Dubbii Nagayaa Ka Maarqoosii 15 - Kitaaba Woyyuu

Yesuusiin Philaaxoosiin Afoo Dhiyeessan(Mat. 27:1-2,11-14; Luq. 23:1-5; Yoh. 18:28-38)

1Akkuma lafti bariiteen obboroo bulchoonni gadootaa, manguddoonni, barsiisonni Seera Muuse'eetii fi Yaa'iin murti'ii maruu woliin mari'atan. Achiin maayessa Yesuusiin hidhanii fuudhanii dabarsanii Philaaxoositti kennan.

2Philaaxoosillee, «Ati Mootii Yihuudi'iitii?» jedhee gaafate. Yesuus, «Maarre atuu jette» jedhee deebise.

3Mootonni gadootaallee waan hedduun isa himatan. Inni ammo womaa isaanii hin deebifne.

4Philaaxoos ammo ammallee «Womaa hin deebiftuu? Kunoo waan meeqaan si himata'aaran?» jedhee gaafate.

5.

39Ajajaan loltuu dhibbaa ka fannoo Yesuusii afoo dhaabateeru akkanatti iyyee lubbuu ufii dabarsee akka inni kenne hennaa arge, «Namni kun dhugamaan Ilma Rabbii ture» jedhe.

40 Luq. 8:2-3 Dubartoonni gariin fagoo dhaabatanii laala'aa turan. Isaan keessaa Maariyaamii Magdalaa, Maariyaamii haadha Yaaqoobii maandhichaatii fi Yoose'ee, Saloomeen faati achi jiran.

41Isaan hennaa inni Galiilaa jiru isa faanaa deemanii isa tajaajilan. Dubartoonni biraallee isa woliin gara Yerusaalemii dhufanii achi jiran.

Yesuus Awwaalame(Mat. 27:57-61; Luq. 23:50-56; Yoh. 19:38-42)

42Ammallee hennaa dhiye jala bultii guyyaa Sambataatiif guyyaa qophi'ii waan tureef,

43Yooseef namni Armaatiya'aa beekkamaan yaa'ii Yihuudotaa tokko ija jabeennaan Philaaxoosiin bira dhaqee reeffa Yesuusii akka isaa kennu isa kadhate. Yooseefiin kun inninuu nama dhufa jeennata Rabbii abdi'iin eeggata'aa ture.

44Philaaxoos attamitti haganatti du'e jedhee maalalfatee inni ajajaa dhibbaa waamee, «Haga du'e turee?» jedhee gaafate.

45Philaaxoos akka Inni du'e ajajaa loltuu dhibbaa irraa hubatee, reeffa isaa Yooseefiif kenne.

46Hu. Er. 13:29 Yooseefillee qoola reeffa ittiin kafanu bitee reeffa Yesuusii fannoo irraa buusee, qoola saniin kafanee, awwaala dhaga'aan hojjatame keessa kaaye. Afaan boollaatitti dhagaa gangalchee cufe.

47Maariyaamiin qachaa Maagidala'aatii fi Maariyaamiin haati Yoosa'aa reeffa Yesuusii eessa akka kaayan laala'aa turan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help