1Mootichi Daawiti waan guddisee dulloomeef hojjattoonni isaa uffata dachaa isatti oo'u fidanii itti uwwisanillee isatti hin oo'u ture.
2Kanaafuu hojjattoonni isaa, «Mootii keenna! durba si bira teettee si badaddu sii finna; isiin si woliin bultee si oo'iftii» jedhaniin.
3Biyya Israa'elii maraa keessa mucattii guddiftee bareeddu soqanii Abiishaagii gosa Suunaamii arganii mooticha bira fidan;
4mucattiinillee guddiftee bareedduu turte; isiin mooticha bira teettee isa gargaara'aa turte; garuu mootichi isii bira hin geenne.
Hawwii Adooniyaas Mootii Ta'u'uuf Qabu5Adooniyaas ilmi Aagitti'ii mootii ta'a jedhee gaarii fardaa, worra fardaan loluu fi worra lukaan isa afoo fiigan namoota shantamaa qopheeffate. ladda burqaa Ayinroogeelii biratti ciincaa dhiyeessee ijoollee mootichaa, obboleewwan isaa maraa, hojjattoota mootichaatii fi namoota Yihuuda'aa maraa waame.
10Garuu Naataanii raatticha, Banayaasiin, worraa baallii qaban ka Daawitiin eeganii fi obboleessa ufii Solomooniin hin waamne.
Solomoon Mootii Ta'e11Kanaan maayessa Naataan haadha Solomoonii Beersaabeehitti akkana jedhee dubbate; «Mootichi gooftaan keenna Daawiti uduu hin beekin, Adooniyaas ilmi Aagitti'ii akka mooye hin dhageennee?» Sam. 2ffaa 12:24
12«Ati amma akka lubbuu keetii fi lubbuu ilma kee ka Solomoonii itti oolfattu si gorsaa,
13deemii gara mooticha Daawitii seenii, ‹mootii! gooftaa kiyya! ana garbittii teetii, ‹ilmi kee Solomoon anaan maayessa mootii ta'a, teessoo kiyya irra taa'a› jettee naa hin kakannee? Adooniyaas maaf mooya ree?» jedhiin.
14«Hennaa ati waan kana mooti'itti dubbattu ani si duubaan seenee wonti ati dubbattu akka raawwatamu godha.» jedheen.
15Kanaaf Beersaabeehi gara gola hulee mootichi jiruu seente; mootichi waan guddisee dulloomeeruuf Abiisaan gosa sunaamii isa gargaara'aa turte.
16Beersaabeehi gad jettee mooticha nagaya gaafatte; mootichi garuu «Maal akka sii godhu feeta?» jedheen.
17Isiinillee, «Gooftaa kiyya! Ati garbittii teetiin ilmi kee Solomoon anaan maayessa mooya; teessoo kiyya irrallee hin taa'a jettee maqaa Rabbii Waaqa keetiitiin naa kakatteerta.
18Amma uduu ati hin beekin Adooniyaas mootii ta'eera, ati mootiin gooftaan kiyya kana hin beettu.
19Inni sangoota, mirgoole'ee fi hoolota hedduu ciincaa dhiyeesseera; ijoollee mootichaa maraa, Abiyaatarii gadichaa fi Iyyoo'aabii ajajaa loltootaa waameera; garbicha kee Solomooniin garuu hin waamne.
20Amma mootii gooftaa kiyya! siin maayessa nama teessoo mootii gooftaa kiyyaa irra taa'u akka isaanitti himtu baniin Israa'el maruu si laala'aara;
21yoo kana hin taane, hennaa ati gooftaan keenna duutee abboota teennaan wolitti eda'amte, anii fi ilmi kee Solomoon akka nama cubbama'aatitti laallamna.»
22Uduma isiin waan kana mootichatti dubbattu, Naataan raattichi isii duubaan seene.
23Raattichi Naataan dhufeera jedhanii mootichatti himan; inni hennaa mooticha bira seene, gad jedhee mooticha nagaya gaafate.
24Naataan mootichaan, «Mootii gooftaa kiyya! ‹Ati naan maayessa Adooniyaas mooyee teessoo kiyya irra taa'a› jetteertaa?
25Inni adha sangoota, mirgoole'ee fi hoolota hedduu ciincaa dhiyeesseera; ijoollee mootichaa mara, Iyyoo'aabii ajajaa loltootaatii fi Abiyaatarii gadichallee waameera; kunoo isaan isa afo'otti nyaata'aa dhuga'aa, «Adooniyaas woggaa kumaa haa moowu!» jedha'aaran.
26Garuu garbicha kee, Saadooqii gadicha, Baanayaasii ilma Yoodaahe'eetii fi garbicha kee Solomooniin hin waamne.
27Dhugamaan wonti kun mootii gooftaa kiyya biraa ta'ee? garbichi kee siin maayessa teessoo mootii gooftaa isaa irra akka taa'u sitti hin himnee?
28Mootichi Daawiti, «Beersaabeehiin naa waamaa'a!» jedhe; isiin gara mootichaa ol seentee isa afoo dhaabatte.
