Kitaaba Izra'aa 8 - Kitaaba Woyyuu

Banii Izraa Woliin Hulee Baqatee Dacha'e

1Bara Mootummaa Arxeeksisii bulchoonni manniin abbootaa worri Baabilooniin keessaa na woliin bayan kanniin; horteen isaaniillee kana.

2Fiixaa Finihaasii keessaa Geersoon,

fiixaa Itaamirii keessaa Daani'eel,

fiixaa Daawitii keessaa Haxuus,

3innillee fiixaa Sekeniya'aa keessa,

fiixaa Faaroosii keessaa Zakkaariyaas; isa woliin fiixaa isaanii keessatti dhiirri 150 galmaayanii turan.

4Fiixaa Foohaat Moo'aabii keessaa Ilma Zaraa'iyya'aa Elihoo'enaayii fi isaan woliinillee ijoollee dhiiraa 200

5Fiixaa Zaatu'uu keessaa ilma Yahizi'eelii; isa woliin dhiira 300

6Fiixaa Aadinii keessaa ilma Yoonaataanii Eebeedii fi isa woliinillee dhiira 50

7Fiixaa Eelaamii keessaa ilma Gotoliya'aa Yaashaya'aa fi isa woliinillee dhiira 70

8Fiixaa Safaaxiyaasii keessaa ilma Mikaa'elii, Zibaadiya'aatii fi isa woliinillee dhiira 80

9Fiixaa Iyyo'aabii keessaa ilma Yihi'eelii Abdiyyu'u fi isa woliinillee dhiira 280

10Fiixaa Baani'ii keessaa Saloomitii ilma Yoosifiya'aatii fi isa woliinillee dhiira 160

11Fiixaa Beebaaayii keessaa ilma Beebaayii Zakkaariyaas; Isa woliinillee dhiira 28

12Fiixaa Azgaadii keessaa ilma Haqaaxaanii Yohaana'aa fi isa woliinillee dhiira 110

13Fiixaa Adooniqaamii keessaa maqaan worra maayessaa Eelfaalaati, Yi'u'eelii fi Shamaaya'a. Isaan woliinillee dhiira 60.

14Fiixaa Baguwaayii keessaa Utaayina'aa fi Zabuud; Isaan woliinillee dhiira 70.

Izraan Leewwota Mana Woyyuu Keessatti Tajaajilan Argate

15Ani Izraan laga gara Ahawwa'aa yaa'u biratti banii wolitti qabe. Hulee san guyyaa sadihii teenne. Achitti bani'ii fi gadoota yoo laakkayu, ijoollee Leewwi'ii keessaa eennuunillee hin argine.

16Gara bulchoota isaanii gara Alaazarii, gara Ari'eelii, gara Shamaaya'aa, gara Eelnaataanii, gara Yaariibii, gara Eelnaataanii, gara Naataanii, gara Zakkaariyaasiitii fi gara Meesulaamii, akkasuma gara Beettota isaanii gara Yooyaaribiitii fi gara Eelnaataanii erge.

17Isaan gara Adoo bulchaa banii Kasifiyaa keessa jiraatanii ergu'uun Ado'oo fi hojjattoonni Mana Qulqulluu keessatti isa gargaaran namoota Mana Qulqulluu keessatti tajaajilan akka nuu ergan akka isaanitti himanii nuu ergisiisan godhe.

18Hunni Waaqa keennaa guddaan waan nu woliin jiruuf ijoollee Israa'elii keessaa, ka Leewwi'ii keessaa fi gosa ijoollee Mohoolii keessaallee nama ogeessa Sarraabiyaaniin, Isa woliinillee ijoollee isaa kudha saddeetii fi obboleewwan isaa nuu fidan.

19Akkasuma Hashabiyaa, isa woliinillee gosa ijoollee Meeraarii keessaa Shaayanii fi obboleewwan isaa diddamaa fi ijoollee ufii nuu fidan;

20akkasuma Daawitii fi worri baallii qaban garee tajaajiltoota mana woyyu'uu gargaaran hundeessan keessaa nama 220 fidan; kunniin maruu maqama ufiitiin galmaayan.

