaniillee hin sagadinaa'a; ciincaallee isaanii hin ciincessinaa'a jedhee isaan ajaje.Ser. Ba'u. 20:5; Kes. Deb. 5:9

36Garuu Rabbii irree ufii jaba'aan biyya Misiriitii isin baase sodaadhaa'a; sagada'aafille'e.Kes. Deb. 6:13

37Seera, ajajaa fi murtii inni isinitti kenne haga bara baraa eegaa'a; waaqolee tolfamaa biraa hin sodaatinaa'a.

38Waadaa ani isin woliin gale hin irraanfatinaa'a; waaqolee tolfamaa biraa hin waaqeffatinaa'a.

39Rabbii waaqa keessan sodaadhaa'a; inni diintota keessan maraa jalaa isin oolcha.»

40Isaan garuu woma dura baratan godhan malee isaa hin dhageenne.

41Worri ormaa kun Rabbiin sodaatan; akkasuma fakii waaqa tolfamaa ufiif hojjatan waaqeffatan; ijoollee isaanii, ijoolleen ijoollee isaanii akkuma abboonni isaanii godha'aa turan isaanillee haga adhaa akkasuma godhan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help