Hujii Ergamootaa 20 - Kitaaba Woyyuu

Phaawuloos Biyya Maqedooniya'aatii Fi Giriikii Dhaqe

1Haga wolitti bu'iinsi qabbanaayeen maayii Phaawuloos darasoota waamsisee isaan gorsee, nagaya itti dhaamee gara Maqedooniya'aa deemu'uuf baye.

2Biyya san keessa hennaa lufe, dubbii Rabbiitiin haga guddisee isaan gorseen maayii gara biyya Giriikii dhaqe.

3Ji'a sadihii achi taa'ee gara Sooriya'aa markabaan hennaa deemuu yaade Yihuudonni waan seera itti muraniif Maqedooniyaa keessa lufee deebi'uuf kutate.

4Worri isa geegessan, Susiphaxiroosii Beeriya'aa, namoota Tasolonqee keessaa, Arsixirookoosii fi Sikonduus, Gaayiyyoosii Darbe'ee, Ximootewoos, Tikiqoosii fi Xirofimoos fa'a godina Isiya'aa keessaa isa woliin deeman.

5Isaan sunniin nu afoo lufanii Xiro'aada'atti nu eegan.

6Nu ammo guyyaa ayyaana faasika'aatiin maayii Filiphisiyuusii markabaan kaanee, guyyaa shanitti gara Xiro'aada'aa isaan bira geennee guyyaa torbaa achi teenne.

Phaawuloos Xiro'aada'atti Lallaba Dheeraa Lallabe

7 2:42,46; Qor. 1ffaa 16:2 Guyyaa jalqaba torbaanii uduu xoroshoo nyaachu'uuf teenneerru Phaawuloos bariisaa deemu'uuf waan yaadeef isaan woliin qaaqa'aa ture. Haga halkan qixxe'ee qaaqa dheeresse.

8Mana mana gubba'aa ka itti wol geennee turretti ifa gudda'atu ture.

9Dargaggeessi Oyixikoos jedhamu tokko foddaa irra taa'ee ture; Hennaa Phaawuloos qaaqa dheeresse waan hirribni isa qabeef mugee mana mana gubba'aa ka sadeesso'oo irraa kufee du'ee reeffa kaasan.

10Mot. 1ffaa 17:21 Phaawuloos gad bu'ee irratti kufee ammateenii, «Lubbu'uun jiraa hin wocinaa'a» isaaniin jedhe.

11Bayee xoroshoo cabsee nyaatee haga bari'uuf haga isaan woliin qaaqa'aa tureen maayessa ka'ee deeme.

12Namoonni dargaggeessa san fayyinaan fudhatanii gara manaa geessanii waan kanaaf guddisanii gammadanii jajjabaatan.

Phaawuloos Xiro'aadaa Irraa Gara Milixiinii Dhaqe

13Nu ammo Phaawuloosiin simachuun waan nu barbaachisuuf firrifnee gara markabaa deemnee gara Asoonii deemu'uuf kaane; inni lafoo deemuu waan yaadeef akkana nuun jedhe.

14Asoonitti haga isa argine simannee gara Milixiinii dhufne.

15Bariisaa lamu'uu achii kaanee garba biraan afoo Kiyyu'uutiin achi geenne; Bariisaa gara Saamoonii ceenee Tiroogiliyooniin bulle; bariisaa gara Milixiinii dhufne.

16Phaawuloos akka guddisee Isiyaa keessa hin turreef Efesooniin gad dhiisu'uuf waan muratee jiruuf, yoo danda'ameef ayyaana shantameesso'oo Yerusaalemiin keessa oolu'uuf ariifate.

Phaawuloos Manguddoota Woldaa Efesooniitiif Nagaya Dhaame

17Phaawuloos Milixiinii gara Efesoonii namoota ergee manguddoota woldaa kiristaanaa waamsise.

18-1918:18-19; 19:10 Hennaa gara isaa dhufan inni akkana isaaniin jedhe. «Urga Isiyaa seenee jalqabee gara laafummaa maraan imimmaaniin mala Yihuudonni natti dhayaniin rakkadhullee Goofta'aa ajajama'aa bara maraa attamitti akka isin woliin jiraadhe isinuu hin beettan.