Izraan Akka Baniin Soomee Sagadu Ajaja Kenne

21Akka Rabbi karaa keenna nuu qajeelchu, nu'uu fi ijoolleen teenna akkasuma wonti nu qabnu maruu akka nuu eeggamu, nullee gad uf deebifnee akka isa kadhannu, laguma Ahawwa'aa san biratti sooma labse.

22Mootichaan «Hunni Waaqa keennaa worra isa soqu maraafuu mishumma'aaf; lolli isaatii fi hunni isaa garuu worra isa dhiisan irratti.» jennee waan dubbannee turreef diina karaa irra jiru jalaa akka nu hambisaniif loltootaa fi worra fardaan lolan mooticha kadhachuu saalfadhe.

23Waan kanaaf Soomnee Rabbiin kadhanne; Innillee kadhaa nuu dhagaye.

Kennaa Mana Qulqullu'uuf Kenname

24Bulchoota gadootaa keessaa namoota kudha lamaa, Sarraabiyaanii fi Hashaabiyaaniin, isaan woliinillee obboleewwan isaanii kudhan fooye.

25Mootichinii fi worri isa gorsan, bulchoonni birri'ii fi worqii worri Israa'elii ka achitti argaman maruu mana Waaqa keennaatiif dhiyeessan maraa meeshaallee madaalee isaanitti kenne.

26-27Meeshaan mana woyyu'uu ka isaanitti kennellee;

Birrii saqilii 22,000,

meeshaa birrii irraa hojjatame ka kiiloo 70 tti bikkaman;

worqii saqilii 3,400

Xuwwee diddamaa ka kiiloo 8 fi giraama 400 tti bikkamu ka worqii irraa hojjataman;

xuwwee lamaa ka worqii irraa hojjataman ka gatiin isaanii wol qixaa woliin xuwwee lamaa ka sibiila diimaa irraa hojjataman bikkee isaanitti kenne.

28Anillee akkana isaaniin jedhe, «Rabbiif qulqullooftaniirtan, meeshaanillee qulqullu'u; birriinii fi worqiinillee ka fedhaan Rabbii Waaqa abboota keennaatiif dhiyaatan.

29Bulchoota gadootaatii fi ka Leewwotaa, bulchoota manniin abboota Israa'elii afo'otti gola mana Rabbii ka Yerusaalemii keessa jiru keessatti haga madaaltanitti jabaadha'aa eegaa'a»

30Gadoonninii fi worri Leewwotaa birrii, worqi'ii fi meeshaa gara mana Waaqa keennaa ka Yerusaalemii fidu'uuf madaalanii fudhatan.

Baniin Gara Yerusaalemii Deebi'e

31Ji'a jalqabaa guyyaa kudha lammeesso'ootitti gara Yerusaalemii deemu'uuf laga Ahawwa'aa biraa kaane. Hunni Waaqa keennaallee waan nu woliin tureef diinaa fi ka dhokatee nama miidhu jalaa nu hambise.

32Yerusaalemiin geennee guyyaa sadihiif achi teenne.

33Kanaan maayessa guyyaa arfaffa'aatitti birrii, worqi'ii fi meeshaallee mana Waaqa keennaatitti madaallee gadicha ilma Ooriyo'oo Meeraaritti kennine. Ilmi Finihaasii Alaazar, Leewwonni ilmi Iyyaasu'uu Yoozaabaatii fi ilmi Biiniiwii Noo'aadiyaan fa'allee isa woliin turan.

34Meeshaan maruu laakkobsaa fi madaalaan bikkamee wonti madaalame maruu yoma san galmeeffame.

35Kanatti aansee booji'amtoonni booju'uu deebi'an ciincaa ciincawu Waaqa Israa'eliitii fi waan Israa'elii maraafuu jiboolee kudha lama, korbeeyyii hoola'aa sagaltamii jaha, korbeeyyii darmii hoola'aa torbaatamii torba, ciincaa cubbu'uutiif korbeeyyii re'iinii kudha lama dhiyeessan. Kun maruu ciincaa Rabbiif ciincawu ture.

36Ajaja mootichaallee muudamtoota mootichaa worra laga Efraaxisii gama jiran bulchanitti kennan; isaanillee bani'ii fi hujii mana Rabbii gargaaran.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help