1Haga Iyyaasuun du'een maayessa ijoolleen Israa'elii «Worra Kana'aanii woliin wol lolu'uuf eentu nu afoo deema? » jedhanii Rabbiin gaafatan.
2Rabbillee, «Yihuudaan isin afoo haa bawuu, ani biyya san isinii kenneeraa» jedhe.
3Yihuudaan obboleessa ufii Simooniin, «Koottaa worra Kana'aaniititti woliin duullaa, nullee yoo isin duultan isin woliin duullaa» jedhe; Simoonillee lolaaf baye.
4Achiin maayessa Rabbi worra Kana'aaniitii fi worra Feerzotaa dabarsee harka isaanii jala galche; isaanillee Beezeeqiin keessatti nama kuma kudhanii ajjeesan.
5Adoonibeezeqiinillee Beezeeqitti arganii lolaniin; worra Kana'aaniitii fi worra Feerzotaallee hin dhayan.
6Adoonibeezeq dheessinaan ari'anii qabanii quba abbuuddicha harkaatii fi ka lukaa irraa muran.
7Adoonibeezeq, «Mootota torbaatamaa ka qubni abbuuddicha harkaatii fi ka lukaa irraa murame, hulee ani nyaata nyaadhutti na jala taa'anii hambaa qocata'aa turan san irratti akkuma ani godhe Rabbillee na irratti godhe» jedhe; isaan fuudhanii gara Yerusaalemii isa fidan, innillee achumatti du'e.
Gofti Yihuuda'aa Yerusaalemii Fi Keebrooniin Qabatan8Worri Yihuuda'aa biyya Yerusaalemiitiin guraade'een lolanii lafa isaaniillee qabatanii, qachattii isaaniillee ibiddaan guban.
9Kanaan maayessa worri Yihuuda'aa worra Kana'aanii ka lafa gaaraatii fi gara bita'aa ka gammoojjii keessa jiraataniin lolu'uuf gad bu'an.
10Yihuudaanillee worra Kana'aanii ka Keebrooniin keessa jiraniin lolu'uuf dhaqe; asiin dura maqaan Keebroonii Qiriyaati'arbaaq ture; isaan gosa Seesinii, Akimaanii fi Talaaminiin mooyatan.
Ootni'eel Qachaa Daabirii Mooyate(Iyya. 15:13-19)11Achiin maayessallee Yihuudaan namoota Darbe'eetiin lolu'uuf deeme; asiin dura maqaan Darbe'ee «Qiriyaaseefeer» jedhamti ture;
12Kaaleebillee «Nama Qiriyaaseefeeriitiin lolee qabatu'uuf mucattii tiyya Aaksaaniin itti heerumsiisa» jedhe.
13Obboleessi Kaaleebii diqqaan intala Qeeneezii Gotoniyaaliin qabee ilma ufii Aaksaanitti fuudhe.
14Isiinillee hennaa gara isaa dhaxxe, «Abbaa ufii irraa akka inni lafa kadhatu isa gorsite» isiin harree irraa buunaan Kaaleeb, «Maal barbaadda» isi'iin jedhe.
15Isiinillee, «Lafa cinaa bita'aatiin jirtu waan naa kenniteef akkasuma hulee burqaa bisaanii qabdullee eebba godhii naa kenni» jetteen; Kaaleebillee lafa burqaa bisaanii ta gubba'aatii fi ta jalaallee hin kenneef.
Mootee Gofti Yihuuda'aatii Fi Gofti Biiniyaamii Argatan16Ijoolleen soddaa Muuse'ee ta worra Qeenotaa ijoollee Yihuuda'aa woliin qachaa Meexxii qabduu ka'anii haga lafa gammoojjii bita'aa ka Yihuuda'aa ka Araadiin bira jirtutti bayanii banii achi jiru woliin jiraatan.
17Yihuudaan obboleessa ufii Simooniin woliin deemanii worra Kana'aanii ka Sifaatiin keessa jiraataniin lolanii sirima isaan balleessanii maqaa qachattii saniillee, «Hoormaa» jedhanii itti baasan.
