Gara Worra Ibrootaa 5 - Kitaaba Woyyuu

1Bulchoonni gugurdaan gadootaa maruu namoota keessaa filamanii waan Rabbiitiif bikka namootaa kennaa ciincaa cubbu'uu dhiyeessu'uuf muudaman.

2Innuu waan dadhabbii qabuuf worra wollaala'aa fi worra raantayanii garaa laafuu danda'a.

3Sababa kanaan waan cubbuu bani'iitiif akkasuma ufiifillee ciincaa cubbu'uu dhiyeessa.

4Ka akka Aaroonii Rabbiin waamame malee eennullee ulfinna isaa ufiif ka fudhatu hin jiru.

5Akkasuma Kiristoosillee gadicha guddaa ta'u'uuf uf hin kabajjine. Haa ta'uu ammo,

«Ati Ilma kiyya,

ani adha si uumadheera!» ka jedheen isuma.

6Akkasuma hulee biraatitti ammallee

«Ati akka muudamaa,

Malkasaadiqii,

ati baraa haga bara baraa gadicha» jedha.

7 Mat. 26:36-46; Mar. 14:32; Luq. 22:39-42 Inni hennaa lafa tana irra jiru laagaa gudda'aa fi imimmaaniin faate'een, kaawwaniillee kadhachu'uun gara Waaqa isa hambisuu danda'uutitti dhiyeesse. Gadi uf qabee waan ajajameef Rabbi kadhaa isaa dhagayeef.

8Hagamillee yoo Ilma isaa ta'e, rakkinna isa irra gayeen ajajamuu barate.

9-10Haga kun maruu raawwatameen maayii, Rabbiin akka muudama Malkasaadiqii hayyicha gadootaa jedhamee waan waamameef, worra isaa ajajaman maraaf madda fayyinna bara baraa ta'e.

Gorsa Akka Namoonni Amantaa Hin Dhiifnee

11Waan isaa wonti dubbannu waan heddutu jira. Waan gurri keessan juu jedhee dhagayuu dideef dubbi'iin hiikuun rakkisa'a.

12Isin hennaa tana silaa barsiisota ta'u'utu isin barbaachisa. Amma ammo akka namni tokko dubbii Rabbii ka jalqabaa irraa deebi'ee barumsa biraa isin barsiisuu barbaachisa; akka kanaan wonti isinii ta'u aannan malee nyaata jaba'aa miti.

13Qor. 1ffaa 3:2 Ka aannan woga'amu maruu daa'ima waan ta'eef dubbii qajeellumma'aa hin beeku.

14Dhiyanni jabaan ammo worra waan misha'aa fi waan hamaa addaan baasuuf, worra waa hubatanii fi worra yaada guutu'uutiif barbaachisa.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help