1Rabbi akkana jedha,
«Ani banii kiyya Israa'eliin daa'imumma'atti jaaladhe;
ilma kiyya biyya Misiriitii waame.
2Garuu banii kiyya Israa'eliin
haguma gara kiyya guddisanii akka dhiyaataniif isaan waame;
isaan guddisanii na irraa fagaatan;
isaan waaqa tolfamaa ba'aal jedhamuu ciincaa dhiyeessu'uu fi
fakiiwwan isaatiifillee hixaana aarsuu hin dhiifne.
3Ka ijoollee isaanii qabee daaddee
barsiise ana;
ani ammadhee isaa qabee ture;
isaan ammo akka ani isaan kunuunsu hin beenne.
4Ani gara laafummaa, namumma'aatii fi hidhaa jaalalaatiin isaan masakka'aa ture;
qambara isaan irra jiru isaan irraa kaasee,
gad jedhee isaan nyaachisa'aa ture.
5Isaan waan gara kiyya deebi'uu didaniif gara biyya Misirii deebi'anii mootii biyya Asoorii jalatti bulan.
6Eboon diina isaanii qachoota isaanii dhaya; balballan qachootaallee hin caccabsa; gorsa isaanii hamaallee isaan harkaa balleessa.
7Baniin kiyya na irraa fagaachuu barbaadan; ta'ullee gargaarsaaf ol iyyatan, eennullee rakkinna isaanii jalaa isaan baasuu hin danda'u.
8«Israa'el! attamiin si dhiisa?
attamitti dabarsee si kennalle'e?
waan Adaama'aa fi Tsabooyiin irra godhe,
attamitti si irratti godha?
jaalalli ani sii qabu guddaa waan ta'eef,
waan kana maraa si irratti godhuu hin barbaadu!
9Ani ka isin jidduu jiru
Waaqa woyyicha malee namaa miti;
kanaafuu balaa lola kiyyaa hin fidu;
deebi'ee Israa'eliin hin balleessu;
lola kiyyaanillee gara keessan hin dhufu.
10«Ani Rabbi isaan fayyisu'uuf akka leenca aaduu hennaa laagaa kiyya dhageessise isaan na faanaa deeman; ijoolleen tiyya hollata'aa gara dhiya adu'uutii dhufan.
11Biyya Misiriitii akka simbiraatitti, biyya Asooriitii akka handari'iititti barara'aa dhufan; ani gara hulee jireenna isaanii isaan deebisa; ka waan kana dubbata'aaru ana Rabbi Waaqa keessan» jedha.
Rabbi Bani'itti Murteesse12Rabbi akkana jedha, «Baniin Israa'elii sobaan kijibaan na marsaniiran; Yihuudaan ammo ammallee karaa ani Rabbi isa masakkuun deema; ana woyyichaafillee amanama'a.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.