Raajii Naahoomii 1 - Kitaaba Woyyuu

Lola Rabbii Ka Nannawwee Irratti ta'e

1Mudhanninii fi dubbiin Naahoom gosa Eelqoorshaayii waan badii Nanawwe'eetiif dubbatee fi arge kana.

2Rabbi Waaqa hinaafuu fi Waaqa haluu bayu;

Dheekkamsa ufii jaba'aan diintota ufii irratti balaa buusa.

3Rabbi hin obsa; hunni isaallee jaba'a;

yakkamaa ammo uduu hin adabne hin dhiisu;

karaan isaa haboonbolattii bubbisuu fi bubbee hunna qabu keessa;

akkuma namni hennaa deemu awwaara kaasu

akkasuma mudhachuun Rabbii duumessa fida.

4Rabbi galaanaa fi laggiin

dheekkamsa ufiitiin gossa;

biqiltoonni Baasaanii fi Qarmeloosiin keessatti argaman hin gogan;

abaaboon Libaanosii hin quura.

5Gaarran Rabbiin afo'otti hin hollatan;

tulloonnillee hin baqan;

Rabbiin afo'otti lafti hin raafamti;

adunya'aa fi worri isii keessa jiraatu maruu hin hollatan.

6Dheekkamsa isaa jabaa afoo eentu dhaabatuu danda'a?

hennaa dheekkamsi isaa akka ibiddaa gubu eentu isa danda'a?

dheekkamsi isaa ka akka ibiddaa bu'e

dhagaan babbaqaqee bittinnaaya.

7Rabbi arja'a;

hennaa rakko'oo hulee jabaa itti dhokatan;

worra isa hedatan maraa hin kunuunsa.

8Worra isa morman lolaa bisaan jaba'aa isaan irra gara galcha;

diintota ufii gara dukkanaa ari'a.

9Isin maaf Rabbitti mari'attan?

inni haga dhumaa isin balleessa;

lamuu deebitanii isatti ka'uu hin dandeettan.

10Isin worra machooftan!

akkuma qoreenii fi wonti gogaan wol qabatee

ibiddaan gubatee badu

akkasuma isinillee hin baddan.

11Banii Nanawwe'ee! namni Rabbitti mari'atuu fi ka gorsa hamaa gorsu isin keessaa ka'eera.

12Rabbi Yihuudaa banii ufiitiin akkana jedha, «Worri Asoorii yoma jajjaba'aa fi ka laakkobsaanillee heddu ta'an diiggamanii badan; Banii kiyya! ani armaan dura yoo rakkoo isinitti guddisellee ammaa achi waan kana isin irratti hin godhu.

13Bulchiinsa dhiibba'aa ka worri Asoorii isinitti fe'an isin irraa kaasa; sibiila isaan miila keessaniin hidhan hin cabsa.»

14Murtiin Rabbi worra Asooriititti murteesse, «Isin ammaa achi fiixaa bakka keessan bu'ee maqaa keessan waamsisu hin argattan; ani waaqolee tolfamaa baffamanii hojjatamanii fi fakiiwwan bocaman mana woyyummaa waaqa tolfama'aa keessan keessatti argaman hin balleessa; isin worra bu'aa hin qabne waan taataniif boolla awwaalaa isinii qota» jedha.

15Ergamaan oduu nagayaa himu, ka waan nagayaa labsu gaarran irraan dhufa'aara; banii Yihuuda'aa! diintonni tee hammeeyyiin sirima waan badaniif ammaa achi biyya kee sirima marsanii hin qabatan! kanaafuu ayyaannan kee gammachu'uun kabajji! waan Rabbii woreega qabde kenni!

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help