Raajii Hisqeelii 31 - Kitaaba Woyyuu

Biyyi Misirii Muka Birbirsaatitti Fakkeeffamte

1Baqannee woggaa kudha tokkeesso'oo jiini sadeesso'oo seenee guyyaa jalqabaatitti Rabbi akkana jedhee natti dubbate,

2«Ati ilma namaa! mootii biyya Misiriitii fi banii heddu saniin akkana jedhii itti himi;

‹ati guddinnaan eennuun wol fakkaatta?

3Ati akka haafa babbareedaa gaaddisa qabuutii fi

akka birbirsa Libaanosii ka dheerinni isaa duumessa bira gawuuti.

4Achi bisaan gayaa muka san guddisutu jira;

bisaan lafa jala jiru muka guddisa;

bisaan yaa'u mukkiin raasaa jiru jala yaa'a.

5Munni kun guddisee waan bisaan argateef

hojja'aan mukkiin kaawwan maraa caale;

dameewwan isaallee fufurda'aa fi dhedheeraa ta'an.

6Simbirran maruu dameewwan sanniin irratti maandhee ijaartan;

busaayaan lafa irraa ilmoolee ufii gaaddisa isaa jalatti dhalan;

baniin gugurdaan maruu gaaddisa san jalatti hara baafaa'aa turan.

7Munni sun hidda ufii gara bisaanii waan gad fageeffateef

dameen isaa guddisee guddatee babadhatee bareede.

8Munni Libaanosii ka jeennata Rabbii keessa jiru isatti hin bikkamu;

hindheessi damee isaa hin gayu;

dameen dhaddachaa damee isaatiin

yoo wolitti bikkan waan diqqoo woyiiti;

mukkiin jeennata Rabbii keessa jiran keessaa

ka akka isaa bareedu tokkollee hin jiru.

9Ani dameewwan babadha'aan isa bareechise;

inni muka ani Rabbi jeennata Eedenii keessatti dhaabe caalee maraa hinaafsise.

10Munni kun guddatee haga duumessa bira gaye muka boonee uf jaje kana ani Rabbiin maraa olii akkana godha.

11Ani baasee isa gata; bulchoota bani'iititti dabarsee isa kenna; inni haguma hammeenna isaatiin badii isa irratti raawwata.

12Banii keessaa worri garaa jabaatan muka san muranii gatan; luxuun isaa gaarranii fi dhooqa keessatti kufan; dameewwan isaa caccabanii bisaan yaa'u irra ciisan; baniin gaaddisa isaa jalatti wol gayan maruu isa dhiisanii deeman.

13Simbirran dhufanii gudeelcha san irra taa'an; dameen isaa hulee busaayaan itti hara baafatu ta'a.

14Inni haguma fedhellee bisaan dhuga'aa yoo guddate munni akkaataa kanaan hojjaan isaa haga duumessaa gaye ammaa achi sirima hin jiraatu; murtiin du'aa ka worra du'an irra gawu isaan irrallee hin gaya; du'anii worra du'etti eda'aman.»

15Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Hennaa munni sun muramee worra du'anitti eda'amu bisaan lafa jalaa san cufee namoonni hedduu uduu booyaniif isa irra gara gala; lanni hedduu akka adda citan godha; bisaan gugurdaan yaa'u akka dhaabatu godha; sababaa kanaaf waan gaarran Libaanosii dukkanaan golgu fida; kanaaf mukkiin lafa raasa'aa jiran maruu hin quuran.

16Ani muka san hennaa akka inni du'ee ka du'an kaawwanitti eda'amu godhu laagaan kufa isaa banii maraa hollachiisa; mukkiin jeennata keessaa ka worra du'e kaawwanitti eda'amanii fi mukkiin Libaanosii mimmishaan bisaan dhuga'aa guddatan maruu inni du'ee waan worra du'anitti eda'ameef hin gammadan.

17Worri gaaddisa isaa jala turanii fi worri banii keessaa isa gargaara'aa turan du'anii worra guraadeen dhumanii awwaalamanitti gad bu'an.

18Munni fakkeenna mootii biyya Misiriitii fi banii maraati; mukkiin jeennata keessa jiran keessaa ka hojja'aan bareedaan isa gawu hin jiru; amma ammo akka mukkiin jeennata keessaa ka worra du'anitti eda'amanii innillee du'ee worra du'anitti eda'ama» Rabbiin maraa olii waan kana dubbateera.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help