29Mootichi maqaa Rabbii jiraataa lubbuu tiyya hambiseen kakadhaa,
30ilmi kee Solomoon anaan maayessa mootii ta'a hulee kiyya bu'ee teessoo kiyya irra hin taa'a jedhee akkuma Rabbii Waaqa Israa'eliitiin sii kakadhe, akkasuma adha dhugamaan godha jedhee kakate.
31Beersaabeehi gad jettee mooticha harka fuutee, «Mootichi gooftaan kiyya Daawiti baraa haga bara baraa lubbu'uun haa jiraatu!» jette.
32Achiin maayessa mootichi Daawiti, «Saadooqii gadicha, Naataanii raattichaa fi Banayaasii ilma Yoodaahe'ee naa waamaa'a» jedhe; isaanillee gara mootichaa seenan.
33Mootichi, «Garboota gooftaa keessanii qaba'aa deemaa'a, ilma kiyya Solomooniin gaangee yaabbisa'aatii gara burqaa Giyoonii fidaa'a.
34Achitti Saadooqi gadichinii fi Naataan raattichi banii Israa'elii irratti mootii godhanii haa muudanii, xurumbaa afuufa'aa, ‹Solomoon woggaa kumaa haa moowu› jedhaa'a.
35Isa marsa'aa deemaa'a, inni dhufee teessoo kiyya irra haa taa'uu; bayaa'a inni garuu dhufee teessoo kiyya irra haa taa'uu bikka kiyya haa mooyuu, inni akka worra Israa'eliitii fi worra Yihuuda'aa irratti moowu ajajeera» isaaniin jedhe.
36Banayaas ilmi Yoodaahe'ee mootichaan, «Waan kana Rabbi Waandhi kee haa raawwatu,
37Rabbi akkuma mooticha gooftaa kiyya woliin ture, akkasuma Solomooniin woliinillee haa ta'u, mootummaan isaa mootummaa Daawitii haa caalu.
38Kanaafuu Saadooqiin gadichi, Naataan raattichi, Banayaas ilmi Yoodaahe'ee, worri Kaliitotaatii fi worri Faliitotaa Solomooniin gaangee Daawitii mootichaa yaabbisanii gara burqaa Giyoonii fidan.
39Saadooqiin gadichi buuchoo daasee keessaa fuudhee Solomooniin muudee xurumbaa afuufe, baniin maruu «Solomoon woggaa dheeraa haa jiraatu!» jedhan.
40Baniin maruu isa faanaa bayanii sirba sirba'aa guddisanii gammadan; isaan waan guddisanii woca'aa sirbaniif lafti sochoote.
41Adooniyaasii fi namoonni inni haa waa nyaatani'iif waame maruu haga waa nyaatanii fixan hin dhagayan; Iyyoo'aab haga laagaa xurumba'aa dhagaye; «laagaan wocaa ka qachaa tana keessaa dhagayamu maali'i?» jedhee gaafate;
42Uduma inni kana dubbata'aaru Yoonaataan ilmi Abiyaatarii gadichaa dhufe; Adooniyaas, «Ati nama waan mishaa namatti himu waan taateef ol seeni» jedheen.
43Yoonaataan Adooniyaasitti akkana jedhee deebise, «Ani dhugamaan siin jedha Daawiti mootichi keenna Solomooniin moosise.
44Mootichi isa woliin, Saadooqii gadicha Yoonaataa raatticha, Banayaasii ilma Yoodaahe'ee, worra Kaliitotaatii fi worra Faliitotaa erge; isaanillee Solomooniin gaangee mootichaa yaabbisan.
45Saadooqiin gadichinii fi Naataan raattichi burqaa Giyooniititti mootii godhanii isa muudan; achiillee gammada'aa hennaa yaa'an qachattii keessatti laagaa dhageessisan, laagaan isaan dhagayan kana;
46Achiin maayessa Solomoon mooyee teessoo mootumma'aa irra taa'e.
47Garboonni mootichaa gara Daawitii seenanii, ‹Rabbi maqaa Solomoonii maqaa kee caalaa, mootummaa isaallee mootummaa kee haa caalchu!› jedhanii mootii gooftaa keenna Daawitiin eebbisan; mootichi siree irraa gad jedhee sagade.
48Mootichi, ‹Uduu ani lubbu'uun jiru Rabbi Waandhi Israa'elii ka adha mootummaa kiyya dhaalu naa kenne galanni haa gawu!› » jedhe.
49Worri Adooniyaas waame maruu sodaatanii karaa ufii qabatanii deeman.
50Adooniyaasillee Solomooniin sodaatee dhaqee buuchoo hulee ciinca'aa jiru qabate.
51Namichi Adooniyaas gara Solomoonii ergate, Solomooniin, «Kunoo Adooniyaas Solomoonii mooticha sodaatee ana garbicha ufii guraade'een akka hin ajjeefne, ‹adha naa haa kakatuu› jedhee buuchoo qabate» jedhaniin.
52Solomoonillee, «Inni haala ufii yoo qajeelfatee jiraate rifeensi mataa isaa takkattiinillee lafa hin buutu; garuu yoo wonti hamaan irratti argame hin du'a» jedhe.
53Kanaan maayessa mootichi Solomoon nama itti ergee hulee ciinca'aa irraa buufnaan dhaqee Solomoonii mooticha gad jedhee nagaya gaafate; Solomoonillee, «Gara mana keetii deemi» jedheen.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.