1 Ser. Ba'u. 13:21-22; 14:22-29; Far. 78:13-14 Obboleeyyan tiyya! Kana akka beettan barbaada; Abboonni teenna maruu duumessa jala turan; maruu galaana wodhakkaa ceeyan.
2Maruu Muuse'een wol fakkaachu'uuf duumessaa fi galaanaan cuuphaman.
3Ser. Ba'u. 16:4; 35; Far. 78:24-29 Maruu nyaata Ayyaanaa san nyaatan; maruu dhuddoo Ayyaanaa san dhugan.
4Ser. Ba'u. 17:6; Ser. Lak. 20:11; Kes. Deb. 32:4,18; Far. 78:15-16 Marti isaaniituu mijuu Ayyaana bifa tokkoo dhugan; dhuddoon irraa dhuganillee dhagaa siida'aa ka faanaa deema'aa turan san; dhagaan sunillee Kiristoos.
5Ser. Lak. 14:22-23,29-30,32; Ibr. 3:17 Rabbi ammo worra baay'innaan isaan caalu sanniinitti hin gammanne; waan lafa gammooji'iititti kufaniif.
6Ser. Lak. 11:4; Far. 78:18-20 Isaan kunniinillee akkuma waan hamaa dharra'an, nullee akkasuma akka hin dharraane, Kun fakkeenna nuu ta'e.
7Ser. Ba'u. 32:6 Akkuma, «Baniin nyaachu'uu fi dhugu'uuf taa'anii sirbu'uuf ka'an» jedhamee barreeffame isaan keessaa gari gariinillee akkasuma godhe; isinillee worra waaqa tolfamaa waaqeffatu hin ta'inaa'a.
8Ser. Lak. 25:1-18 Isaan keessaallee gari gariin akkuma seebaran guyyaa tokkotti kumni dhibba sadihii fi kumaatamaa olii akkuma kufan, nullee akka hin seebarre.
9Akkuma isaan keessaa gari gariin Gooftaa qoranii bofaan dhuman, nullee akka Gooftaa hin qorre.
10Ser. Lak. 14:2; 16:41-49; Ibr. 3:11,17 Isaan keessaa gari gariin akkuma gururi'anii waan balleessuun badan hin gururi'inaa'a.
11 Rom. 15:4; Ibr. 4:11; Phex. 1ffaa 4:7 Kun maruu fakkeenna akka nuu ta'uuf isaan irraa nu bira gaye; nu worra bara dhumaa kana keessa jirruuf akka uf eeggannuuf nuu barreeffame.
12Kanaaf ka waan dhaabate itti fakkaate akka hin kufne uf haa eeguu.
13Qormaata nama maraa irratti ta'uun ala qormaanni woyiituu isin irra hin geenne; haa ta'uu ammo haga dandeettan caalaa akka qoramtan Rabbiin hin eeyyamne amanama'a. Akka obsuu dandeettan qorumsa woliin karaa baataniinillee isinii qopheessa.
14 Yoh. 1ffaa 5:21 Kanaaf obboleeyyan tiyya! waaqa tolfamaa waaqeffatuu irraa fagaadhaa'a.
15Waan qalbii qabdaniif kana jedha; waan ani jedhutti isinuu murteessaa'a.
1611:23-26; Mat. 26:26-28; Mar. 14:22-24; Luq. 22:19-20; Hu. Er. 2:42 Mijuun eebbifnu ka eebbaa dhiiga Kiristoosii woliin ka tokkummaa qabuu mii? Xoroshoon cabsannu foon Kiristoosii woliin ka tokkummaa qabuu mii?
1712:27; Rom. 12:5 Xoroshoon tokko waan ta'eef, nullee worra xoroshoo tokko san irraa qoodamu waan taaneef, hagamillee heddu yoo taane nu nafa tokkocha.
18 Ser. Lew. 7:6,15,16 Waan Israa'el namumma'aan godhe laalaa'a. Worri ciincaa nyaatan sunniin worra hulee ciinca'aa irraa qoodamuu mii?
198:4 Eeganaa maal jedha? ciincaa waaqa tolfama'aa waan bu'aa hin qabneef jedhaa? mo'o waaqa tolfamaa waan bu'aa hin qabne akka ta'u jedhaa? Miti.
20Kes. Deb. 32:17; Ser. Lew. 17:7; Mudh. Yoh. 9:20 Haa ta'uu ammo worri Yihuudii hin taane ka ciinceessan jinni'ii akka ta'uuf malee, Rabbii akka hin woreenne jedha; jinnii woliin akka tokko taatan hin jaaladhu.
21Qor. 2ffaa 6:15-16 Mijuu Goofta'aatii fi ka jinni'ii qixa dhuguu hin dandeettan; nyaata Goofta'aatii fi nyaata jinni'ii qixa qoodamuu hin dandeettan.
22Kes. Deb. 32:21 Moo Gooftaa haa hinaafsifnuu? Nu isa caalaa jabaannaa?
236:12; 8:1 Maruu naa eeyyamameera; maruu ammo hin fayyadu. Maruu naa eeyyamameera; Haa ta'uu ammo ka keessa namaa qulqulleessuu miti.
2413:5; Rom. 15:2; Filph. 2:4 Namni maruu bu'aa gosho'oo ufiitiif malee tokkollee waan ufii hin barbaadin.
25 Rom. 14:2-10 Waan gabayaa fooniititti gurguramu maraa uduu hin shakkine nyaadhaa'a.
26Far. 24:1; 50:12 «Ka lafaa fi lafa irra guute maruu ka Goofta'aa waan ta'eef.»
27Worra hin amanne keessaa tokkollee yoo isin waame dhaquu yoo barbaaddan yaada keessaniin uduu hin shakkine waan isinii dhiyeessan maraa nyaadhaa'a.
288:7 Namni tokkollee «kun ciincaa waaqa tolfama'aaf dhiyaate» yoo isiniin jedhe; sababa namichi waan san isinitti himeef sababaa shakkii qalbii teessaniitiif hin nyaatinaa'a.
29Yaada hiriyyaa keetiitiif malee yaada mataa keetiitiif hin dubbadhu. Wolabummaa kiyya irratti yaada nama biraatiin na irratti murteeffamaa?
30Rom. 14:6; Xim. 1ffaa 4:4 Anillee yoo badhaadha Rabbiitiin nyaadhe, waan itti galatoonfadhuuf maaf arrabama?
31 Qol. 3:17 Eegasuu waan dhuddanii fi waan nyaattan yoo ta'e yookaan waan kamiinillee yoo gootan, waa maraa ulfinna Rabbiitiif godhaa'a.
32Rom. 14:13 Ani ammo hedduun isaanii akka fayyaniif bu'aa isaaniitiif malee, bu'aa kiyya uduu hin barbaanne;
33waa maraanuu nama maraa akka gammachiisu Yihuudii, namoota Giriikiitii fi woldaa Kiristaanaa ta Rabbiitittillee gufuu hin ta'inaa'a.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.