18Yihuudaan Gaaza'aa haga daangaa isi'ii Asqaalona'aa haga daangaa isi'ii, Aqaroonaallee haga daangaa isi'ii qabate.
19Rabbi Yihuudaa woliin waan jiruuf inni biyya gaaraa sanniin fudhate; worra dhooqa keessaa garuu isaan konkolaataa sibiilaa waan qabaniif achi keessaa isaan baasuu hin dandeenne.
20Akkuma Muuseen jedhe Kaaleebii Keebrooniin kennaniif; achiin maayessa inni ijoollee Eenaaqii sadiin achi keessaa baase.
21Garuu worra Iyyaabusootaa ijoolleen Biiniyaamii achii isaan hin baafne; haga adhaa Iyyaabusoonni ijoollee Biiniyaamii woliin Yerusaalemiin keessa jiraata'aaran.Gofti Efreemiitii Fi Gofti Minaase'ee Beeteeliin Qabatan
22Gofti Yooseefiillee Beeteeliin lolu'uuf bayan, Rabbillee isaan woliin jira.
23Worri Yooseefii gaadduu gara worra Beeteelii ergan; asiin dura maqaan qachattii sanii Loozaa jedhama ture.
24Worri gaadullee namni tokko hennaa qachattii san keessaa bawu arganii, «Karaa gara qachatti'ii seenaniin nutti mudhisi nullee akka miidhaan si irra hin geenne goonaa» jedhaniin.
25Innillee karaa gara qachatti'ii seenaniin isaanitti mudhise, isaanillee guraade'een lolanii qachattii san balleessan; namicha karaa isaanitti mudhise sanii fi worra isaa maraa hin tundhe.
26Namichillee gara biyya Keexotaa deemee hulee dhaqe sanitti qachaa ijaaree maqaa isi'iillee «Loozaa» jedhee itti baase; haga adhaallee maqaan isi'ii kana.
Banii Worri Israa'elii Hin Ariine27Gofti Minaase'eellee namoota ganda Beetasaanii, Yatakinaanii, Yadoorinii, Yabela'imiitii fi namoota ganda Magdoonii achi keessaa hin baafne; worri biyya Kana'aaniillee achuma taa'an.
28Worri Israa'elii haga jabaataniin maayessa worra Kana'aanii hin gabbarsiisan malee uf keessaa isaan hin baafne.
29Gofti Efreemii worra Kana'aanii ka qachaa Geezirii keessa jiraatan uf keessaa hin baafne; isaan isaanuma woliin jiraatan.
30Gofti Zaabilooniillee namoota biyya Qeedirooniitii fi namoota Naahiloonii uf keessaa hin baafne; kanaaf worri Kana'aanii isaan woliin jiraata'aa gibirallee isaan gabbaran.
31Gofti Aseeriillee namoota gosa Koonii, Siidoonii, Ayilaabii, Akiziibii, Hilba'aa, Afeeqiitii fi namoota gosa Ra'aabii uf keessaa hin baafne.
32Worra Kana'aanii ka isaan keessa lafa san irra jiraatan waan uf keessaa hin baafneef ijoolleen Aseerii isaanuma woliin jiraatan.
33Gofti Niftaalemiillee worra Beetisaamisiitii fi worra gosa Beeti'anaatii uf keessaa hin baafne; worra Kana'aanii ka biyya san keessa jiran woliin jiraatan; isaan garuu worra gibira isaan gabbaru ta'an.
34Amooronni worra gosa ijoollee Daanii gara biyya gaaraa ol ittisanii gara dhooqaa akka hin buune dhooggan.
35Amooronni gaara Heeresii, Heelonii fi Shaalbiimiin keessa jabaatanii jiraatan; garuu worri Yooseefii hunnaan isaan gabbarsiisan.
36Daangaan lafa worra Amoorotaa goodda Aqiraabii lafa dhaga'aa irraa jalqabee haga olii baya ture.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.