1Isin dubartoota Samaariya'aa akka sa'oolee worra Baasaanii uf furdiftan! dubbii kana dhagayaa'a! isin worra dadhaban salphiftan, hiyyeeyyii rakkiftan, abbootiin manaa teessan hennaa maraa akka dhuddoo nama macheessu isinii dhiyeessan gaafattan.
2Kanaafuu Rabbi Gooftaan woyyummaa ufiitiin, «Isin akka waan hookkoo sibiilaatitti hidhanii fuudhanii deemaniiniititti hennaan itti fuudhanii isiniin deeman hin dhufa; isin irraa jalqabee haga dhumaa worri turanuu akka qurxummii hookkoo sibiilaatiin qabanii fuudhanii deemanii isaaniin deeman.
3Isin maraa qaalawa naannaya keessanitti argamuun harkisanii isin baasanii Haarmoonitti isin gatan» jedhee kakateera.
Baniin Israa'elii Dogoggora Ufii Irraa Baratuu Dide4Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Baniin Israa'elii gara Beeteelii deema'aa cubbuu hojjadhaa'a! gara Gelgela'aallee dhaqa'aatii yakka caalu raawwadhaa'a! guyya guyya'aan ciincaa keessan dhiyeessaa'a! guyyaa sadihi sadihiin kennaa kudhan keessaa tokko kennaa'a.
5Wonti isin godhuu barbaaddan woma kana waan ta'eef kennaa xorosho'oo ka galataa dhiyeessaa'a; ciincaa fedha keessaniin dhiyeessitaniifillee labsii labsaa'a.
6Ani midhaanuma afaaniin qabdanuu isin dhabsiisee qachoota keessan marattuu beela gad dhiise; isin ammo gara kiyya hin deebine.
7Uduu badheessi qonnaa hin geenne ji'a sadihiin dura akka roobni dhaabatu godhe; qachaa tokko keessatti hennaa roobu qachaa biraa keessatti akka hin roobne dhoogge; maasaa tokko irratti hennaa roobu maasaan biraa rooba dhabee goge.
8Namoonni bisaan dhugan soqaa qachaa tokko irraa gara qachaa biraa deeman; garuu waan bisaan gayaa hin arganneef dhuganii dheebuu hin baane; isinillee gara kiyya hin deebine.
9Ani qilleensa jabaa midhaan keessan gossu isinitti erge; biqiltuu, biqiltuu woyini'ii, muka hurbu'uutii fi muka ejersaa keessan maraa awwaanisatu nyaate; isin ammo gara kiyya hin deebine.
10Ani balaa akka balaa biyya Misiriititti erge fakkaatu isinitti erge; ka'imman teessan akka guraade'een du'an; faradoo teessanillee akka booji'aman godhe; ajaan reeffa namoota ganda keessan keessatti du'anii akka isinitti ajaawu taasise; isin ammo gara kiyya hin deebine.
11Ani akkuma Soodomii fi Gomoraa balleesse akkasuma isin keessaallee namoota hedduu fixe; isin worri haftanillee akka mukukkula ibidda keessatti haga bobayeen maayessa keessaa butanii fuudhaniiti; kun maruu ta'ee isin ammo gara kiyya hin deebine.
12Kanaafuu banii Israa'elii! kunoo ani akkuma kana isin irratti godha; ani waan kana waan isin irratti godhuuf ani Waaqa keessan woliin hulee murti'iititti wol gawu'uuf qophaayaa'a!»
13Ka gaarran hojjate,
ka qilleensa uume,
ka waan yaade namaa ibsu,
ka ifa guyya'aa dukkanatti jijjiiru,
ka lafaa gaaraa irra deemu,
maqaan isaa Rabbi
Waaqa banii maraati.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.