20-21Rabbiin dhiifamsa gaafata'aa Gooftaa Yesuus Kiristoosiin amanu'uun Yihuudotaa fi namoota Giriikotaatii ragaa baya'aa hulee gumi'iitii fi mana isaanii keessatti isinitti hima'aa isin barsiise malee waan isin fayyadu keessaa woma tokkollee isin irraa hin hambifanne.

2219:21 Ammallee ani Ayyaana Woyyu'uu ajajamee gara Yerusaalemii deema. Achittillee maaltu akka na irra gayu hin beeku.

239:16; 21:4,11 Haa ta'uu ammo Ayyaanni Woyyuun hidha'aa fi rakkinnatu si eeggata'aara jedhee qachaa marattuu naa raga'aara.

2421:13; Xim. 2ffaa 4:7 Haa ta'uu ammo fiigicha kiyyaaf tajaajila kiyya ka Gooftaa Yesuusiin irraa fudhadhe innillee Dubbii Nagayaa badhaadha Ayyaana Rabbii ragaa isaa haga raawwadhutti lubbuun tiyya na biratti akka hin ulfaanne akka waan duwwa'aatitti laakkaya.

25Ammallee kunoo ani jeennata Rabbii hima'aa wonti isin jidduu deddeebi'eef isin maruu ammaa achi akka na hin argine hin beeka.

2618:6 Kanaafuu ani dhiiga nama maraa irraa qulqulluu akka ta'e guyyaa adhaa kanatti ragaa isinii baya.

27Gorsa Rabbii maraa isinitti himeera. Womaa isin jalaa hin hambifanne.

28Xim. 1ffaa 4:16; Phex. 1ffaa 5:2 Isin uf eeggadhaa'a; woldaa Kiristaanaa ta Rabbi dhiiga ilma ufiitiin bitateellee tissee ta'aa'a. Hoolota Rabbii ta Rabbi akka eeddaniif Ayyaana Woyyu'uun isin muude maraa fi ufillee eegaa'a.

29Mat. 7:15; Yoh. 10:12 Haga ani deemeen maayii worri baniin garaa hin nyaanne yayyiin gar jabeeyyiin akka isin keessa seenan,

30darasootallee duubatti harkisu'uuf namoonni waan micciiramaa qaaqan isin keessatti akka dhalatan ani hin beeka.

3119:10; Tas. 1ffaa 2:11 Kanaafuu woggaa sadihii halkanii fi guyyaa imimmaaniin isin maraa gorsuu akka addaan hin kunne yaadata'aa jabaadhaa'a.

32 26:18 Ammallee Rabbiif akka jabaattan woyyoota maraa jiddu'utti Rabbii ristii akka argattan godhuu danda'uuf dubbii badhaadhummaa isaatitti yaboo isin kenneera.

33Sam. 1ffaa 12:3; Qor. 1ffaa 9:11 Eennuun irraallee birrii, yookaan worqii, yookaan uffata hin hawwine.

3418:3; Qor. 1ffaa 4:12; Tas. 1ffaa 2:9 Harki kiyya kunniin waan barbaachisu anaa fi worra ana woliin jiraniif akka tajaajileen isinuu hin beettan.

35Akkanuma dadhaba'aa akka dhibamtoota gargaartan, inninuu ‹ka fudhatu caalaa ka kennutu ka eebbifame› akkuma jedhe, dubbii Gooftaa Yesuusii kana akka qaabattan waan barbaachisuuf maraa isinitti mudhiseera.

3621:5 Kana jedhee jilbiiffatee isaan maraa woliin Rabbiin kadhate.

37Rom. 16:16; Phex. 1ffaa 5:14 Martinuu guddisanii booyanii morma Phaawuloosiititti rarra'anii dhungata'aa turan.

3820:25 Keessaayyuu «Ammaa achi fuula kiyya hin argitan» waan jedheef, guddisanii gaddanii haga markabaa isa geegessan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help