1Soofaar namni biyya Naa'ima'aa akkana jedhee deebise,
2«Iyyoob! aariin tiyya akka deebii sii kennu na taasifte;
kanaaf ariifadhee dubbadhe.
3Wonti ani dhagayu dheekkamsa na salphisu
dandeettiin hubannaa kiyyaa akka deebii sii kennu na taasise.
4«Haga namni lafa irratti dhalate irraa jalqabee
dur irraa akkanuma akka ta'e hin beetta.
5Dhaaduun nama hama'aa hennaa gabaaba'aaf;
namoonni Rabbiin ganan gammachuun isaanii haguma limsuu ijaatitti bada.
6Namni hamaan uf jajuu ufiitiin haguma sami'iillee yoo ol fagaate
yoo mataa ufiitiin duumessa tuqe;
7Inni baraa haga bara baraa akka fiindo'ootitti bada;
namoonni isa arga'aa turan eessa dhaqe? jedhan.
8Akka eebju'uutitti waan baduuf hin argamu;
akka manaaba halkaniititti bada.
9Hulee jiraatuu sirima waan baduuf;
ijji achiin dura isa argite deebitee isa hin argitu.
10Ijoolleen isaa horii inni hiyyeeyyii jalaa hunnaan saame
kaffalu'uuf kadhatan.
11Nafti hunna dargaggummaa isaa
hennaa diqqo'oon maayessa biyyee ta'a.
12«Yoma hammeenni isaa akka nyaataatitti itti mi'aayee
arraba ufii jalatti dhoffatellee;
13Akka jalaa hin dhumneef afaan ufii keessatti
alansha'aa tursiisellee
14garaa isaa keessatti hadha'atti jijjiirama;
akka summii bofaa itti ta'a.
15Namni hamaan qabeenna nyaate uduu hin jaalanne deebisa.
Rabbi waan garaa isaa keessa jiru maraa hin tufsiisa.
16Namni hamaan summii xuuxa;
hadhaan buuti'ii isa ajjeesa.
17Dhadhaan ejersaa akka lola'aatitti yoo yaa'u;
aannanii fi dammi akka bisaan fincaaya'aatitti yoo yaa'u
uduu hin argin du'a.
18Bu'aa dadhabbii ufii hin nyaatu; deebisee kenna malee;
qabeenna daldalee argatettillee hin gammadu.
19Wonti kana ta'uuf waan hiyyeessa miidhee fi
mana ufii hin ijaarre hunnaan waan fudhateef.
20Dodhummaan isaa hara baafata isa dhooggeera.
qabeenni inni tuulatellee isa oolchuu hin danda'u.
21Qabeenni isaa maruu xuruuramee waan dhumuuf
woma afaaniin qabullee hin argatu.
22Yoo haga fedhellee duroome hin biibbaya;
rakkoon guddaanillee isa irra gaya.
23Yoma nyaadheellee hin quufa jedhe;
Rabbi lola ufii gudda'aan isa dhaya.
balaa ufiillee itti buusa.
24Guraadee sibiilaa jalaa yoo bayellee
eboo sibiila diima'aatiin woraannama;
25eboonillee fulla'ee duddaan baya;
arfiin isaa ka calalaqu tiruu kukkutee lufa;
sodaa gudda'aan garaan isaa raafama.
26Qabeenni inni tuulate maruu dukkana jaamaa keessatti jalaa bada;
ibidda harki namaa hin qabsiifnetu isa guba;
qabeenna mana isaa keessatti hafe maraa hin guba.
27Cubbuu inni hojjate Samiiwwan maruu hin saaxilaniin.
laftillee diina itti taati.
28Gaafa dheekkamsa Rabbii qabeenni mana isaa maruu
akka bisaanii yaa'ee lufa.
29Hireen Rabbi worra isa didaniif murteesse;
gatiin worra hammeeyyi'ii kana.»
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.