Kitaaba Seena'aa ka 2ffaa 13 - Kitaaba Woyyuu

Lola Abiyaan Iyyoorbi'aamiin Lole(Mot. 1ffaa 15:1-8)

1Mootichi Iyyoorbi'aam mooyee woggaa kudha saddeetesso'ootitti Abiyaan biyya Yihuuda'aa irratti mooye.

2Inni Yerusaalemiin keessa jiraata'aa haga woggaa sadihii mooye; haati isaa Mikkayaan mucattii Uri'eelii nama biyya Gibi'a'aa keessatti dhalateeti.

Abiya'aa fi Iyyoorbi'aamiin jiddu'utti lola gudda'atu ture;

3Hennaa san Abiyaan loltoota jajjabaa kuma dhibba afurii qabatee duulaaf baye; Iyyoorbi'aamillee loltoota jajjabaa kuma dhibba saddeetii filatee isatti duulu'uuf baye.

4Kanaan maayessa Abiyaan biyya Efreemii ka gaaraa tulluu Tsimaaraayii irra dhaabatee, «Iyyoorbi'aamii fi baniin Israa'elii maruu na dhagayaa'a!

5Daawitii fi ijoolleen isaa biyya Israa'elii irratti baraa haga bara baraa akka mooyan Rabbi Waandhi Israa'elii waadaa hin diiggamne ka sooqiddaatiin akka waadaa gale hin beettanii?Ser. Lew. 2:13; Ser. Lak. 18:19

6Kun ta'ee uduu jiru Iyyoorbi'aam ilmi Naabaaxii ka Solomoonii hojjatu gooftaa ufii Solomooniin irratti ka'e.

7Worri waan hamaa hojjatanii fi womaawomteen isa bira dhaqanii hennaa Roobi'aam mucaa diqqaa ta'ee uf irraa isaan dhoogguu hin dandeenne Roobi'aamii ilma Solomooniititti ka'an.

8Isin amma baallii Rabbi fiixaa Daawitiitii kenne uggitanii mootummaa isaa dhiibu'uuf karoorfattaniirtan; karoorri keessan kun akka isinii raawwatu loltoota baay'ee duulchiftaniirtan; waaqa tolfamaa keessan ka fakii waati'ii ka Iyyoorbi'aam worqi'iin hojjachiisellee qabattanii dhuftaniirtan.

9Leewwota ijoollee Aaroonii ta gadoota Rabbii taatellee hin ariitan; bikka isaanii akkuma baniin kuuwwan godhan gadoota gootanii muudattan; nama jibicha tokkoo fi korbeeyyii hoolotaa torbaa qabatee uf woyyoomsu'uuf gara keessan dhufe maraa waaqa tolfamaa keessan ka sobaatiif gadaa gootanii muuddan.

10«Nu'uuf garuu Rabbi Waaqa keenna; nu isa hin dhiifne; hojjattoonni Rabbii gadoota ijoollee Aarooniiti; worri Leewwotaallee nu woliin hojjata'aaran.

11Ganamaa fi galgala ciincaa Rabbii ciincawuu fi hixaana urgaawu aarsan; xoroshoo woyyoome gabatee qulqulluu irratti baattuu ibsa'aa ka worqii irraa hojjatamee fi ka waan ibsan irra kaayanillee halkan halkan akka ibsuuf qopheessan; nullee ajaja Rabbii Waaqa keennaa hin eenna; isin garuu isa dhiiftan.

12Rabbi nu woliin jira; inni bulchaa keenna; worri gadootaa ka xurumbaa afuufanillee nu woliin jiran isin irratti xurumbaa afuufan; kanaafuu isin ijoollee Israa'elii! kun waan isinii hin taaneef Rabbii Waaqa abboota teessaniitiin hin lolinaa'a!» jedhe.

13Hennaa san Iyyoorbi'aam loltoota isaa keessaa garii dudda duuba loltoota biyya Yihuuda'aatiin riphanii akka isaaniin lolan, loltoota kaawwan garuu akka isaan loltoota Yihuuda'aa afomaan itti deemanii lolaniin taasise.

14Baniin Yihuuda'aa uf irra gara galanii duraa fi duubaan akka marfaman haga argan akka isaan gargaaruuf gara Rabbii iyyan; worri gadootaallee xurumbaa afuufan.

15Worri Yihuuda'aa gara Rabbii iyyinaan Rabbi Iyyoorbi'aamii fi Israa'eloota maraa Yihuuda'aa fi Abiyaa afo'otti isaan dhaye.

16Baniin Israa'elii banii Yihuuda'aa dheesse Rabbillee isaan dabarsee harka isaaniititti kenne.

17Abiya'aa fi baniin isaa worra Israa'elii dhayanii banii Israa'elii keessaa baniin kuma dhibba shanii worri filataman hin dhumatan.

18Hennaa san baniin Israa'elii hin salphatan; worri biyya Yihuuda'aa garuu waan Rabbii Waaqa abboota isaaniititti amananiif hin mooyatan.

19Abiyaan Iyyoorbi'aamiin lolee qachoota isaa Beeteelii fi ganda isi'ii, Yishaana'aa fi ganda isi'ii, Efroonii fi ganda isi'ii fudhate.

20Achiin maayessa Iyyoorbi'aam mana Abiya'aatitti hin jabaanne; Rabbi du'aan isa adabe.

21Abiyaan jabaatee haawwota manaa kudha afur fuudhee ijoollee dhiiraa diddamii lamaa fi ijoollee intalaa kudha jaha uumate.

22Wonti Abiyaan hojjate dubbiin inni dubbate kitaaba raatticha Ado'oo keessatti barreeffameera.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help