Kitaaba Faaru'uu 81 - Kitaaba Woyyuu

Faaruu Hennaa Ayyaanaa FaarfatanFaaruu Asaafii ka bulchaa faarfattootaatiif dhiyaate ka booba'aan faarfatamu.

1Waaqa jajjabeenna keenna ta'e gammachu'uun faarfadhaa'a;

Waaqa Yaaqoobiitiif ililfadhaa'a!

2Faaruu jalqabaa'a; dibbeellee dhayaa'a;

kiraara sagalee guddaa dhageessisuu fi masiinqo'oon;

sagalee bareedaan faarfadhaa'a.

3Addeessa guutu'utti; guyyaa ayyaanaa keenna ka ulfinnaa;

seensa ji'aatitti; hennaa baatiin baatu

xurumbaa afuufaa'a.

4Kun seera Israa'elii kenname;

murtii Waaqa Yaaqoobiiti.

5Hennaa biyya Misirii guutumatti dhiisee baye;

kana Yooseefii murteesse;

afaan hin beenneen ka akkana jedhu dhagaye;

6«Ceekuu isaa ba'aa jalaa baase;

harka isaa keeshee akka hin qabanne boqachiise.

7Hennaa rakkatte na waamatte;

anillee si oolche;

hulee gigissaan itti dhokatu keessaa sii deebise;

bisaan Mariba'aa biratti si qore.

8Banii kiyya! hennaa ani si seeru naa dhagayi;

Yaa Israa'el! maal uduu na dhageettee!

9Si bira waandhi ormaa hin jiraatin;

Waaqa biraatiillee hin sagadin.

10Ka biyya Misiriitii si baase;

Ani Rabbi Waaqa keeti;

afaan kee badhisii banadhu

anillee sitti guutaa.

11«Baniin kiyya ammo na hin dhageenne;

Israa'elillee harka hin kennadhu jette.

12Kanaafuu akka karoora hawwii ufiitiin deeman;

dabarsee worra garaa jabaatanitti isaan kenne.

13Maal uduu baniin kiyya na dhagayee jiraatee;

Israa'elillee uduu karaa kiyyaan deemee jiraatee;

14Ani silaa daddafee

diintota isaanii jilbiiffachiisa ture;

harka kiyyallee nyaapholee isaaniititti kaasa ture.

15Worri Rabbiin jibban isa afo'otti hollatan;

adabbiin isaaniillee haga bara baraati.

16Isin ammo qamadii filatamaa isin nyaachisa;

damma goda keessaallee isin quubsa.»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help