1Hennaa san dubartoonni torbaa
dhiira tokko qabanii,
«Nu'u nyaatuma keenna nyaanna;
uffatuma keenna uffanna,
nu'u maqama kee calla'aan waamamnaa;
salphinna nu irraa buusi» jedhaniin.
Yerusaalem Deebitee Haarawoomte2Hennaa san haafni muka Rabbii kabajjama'aa fi ka bareede ta'a; daraaraan lafaa worra Israa'elii ka badii irraa hafaniif boonaa fi ulfinna ta'a.
3Worri Tsiyoonitti hafan, worri Yerusaalemiin keessattillee hafan, worra Yerusaalemitti galmaayan maraa woliin woyyoota jedhanii waamaman.
4Gooftaan xurii dubartoota Tsiyoonii hennaa dhiqu; Yerusaalemiinillee dhiiga itti cuuphamtee murti'ii fi hafuura nama gubuun isii qulqulleessa.
5Achiin maayessa Rabbi gaara Tsiyoonii irraa fi worra achitti wol gayan maraa irratti guyyaa duumessaa fi aara; halkan ifa ibiddaa ka mallisu uuma; ulfinna isaa maraa irra golgatu ta'a;Ser. Ba'u. 13:21; 24:16
6ka oo'a guyya'aatiif gaaddisaa fi ka waa nama irraa dhooggu; ka roobaa fi kirfaffuu jalaa itti dheessanii fi hulee itti daadayatanii fi irkoo ta'a.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.