1Haga Sedeqiyaas ilmi Iyyoosiyaasii Yihuudaa irratti mooye yoma san Rabbi akkana naan jedhe,Mot. 2ffaa 24:18-20; Sen. 2ffaa 36:11-13
2«Qambara bocii ilmoolee qambaraatitti teepha godhii lum'atti godhadhu.
3Karaa worra dhaamsa geessan ka gara Sedeqiyaasii mootii Yihuuda'aa ka Yerusaalemiin keessa jiraatuu dhufanii gara Edoomii, Moo'aabii, Amoonii akkasuma gara Xiroosiitii fi gara mootota Siidoona'aa dhaamsa erge.
4Worri dhaamsa gooftota ufiitii geessan kunniin dhaamsa kiyya ka ana Waaqa Israa'elii Gooftaa banii maraa akka geessan isaanitti himi!
5Ani hunna kiyya gudda'aa fi jabeenna kiyyaan adunya'aa fi fiixaa ilma namaa akkasuma busaawaa lafa irra jiraatu maraa uume; namni adunyaa bulchu eennuun akka ta'e hin murteesse.
6Baniin kun maruu baallii hojjataa kiyya ka Nabukadanatsoorii mootii Baabiloonii jalatti akka bulan ka taasise ana; busaawaan lafa irraa uduu hin hafne isa jalatti bulan.
7Baniin maruu isaa hojjata akkasuma haga guyyaa baniin isaa kufu gawutti isaan, ilma isaatii fi ilma ilma isaa jalattillee hin bulan.
8Garuu baniin kamuu yookaan mootiin isa hin tajaajilu, isa jalattillee hin bulu yoo jedhe, Nabukadanatsoor akka balleessuuf waan eeyyameefiif ani akka isaan lola, beelaa fi gad qabamanii adabaman taasisa.
9Isin worra raattotaa, worra moru, worra asmaa hojjatan, yookaan worra ekeraa dubbisanii fi worra eebjuu eebjota'aa waan uf afoo ta'u hin beenna jedhan maraa hin dhagayinaa'a; wonti isaan maruu isin gorsaniif akka isin mootii Baabiloonii jalatti hin bulleef.
10Raanni isaan isinii raagan raaga sobaati; isin biyya dhalattan keessaa gara biyya fago'oo fudhatamtan waan ani isin ari'uuf hin baddan.
11Baniin garuu baallii mootii Baabiloonii jala buluu fi isa tajaajilu biyyuma ufii keessa taa'ee akka lafa ufii qotatu godha; ka waan kana dubbate ana Rabbi.»
12Ani Sedeqiyaasii mootii Yihuuda'aatitti akkana jedhee dubbima kana dubbadhe, «Ati yoo mootii Baabiloonii gabbarte, isaa fi banii isaallee yoo tajaajilte, lubbu'uun jiraachuu hin dandeetta.
13Maaf atii fi baniin kee lola, beelaa fi bala'aan dhumtan? balaan Rabbi banii mootii Baabiloonii jalatti hin bulle irra gaya;
14Dubbii raattonni mootii Baabiloonii jalatti hin bulinaa'a jedha'aa isinitti himan hin dhagayinaa'a; isaan raaga sobaa dubbatan.
15Rabbi akka inni ufii isaan hin erginee fi ka isaan maqaa isaatiin dubbatan maruu akka soba ta'e inninuu isinitti himeera; kanaafuu inni isin ari'a; isinii fi raattonni soba kana dubbattan maruu hin baddan.»
16Kanaan maayessa Rabbi gadootaa fi bani'itti «Raattota meeshaan mana woyyu'uu maruu daddafee deebi'ee dhufa jedha'aa isinitti himan maraa hin dhagayinaa'a; wonti isaan dubbatan raaga sobaati.
17Kanaafuu isin isaan dhagawuu dhiiftanii yoo mootii Baabiloonii jala bultan lubbu'uun jiraattan; qachaan tunillee maaf tuulaa waan diiggamee taatee hafti?
18Isaan yoo raattota ta'anii fi dubbiin raagaa ka ani isaanitti hime isaan keessa jiraate isaan meeshaa hin fudhatamne ka mana woyyu'uu, mana mootummaa Yihuudotaatii fi ka Yerusaalemiin keessatti hafe maraa akka gara Baabiloonii hin fudhatamne akka godhu kadhata'aa ana Rabbii waa maraa danda'u haa gaafatanii.
19-20Mootiin Baabiloonii Nabukadanatsoor Ikooniyaanii ilma Iyyo'aaqeemii mootii Yihuuda'aatii fi namoota gugurdaa Yerusaalemii woliin hennaa booji'ee gara Baabiloonii fide meeshaa, utubaawwan hedduu, gandaa bisaan itti kuufamu ka sibiila diimaa irraa hojjatame, meeshaa sibiilaa ka waa irra kaayanii fi ka mana woyyuu keessa jiran ka biraallee Yerusaalemiin keessatti dhiisee deemee ture.
21Isin dubbii ana Rabbii Gooftaa banii maraa Waaqa Israa'elii waan meeshaa Yerusaalemii, mana woyyu'uutii fi ka mana mootumma'aa keessatti hafan maraaf dubbadhu dhagayaa'a.
22Haga ani yaada kiyya gara isaanii deebisuu meeshaan kunniin maruu gara Baabiloonii fidanii achi taa'a; achiin maayessa ani isaan deebisee gara hulee kanaa isaan fida; ka waan kana dubbate ana Rabbi» jedhee isaanitti hime.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.