1Mootichi Abiyaan du'ee qachaa Daawitii keessatti awwaalan; bikka isaa ilma isaa Aasa'atu mooye; bara inni mooye biyyi haga woggaa kudhanii nagaya argatte.
2Aasaan Rabbii Waaqa ufii afo'otti waan misha'aa fi waan qajeelaa hojjate.
3Inni hulee ciinca'aa ka waaqa tolfama'aa, hulee itti sagadan ka gaara gubba'aallee diigee soodduullee caccabse.
4Muka jalatti waaqeffatanillee hin mure; baniin biyya Yihuuda'aa akka isaan Rabbii Waaqa abboota ufii soqan, ajajaa fi seera isaa akka raawwataniif isaan ajaje.
5Qachoota biyya Yihuuda'aa maraa keessaa hulee itti sagadan ka gaara irraatii fi fakii adu'uu maraa balleesse, mootummaan isaallee nagayaan jiraate.
6Qachaa Yihuuda'aa marattuu dallawa ijaare; Rabbi waan hara baafata isaa kenneef lafti nagayatti tarte; bara san namni isaan lolu hin jiru ture.
7Inni banii biyya Yihuuda'aa maraanuu, «Qachoota kanniin haa ijaarruu, dallawa dhaga'aatii fi balbala loosaallee itti haa ijaarruu, nu Rabbii Waaqa keenna waan waaqeffanneef lafti waan nu barbaanneef numa afoo jirti; Rabbillee naannoo keenna nagaya godheeraa» jedhe; isaanillee hojjatanii fixan.
8Mootichi Aasaan loltoota kuma dhibba sadihii ka wontee gugurda'aa fi meeshaa woraanaa hidhatan biyya Yihuuda'aa keessaa, worra ebo'oo fi wontee didiqqaa qabatan loltoota kuma dhibba lamaatii fi saddeettamaa biyya Biiniyaamii keessaa qaba ture; loltoonni kunniin maruu worra jajjabaa guddisanii leenji'an turan.
9Ziiri namni Itoophiya'aallee namoota miliyoonii tokkootii fi gaarii fardaa dhibba sadihii qabatee bayee gara Mariisa'aa dhufe.
10Aasaan isaan wol lolu'uuf bayee dhooqa Tsiifta'aa keessatti wolitti duulan.
11Hennaa san Aasaan «Yaa Rabbi! ati loltoota jajjaba'aa fi loltoota dadhabaallee gargaaruu dandeetta; Rabbi Waaqa keenna! Nu waan si hedanneef loltoota baay'ee kanaan lolu'uuf dhufneerraa yabo'oo nu gargaari; Rabbi Waaqa keenna! Ati Waaqa keenna waan taateef ka si mooyachuu danda'u hin jiru.» jedhee Rabbii Waaqa ufii kadhate.
12Rabbi banii Yihuuda'aatii fi Aasaa afo'otti worra Itoophiya'aa dhaye; isaanillee jalaa dheessan.
13Aasaanii fi baniin isa woliin jiru haga Geerara'aatitti worra Itoophiya'aa ari'anii isaan fixan. Worri Itoophiya'aa sunniin Rabbii fi banii san afo'otti haga badanitti waan mooyatamaniif waan isaan qaban baay'ee booji'anii isaan jalaa fudhatan.
14Rabbi guddisee waan isaan naasiseef qachoota naannoo Geerara'aa jiran maraa dhayanii waan qachaa san keessatti argan maraa saaman;
15Moonaa looniillee hin diigan; gaala baay'e'ee fi hoolotallee booji'anii gara Yerusaalemii galataniin.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.